Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Xiyyaar-samiin Naasaa ergama Addeessaaf qajeelte Dachee marsaa jirti

Gareen saayintistootaa ergama Artemis II jedhamu turtii guyyoota 10f Ebla gara hawaatti ergamaniiru. Qorattoonni kunneen ergamni isaanii gara Addeessaatti ta'us, achirra hin qubatan garuu itti marsu jedhameera. Ergamni waggaa 50 booda ta'e kun seenaa keessatti hanga dhalli namaa Dacheerraa fagaatee deeme caalaa fagaatanii deemu.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Daawwadhaa: Xiyyaar-samiin Naasaa ergama Addeessaaf qajeelte suuraan

    Xiyyaar-samiin Naasaa ergama Addeessaaf qajeelte Dachee marsaa jirti suuraan qophaa'e daawwadhaa.

  2. Xiyyaar-samiin Naasaa ergama Addeessaaf qajeelte Dachee marsaa jirti

    Gareen saayintistootaa ergama Artemis II jedhamu turtii guyyoota 10f Ebla gara hawaatti ergamaniiru. Qorattoonni kunneen ergamni isaanii gara Addeessaatti ta'us, achirra hin qubatan garuu itti marsu jedhameera.

    Ergamni waggaa 50 booda taasifame kun seenaa keessatti hanga dhalli namaa kanaan dura Dacheerraa fagaatee deeme hunda caala jedhameera.

    Yeroo rookkeettii astiroonoomeroota afran qabatte Wiirtuu Hawaa Kenedii keessaa furgggisuuf qophiin hunduu xumuramee namoonni qalbiin dhukaafamuu isaa eegaa jiranitti rakkoon tekinikaa mudatee ture.

    Haata'u malee Injiinaroonni NASA battalumatti rakkoo tekinikaa mudate furanii amma hawaa seenanii Dacheerra marsaa jiru.

  3. Iraan dubbi Tiraamp 'Iraan dhukaasa dhaabuuf gaafatte' jedhuuf deebii kennite

    Ministeerri Dhimma Alaa Iraan, Iraan dhukaasa dhaabuuf Ameerikaa gaafataa jirti jechuu Tiraamp irratti deebii kennaniin haalaniiru

    Dubbiin Tiraamp ''sobaa fi bu'uura kan hin qabnedha'' jedheera qondaalli Iraan kun

    TV'n mootummaa Iraan yaada kana dubbi himaa ministeera dhimma alaa Esma'el Baqayi wabeeffachuun gabaaseera.

    Tiraamp miidiyaa hawaasaa ‘Truth Social’ irratti hoggansi haaraan Iraan dhukaasa dhaabuuf gaafachuu isaanii ibsaniiru. Ameerikaan yoo ulaan Hormuz banamee fi nageenya qabaate qofa yaada kana kan ilaaltu ta'uu barreessan.

  4. Misaa'ilootni hedduun magaalota Israa'el heddutti roobuun gaaafame

    Yerusaalem fi Tel Aviv dabalatee kutaalee Israa'el keessatti Sagaleen yeroo balaafi dhohinsi gurguddaan dhaga'ameera

    Kunis haleellaa misaa'eloota balistikii Iraan irraa agara Israa'eliitti rooban irraa akka ta'e gabaasaaleen Israa'el irraa ba'an kan mul'isan.

    Israa'el misaa'eloota kanneen hedduu qolachuu fi caccabni misaa’eloota giddugala Israa’el keessatti bakka adda addaatti akkakukkufee gabaafameera.

    Gariin ammoo haleellaa ciccimaa torban sadii asitti ta'ee hn beeknee raawwatee jedhu gabaasaleen.

    Lammiileen Israa’el hedduun gara daqiiqaa 20f bool'a lafa jalaa keessa turuuf akka dirqamanillee ibsameera.

    Misaa'ela furguggifamuu kun kan raawwatame wayita guutuu Israa'elitti ayyaana Faasikaa kabajamuuuuf qopiin taasifamaa jirutti.

    Gamoowwaan tokko tokko magaalota akka Holon, Bat Yam fi Tel Aviv keessatti haleelamuu kan eeran gabaasaleen haleellaa kanaan namootarraa miidhaan hangamii akka qaqqabee ammatti gabaasni bahe hin jiru.

  5. 'Ulaan Hormuz diinota Iraaniif cufamee itti fufa'-IRGC

    Koreen Eegdota Warraaqsa Iraan (IRGC) akka jedhetti, ulaan Hormuz ''diinota Iraanif'' cufamee akka turu hime.

