Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp biyyoota Awurooppaa waraanicha irratti ilaalaniin 'si achi US isin hin gargaartu' jedhe

Pirezidantiin US Donaald Tiraamp biyyoota akka UK fi Faransay kan waraana Iraan waliin jiru keessatti kallattiin hirmaachuu didanitti dheekkamee ammaan achi US isin hin gargaartu, boba'aa keessan dhaqaa ulaa Hormuuzii fidadhaa jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. UK loltoota 1,000 naannoo Galoo Galaanaatti erguufi

    Ministirri Ittisaa UK Joon Heeliy biyyisaanii loltoota 1,000 gara naannoo Galoo Galaanaatti ergaa akka jirtu beeksise. Lakkoofsi kun kanneen gara saayipiraas deeman ni dabalata.

    Heeliiy akka jedhetti michoota isaanii Galoo Galaanaa jiraniif deeggarsa ittisa qilleensaa ni ergu.

    Iraan naannolee haleellaa irratti raawwattu bal'isaa sababa jirtuuf waraanichi torbanootaaf akka itti fufu akka amanu beeksise.

    Wayita biyyoota Galoo Galaanaa daawwatee ture biyyootni kun barbaachisummaa ulaa Hormuuz banuun qabu itti himu dubbate.

    Michootni haala ulaa kana keessa dooniin nagaan darbuu danda'urratti dubbachaa jiru jedheera. Kunis hirmaannaa US fi qaamolee biroo hedduu fedha jedhe.

    Waraanni kun qabbanaa'uu qabas jedhe.

    Dubbii Tiraampiin osoo hin qabamiin ammallee UK fi US nageenyaa fi gama waraanaan waliin hojjetu jedheera.

  2. Ameerikaan humna lafootiin dachii Iraan weeraruu dandeessii?

    Ameerikaan karoora waraana lafoonis Iraan weeraruu akka qabdu himaa jirti.

    Wantoonni kana akeekanis mul'achaa jiru. Danda'amaa?

    Daawwadhaa!

  3. Tiraamp UK'n nu gargaaruu didde jechuun 'dhaqaa boba'aa keessan ofii fidadhaa' jedhe

    Pirezidantiin US Donaald Tiraamp biyyoota akka UK fi Faransay kan waraana Iraan waliin jiru keessatti kallattiin hirmaachuu didanitti dheekkamee ''ammaan achi US isin hin gargaartu, boba'aa keessan dhaqaa ulaa Hormuuzii fidadhaa'' jedhe.

    Tiraamp ergaa Truth Social irra kaaheen UK kan sababa ulaan Hormuuz cufameef boba'aa jeettii hin qabne Iraaniin dadhabsiisuuf hin hirmaadhu jette jedheera.

    Ergaan isaaniif qabu kan jalqabaa nuti boba'aa guddaa waan qabnuuf koottaa nurraa bitaa, lammaffaa turtaniis taatu onnee horadhaatii gara ulaa kanaa dhaqaatii fidadha. US ammaan achi isin gargaaruuf hin jirtu. Akkuma isin USn gargaaruuf hin argamne.''

  4. Xaaliyaan gaaffii US buufata waraanaa Sisilii jiru fayyadamuuf dhiyeessite kufaa goote

    Pirezidant Doonaald Tiraamp Faransaay xiyyaarotni meeshaa waraanaa fe'anii gara Israa'el imalan daangaa qilleensaashee akka hin dabarre dhorkuu booda ''badaa faayidaa hin qabdu'' jechuun komatee ture.

    Isa durammoo Xaaliyaan gaaffii US buufata humna qilleensaa Sigonella jedhamuufi Sisiliitti argamu fayyadamuuf dhiyeesse Room kufaa gochuu ibsiteetti. Room waraana kana keessatti hirmaannaa qabdu xiqqeessuuf murtee USn mufachiisu kana dabarsite.