    IRGC'n televijiinii mootummaa Iraan irratti ergaa dabarseen to'annoon ulaa kanaa harka humnoota garee Eegdota Warraaqsa Iraan kanaa keessa jira jedhe.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp toora miidiyaa hawaasaa 'Truth' irratti Iraan dhukaasa dhaabuuf gaafachuu ishee barreessan

    Itti dabaluudhaanis “ulaan Hormuz yoo banamee fi kan bilisa ta'u yoo ta'e dhukaasa dhaabuuuf ni ilaalla,” jedhe.

    Hanga ammaatti Iraan dhukaasa dhaabuu Iraan gaafatte isa Tiraamp jedhaniif deebii hin kennine.

    Oduu kana waliin walqabatan biroo:

  6. Iraan ulaa Galaana Diimaa cufuuf dhaadachuun Itoophiyaaf maal jechuudha?

    Ulaan Hormuuz cufamuu hordofee barbaachisummaan Galaana Diimaa dabaleera. Osoo kuni kanaan jiruuti kuni kan dhagahame. Kuni Itoophiyaaf maal jechuudha?

    Daawwadhaa!

  7. Tiraamp Iraan dhukaasa dhaabuuf gaafachuu himan

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp ''hoggansi haaraan Iraan'' dhukaasa dhaabuu gaafachuu isaanii dubbatan.

    Tiraamp ibsa miidiyaa hawaasaa ''Truth'' irratti maxxanseen qondaala olaanaa kana maqaa hin dhoofne , garuu namni kun "warra isa dura turan caalaa baayyee beekumsa qaba," jedhan.

    Itti dabaluudhaan Tiraamp "yoo ulaan Hormuuz banamee fi bilisa ta'e mee ni ilaalla. Hanga sanatti Iraan akka omaa hin qabnnee gochuuf yaaluun itti fufna. Gara bara dhagaatti isaan deebifna."jechuun barreessan

    Nama siyaasaa Tiraamp irra deddeebiin hogganaa haaraa Iraan jechuun waaman kun eenyu akka ta'e ifa miti.

    Bara 2024 kan filataman Masuudd Pezeshkiyaan ummata duratti mul'atanii yaada kennaa jiru.

    Tibbanas Iraan waraana kana xumuruuf ''fedhii '' akka qabdu dubbataniiru.

    Iraan Tiraamp waraana kana xumuruuf marii keessatti hirmaachuu haaluun, ergaawwan tokko tokko qofa karaa giddu-galeessitootaa Ameerikaa waliin waljijjiiruu ibsan.

  8. Hogganaan Olaanaan Iraan Hizboollaaf ergaa dabarsan

    Hogganaan olaanaa Iraan Mojtaba Kameni Hizboollaa h faarsuun hogganaa hogganaa garee hidhattoota Hizbullaf isaa Naayim Qaasim galateeffataniiru

    Ibsa barreeffamaa dhaabbata oduu Iraan kan mootummaa waliin hidhata qabu irratti darbeen Mojtaabaa Kameenii Hizboollaah “sochii kana hoogganaa jira” jedhan.

    Hoggantoonni garee kanaa “diina hamaa addunyaa Islaamaa” irratti qabsaa’uu isaanii keessatti humna, obsaa fi kutannoo agarsiisuu isaanii dubbataniiru.

    Mojtaabaa Kameenii erga erga abbaa isaa bakka bu'uun aangoo fudhatee as ummata durattis ta'ee miidiyaa Iraan irratti hin mul'anne. Haa ta'uu malee ergaan isaanii darbe darbee dhiyaataa jira.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti ambaasaaddarri Iraan akka jedhanitti, Mojtaabaa Kameenii of eeggannoo dhimma nageenyaaf jecha bakka uummanni itti baay'atu irraa of qusachuu isaanii ibsan.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Mojtaabaa Khameenii ''yookaan du'eera ykn haala baayyee hamaa keessa jira, sababiin isaas erga haleellaa sanaa as namni isa arge hin jiru waan ta'eef jedhan.

  9. Daawwadhaa: Haleellaa diroonii Iraaq Kurdistaan keessatti raawwatame

  10. Ameerikaan waraanni kun hangamiif itti fufa jetti?

    Doonaald Tiraamp fi qondaaltootni olaanoon Ameerikaa waraanni Iraan waliin taasifamaa jiru yeroo dhiyootti akka xumuramuu ibsaa jiru.

    Gaaffii waraanni kun yoo xumurama jedhu ilaalchisee mee waan Tiraamp fi qondaaltootni biroo dubbatan haa ilaallu.