    Barruun Xaaliyaan Corriere della Sera jedhamu akka gabaasetti Ministirri Ittisaa biyyattii Guido Crosetto erga karoora balalii buufata kana fayydamuun godhamuu erga hubataniin booda USn didaniiru.

    Karoorri US kun mootummaa Xaaliyaanitti wayita beeksifamu hayyam osoo hin argatiinuu xiyyaarri US gara imaluun bekameera.

    Xiyyaarri US gara Xaaliyaan balali'e waliigaltee biyyoota lamaan gidduutti godhame osoo hin eegiin imaliuun gabaafame.

    Gaaffiin US dhiyeessite xiyyaarota boombii dhukaasan karaa sanirra dabarsuu akka ta'es himaeera.

    Ministirri Ittisaa Xaaliyaan gaaffii BBC irraa dhimma kana ilaalchisee dhiiyaateef deebii hin kennine.

  5. Waraanni Iraan erga jalqabee namoonni 3,000 ol ajjeefaman

    Ameerikaafi Israa'el waraana Iraan Guraandhala 28, erga jalqabanii Baha Gidduugalaa keessatti lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii dabalaa jira.

    Iraan: Gareen rogeeyyii mirga namoomaa Iraan Ameerikaa keessatti hojjetuufi HRANA jedhamu erga waraanni jalqabee namoonni 3,492 ajjeefamuu himuun isaan keessaa kanneen 1,574 tahan namoota nagaa yoo tahan 236 ijoollee dha jedhe dhaabbatichi.

    Israa'el: Tajaajilli Ambulaansii Israa'el Maageen Deeviid Adoom jedhamu erga waraanni jalqabee namoonni 19 tahan haleellaa misaayelaan ajjeefamaniiru jedhe.

    Libaanos keessatti loltoonni Israa'el sagal ajjeefamuun waraanni biyyattii himeera.

    Libaanos: Ministeerri fayyaa Libaanos namoonni 1,247 ajjeefamuu himee isaan keessaa 124 ijoollee dha jedhe.

    Galoo-galaanaa: Biyyoota Galoo-galaanaa keessatti hamma yoonaa hojjettoota biyya alaafi qaamoti nageenyaa ajjeefamaniiru. Namoonni 11 UAE keessatti, torba Kuwwet keessatti, Omaan, Saa'udiifi Baahireen namoonni lama, lama jalaa du'uu himan.

    Ameerikaan ammoo miseensota waraanaa 13 ta'antu jalaa ajjeefame.

    Oduu biroo kana waliin walqabatan:

  6. 'Ulaan Hormuuz humnaan hin banamu' - Komaandara humna galaanaa duraanii UK

    Komaandarri humna galaanaa UK duraanii Toom Shaarpii daandiin dooniiwwan addunyaa boba'aa fe'aniin ko'omu Ulaan Hormuuz akka Ameerikaan doorsistu humnaan banamuu hin danda'u jedhe.

    Iraan dooniiwaan achirra darban haleeluu dhiisuuf yoo waliigalte malee humna fayyadamuun ''carraan hojjechuusaa guddaa miti,'' jechuun BBCtti hime.

    ''Iraan dhimma kanarratti to'annoo qabdi, kuni ifaa dha, kanaan itti fufu, '' jedhe Sharpiin kana geeddaruufis fedhii hin qaban.

    Kana kan murteessuufi torbanoota dhufanitti waan raawwatan kan filatu warruma Iraan jedhe.

    Oduu kana waliin walqabatan biroo:

  7. Iraan Saawudii Arabiyaaf ergaa dhaamte

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagachi yeroon itti Sa'udii Arabiyaan, ''humnoota Ameerikaa biyya isheeti ari'uutu ga'eera'' jedhan.

    Abbaas Araagachi ergaa toora X irratti maxxnsaniin Sa’uudii Arabiyaan loltoota Ameerikaa naannoo ishee keessaa akka ari’attu gaafatanii, haleellaan Iraan naannoo baha giddu galeessaa keessatti raawwattu diina ishee qofa irratti kan xiyyeeffate ta’uu cimsanii dubbataniiru.