    • Bitootessa 9, Tiraamp CBStti akka himanitti waraanni kun “xumuramuutti jira” jedhan. Hanga danda'ametti dafee akka xumuramuuf akka hojjatan dubbatan.
    • Torban darbe Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon akka jedhanitti, Ameerikaan duula Iraan keessatti taasiftu “torban lamaan dhufan keessatti” xumuruuf abdii qabdi.
    • Barreessituun pireesii Waayit Haawus Kaarooliin Liviit kanaan dura waraanni kun hanga torban jahaa turuu mala jedhanii ture.
    • Wixata darbe Tiraamp lola kana xumuruuf Ameerikaan mootummaa haaraa Iraan waliin marii cimaa taasisaa jirti jedhan.Garuu duula waraanaa Ameerikaa xumuruun yoo waliigaltee irra ga’amee fi ulaan Hormuz guutummaatti dooniidhaaf baname qofa ta’uu dubbataniiru. Iraan garuu mariin taasifamaa hin jiruu jettee turte.
    • Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waraanni kun “walakkaarra darbee jira” jedhan. Boodarras turtii waraaniichaan osoo hin taane ergama waraanaatiin walakkaarra darbuu jechuu akka barbaadan ibsan.
    • Kaleessa Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa Piit Heegseet waraana kana xumuruuf ariitii cimaan hojjatamaa akka jiru dubbataniiru. Mariin nageenyaa cimee deemaa akka jirus eeran.
    • Sana booda, kaleessa galgala, Tiraamp Ameerikaan “torban lamaa hanga sadii” booda Iraan gadhiisuu akka dandeessu dubbataniiru. Kunis kan ta’u erga US Iraan waggoota dheeraaf meeshaa niwukilaraa ijaaruu akka hin dandeenye waan mirkaneeffatteef ''Iraan gadhiifti'' jedhan
    • Tiraamp dhiyeenya Miidiyaa hawaasaa Truth irratti akka barreessetti ''hoggansi haaraan Iraan'' dhukaasa dhaabuu Ameerikaa gaafachuu ibse.
    • Waraanichaa dhaabufis ulaagaan tokkichi kan ta'uu danda'u ulaan Hormuz yoo banamee fi nageenyummaan isaa mirkanaa'e jedhan.
    • Yoo kuni ta'e yaada waraana dhaabuu ni ilaalla jechuun ibsan. Iraan garuu dubbii kana sobaa fi kan bu'uura hin qabne jechuun haaltetti.
  11. Haleellaa Iraan Isra'el irratti raawwatte booda lakkoofsi namoota miidhamanii dabalaa jira

    Haleellaa Iraan qarqara magaalaa Tel Aviv irratti raawwateen shamarree ganna 11 fi mucaa ganna 13 dabalatee namoonni 14 miidhamniiru.

    Haleellaa kanaan miidhaan irra gahe ilaalchisee odeeffannoo haaraa baaseen, tajaajilli balaa tasaa Israa’el, Magen David Adom, namootni miidhaan irra ga’ee gara hospitaala naannoo sanaatti geeffamuu ibseera.

    Ibsa biraa tajaajilichi baaseen, haleellaa Iraan wal-duraa duubaan raawwatte booda miidhaa dabalataa akka hin mudanne ibseera.

  12. Istaarmer wacni baayyatus fedha biyyaalessaarratti hundoofna jedhe qeeqa Tiraamp booda

    Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmer ibsa miidiyaaleef kenneen isa Tiraamp ''ammaan achi US UK gargaaruuf hin argamtu'' jechuun dhaadaterratti deebii kenneera.

    ''Waraana Iraanitti makamuufi dhiisuurratti ejjennoo ani qabadhe jijjiirsisuuf dhiibbaa guddaatu godhame, animmoo waraanicharratti ejjennookoo hin jijjiiru.

    ''Dhiibbaan bayyatus, hammamiyyuu wacni jiraatu, ani Ministira Muummee UKti fedha biyyaalessaa keenyarratti hundaa'een socho'a'' jedhe Istaarmer.

    Tiraamp yaada Truth Social gubbaa maxxanseen ''ofiif qabsaa'uu baruu jalqabuutu isinirra jira, USA ammaan achi dhuftee isin hin gargaartu'' jedhe.

    Istaarmer waayee hariiroon UK fi US daddaaqamaa kan Awurooppaa waliin jiru jabaachaa dhufuu ilaalchisee dubbateera. UK hariiroo Awurooppaa fi US waliin qabdu keessaa hin filattu jedhe.

    ''US fi Awurooppaa waliin hariiroo jabaa qabaachuun fedha biyyaalessaa keenya natti fakkaata'' jedhe.

    Garuu ammoo ''dhimma ittisaafi nageenya, anniisaafi dinagdee wajjin walqabatu irratti Awurooppaa waliin hariiroo jabaa feena'' jedhe.

    Aardii Awurooppaa waliin waltumsuun jiru hariiroo US waliin qabaniif barbaachisaa ta'uu ibse.

  13. Tiraamp NATO keessaa bahuuf yaadaa jira - Gabaasa

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp biyyattii NATO keessaa baasuuf ''baayyeema yaadaa jira'' jedha af gaaffiin miidiyaa Telegiraaf jedhamu waliin taasise.

    Akka gaazexaan kuni jedhutti Tiraamp NATOdhaan ''jabaa fakkaata malee hoffaa dha,'' jechuun dabalataan UK'n ammoo humna galaanaa hin qabdu jedheera.

    Waraana Baha Gidduugalaan booda Tiraamp miseensummaa dhaaba kana keessaa bahuuf irra deebiin itti yaada yoo taheef gaafatamnaan ''maarree irra deebiin yaaduuu oli dha malee,'' jedhe jechuun gabaase.

    ''Duras NATO'n na amaniisee hin beeku. Akka isaan hoffaa tahan beeka, Puutinis kana beeka,'' jedhe.

    ''Humna galaanaa hin qabdu. Dulloomteetta, xiyyaarri waraanaa kee hin hojjetu,'' jechuun humna waraanaa Biriiteen qeeqq.

  14. Daawwdhaa: Caccabaan misaa'elaa Iraan wiirtuu Israa'el haleele yeroo konkolaataa gubee mancaasutti viidiyoo waraabame

  15. Ulaa galaanaa Baab El Mendeb Itoophiyaatti dhihoo jiru Iraan akka hin cufne yaaddoo uume

    Ulaa Galaana Diimaa daandii doonii murteessaa tahe akka cufsisuu dandeessu Iraan dhaadannaan daldala idil-addunyaa irratti danqaan biraa mudachuu danda'a yaaddoon jedhu uumameera.

    Iraan Ulaa Hormuuz cufteetti. Kunis bob'aan Galoo-galaana Parshiyaa keessaa akka hin baane godheera.

  16. Daawwadhaa: Beerut keessatti yeroo misaa'eliin Biin Hasan keessatti gamoo haleeletti

  17. Chaayinaafi Paakistaan waraanni Iraan akka dhaabbatu qabxii waligaltee shan dhiyeessan

    Chaayinaafi Paakistaan waraana Iraan goolabuuf dhukaasa dhaabuu hatattamaa gochuu akkasumas Ulaa Hormuuz banuu dabalatee qabxii waliigaltee shan dhiyeeessaniiru.

    Karoorri nagaa kuni kan qophaa'e Paakistaaniin yoo tahu ministarri hajaa alaa biyyatti waraanni kuni akka dhaabbatu tattaaffii taasisan Chaayinaan akka deeggartu gaafachuuf Chaayinaa deemuun booda kana dubbatan.

    Ministeeri Hajaa Alaa Chaayinaa akka ibsetti biyyooti lamaan ''nagaa buusuuf tattaaffii haaraa gochaa jiru.''

    Chaayinaan waraana Iraan ilaalchisee deebiin kennaa jirtu qabbanaa'aadha. Kuufama boba'aa olaanaa kan qabdu Chaayinaan biyyoota Eeshiyaan addatti hanqina boba'aa olaanaa taheef hin saaxilamtu.

    Haa tahu malee maraammartoon waraana kanaa itti fufa taanaan warshaaleen Chaayinaa gabaa addunyaaf oomisha dhiyeessan dhiibbaa keessa seenu yaaddoon jedhu jira.

    Inumaayyuu waraanni Iraan fedhii nagaafi tasgabbii gaaddiddeessaa jira. Chaayinaan guddinashee akka itti hin fufneefi oomisha ishee biyyoota alaaf dhiyeessuuf sochii daldalaa addunyaa tasgabbaa'aa tahuu mala.

    Waraanni Iraan jalqabee amma baatii tokko darbaa yeroo jirutti gatiin boba'aa dabalaa jira. Mootummaan Chaayinaas waliigaltee dhukaasa dhaabuurra akka gahamu tattaaffii gochuu itti fufee jira.

    Chaayinaan kanaan duras Baha Gidduugalaa keessatti shoora nagaa buusuu taphachaa turte, kuni bara 2023 Saa'udii fi Iraan waliigalteerra akka gaha kan goote yoo tahu biyyooti lamaan hariiroo dippiloomaasiitti ce'uu danda'aniiru.

    Waggaa tokko booda ammoo hogganoota dameelee Filisxeem 14 keessaa walitti babba'an sassaabuun mootummaa tokkummaa biyyaalessaa akka hundeessan gooteetti.

    Karoora nagaa Iraan ilaalchisee hamma yoonaa mallattoon fudhatama argachuu hin mul'anne. Haa tahu malee fedhiin kuni akka itti fufu pireezidant Shii Jiinpiing hogganoota addunyaa biroon bir-qabatti walaba mariisisaa walabaa tahan dhiyaachuu danda'u.

  18. Qondaalli Raashiyaa Mojtabaa Kaameniin eessa jiru jedhan?

    Hogganaan Olaanaa Iraan Mojtabaa Kaamenii ammallee Iraan keessa jiru jedhan Iraanitti ambaasaaddarri Raashiyaa.

    Hogganaan Iraan erga filatamanii hanga yoonaa ummatatti hin mul'anne.

    Miidiyaan RTVI akka gabaasetti, sababa hogganaan kuni ummatatti hin mul'anneef yoo dubbatan ''sababuma beekamuufi'' jechuun deebisan.

    Mojtabaa Kaameniin abbaa isaanii Ayaatolaa Ali Kaamenii kan haleellaa waloo US fi Isaa'eliin ajjeefaman bakka bu'aniiru.

    Ameerikaan akka jettutti, Mojtabaan miidhamaniiru, fuulli isaaniis hin beeksisu. Sababa kanaaf ummatatti hin baane.

    Raashiyaan Iraan waliin hariiroo jabaa qabdi. Waggaa dura biyyoonni lamaan waliigaltee michummaa walii mallatteessaniiru.

  19. Ertiraan waggaa 19 booda yeroo duraaf ramaddii gulaallii Waancaa Afrikaaf dabarte

    Ertiraan turtii waggoota 19 booda ramaddii gulaallii Waancaa Afrikaaf gahuu mirkaneessite.

    Tapha gulaallii duraa Waancaa Afrikaan gareen Ertiraa ida'ama galchiin Iswaatinii 4fi 1'n mo'ateera.

    Sababa kanaaf gulaallii duraarraa gara gulaallii Waancaa Afrikaaf ce'an jechuudha.

    Gaalonni Galaana Diimaa dirree sadarkaa idil-addunyaa qabu hin qaban.

    Tapha duraa isaaniis Morokootti taphatani.

    Ertiraan erga bara 1993 Itoophiyaarraa walaboomtee Waancaa Afrikaaf geessee hin beektu.

    Burundii, Itoophiyaa, Leseetoo, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaa gulaallii duraa darbanii ramaddii gulaalliif kan dhaqqabanidha.

    Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Afrikaa 2027'f taasiseen tapha duraan Saa'otomeefi Pirinsippee 1fi 0 mo'ateera.

    Walumaa galammoo, gareen Itoophiyaa Saa'otome 4fi 0'n mo'ateera.

  20. 'US waraana Iraaniin guyyaatti dolaara biliyeena lama baasaa jirti'

    US waraana Iraan waliin gaggeessaa jirtuun guyyaatti dolaara biliyeena baasuu akka hin oolle ogeeyyin baasii waraana addunyaa qoratan ni ibsu.

    Waraana US-Israa'elifi Iraan gidduutti deemaa jiruun hanga ammaa US dolaara biliyeena kurna heddu baasuu akka hin oolle ibsa Yuunivarsiitii Biroonitti daayireektara sagantaa Baasii Waraanaa kan ta'e Istiifan Saaveel.

    Baasii meeshaalee waraanaa, meeshaalee waraanaa miidhamanifi baasiin wantoota biroof waraana kanarratti bahan dolaara biliyeena heddu akka ta'e kaasa qorataan dhimma baasii waraanaa kun.

    "Hanguma waraanni guyyaa guyyaan dheerataa deemu, uummata irratti ba'aa dabalataa fe'aa deema," jedha.

    Jalqaba ji'a kanaa Peentaagon Kongiresii UStti dhiyaachuun gaaffii dhiyaateef yoo deebii kennu, torban jalqabaa waranaa kanaa qofaatti US dolaara biliyeena 11.3 baasuushee ibse. Baasiin Pentagon ibsee ture dhugaa jirurraa fagoo akka ta'e ibsa Istiifan.

    Yuunivarsiitii Harvarditti expartii bajata waraanaa kan taate Liindaa Biliims, US waraana kanaan guyyaatti dolaara biliyeena 2 baasaa jiraachuu ibsiti.

    Waayit Haawus jalqaba ji'a kanaa waraana Iraaniif bajata dolaara biliyeena 200 akka barbaadu ibsee ture.