    Aragachi akka jedhanitti ''Iraan Sa’udii Arabiyaa ni kabajji, akka biyya obbolummaattis ilaalti."

    Garuu tarkaanfiin waraanaa Iraan fudhattu “weerartoota diinaa Arabootas ta’e Iraanotaaf kabaja hin qabne” kan nageenya tokkollee fiduu hin dandeenye irratti kan xiyyeeffatu jedhan.

    Aragachi ergaa isaani kana suuraa xiyyaara buufata xiyyaaraa Sa’udii Arabiyaa keessatti haleelamee bakka lamtti ba'ee fi mallattoo humna qilleensaa Ameerikaa qabu kan agarsiisu fakkaatu waliin maxxansaniiru.

    Waa'ee xiyyaara Ameerikaa Iraan haleele jettu kana ilaalchisee BBC'n Ajaja Giddugaleessaa Ameerikaa gaafatus hanga ammaatti taatee kana ilaalchisee yaada hin kennine.

  8. Dhimmoota afur waa'ee waraana Baha Giddugaleessaa baruu qabdan

    Waraanni yoom dhaabbata?

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu waraanni Ameerikaafi Israa'el Iraan waliin jalqaban ''walakkaa ol deemera garuu kuni gama yeroon osoo hin taane gama kaayyoodhaani,'' jedhe.

    Netaaniyaahuun waraanni kuni miseensota Eegdota Warraqsa Iraan ''kumaan' lakkaa'aman ajjeeseera,'' jechuun Ameerikaa waliin tahuun ''indaastirii waraanaa'' haxaa'uu jala geenyeerra kunis sagantaa niwkilaaraa dabalata jedhe.

    Haleellaan itti fufeera

    Haleellaan misayelaa haaraa Teehraanitti dhukaafamuu IDF kan hime yoo tahu sa'atii muraasa booda ammoo Iraan haleellaa misaayelaa Israa'elitti raawwachuu hime.

    Haleellaan kuni naannolee Galoo-galaanaa, Dubaayi fa'itti raawwataa jira. Akka qondaaloti jedhanitti taankariin boba'aa haleellaa diroonii Iraaniin booda ibiddi qabateera.

    Ulaa Hormuuz

    Koreen paarlaamaa Iraan dooniin Ulaa Hormuuziin darbu qaraxa kaffala jechuun maddi oduu mootummaatti hidhata qabu Faars gabaaseera.

    Dabaluunis karoora kana keessatti dooniiwwan Ameerikaa, Israa'eliifi biyyoota kaanii Iraan irratti qoqqobbii taasisan ulaa kana keessa darbuu ni dhorkamu.

    Akka Wool Istriit Joornaal Tiraamp Ulaan Hormuuz cufaa hafullee duula waraanaa dhaabuuf fedhii akka qabu gargaartota isaatti himeera.

    Waan ministarri hajaa alaa Ameerikaa jedhe

    Ministarri Hajaa Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Ulaan Hormuuz ''kallattiinis tahe al kallattiin,'' Ulaan Hormuuz ni banama waan jedherratti Waayit Haawus gaafatamee deebii hin kennine.

    Oduu biroo kana waliin deemaa jiran:

  9. Haala aanga'ootni Iraan keessa jiran maal beekna?

    Sochii qondaaltota Iraan hordofuun akka kanatti rakkisaa ta’ee hin beeku. Yeroo baay’ee ummata duratti hin mul’atan. Akkasumas odeeffannoon waa'een isaanii ba'u daangeffamadha.

    Garuu hirmaannaan aanga'oonni kunneen miidiyaa biyyoolessaa fi miidiyaa hawaasaa irratti qaban ilaaluun ni danda'ama.

    Hogganaan Olaanaa Iraan Mojtaba Khameeni erga baatii Bitootessaa 08, 2026, abbaa isaanii bakka bu’anii hogganaa olaanaa Iraan ta'anii as ummata durattis ta’e televijiiniin hin mul’anne.

    Israa'el aangootti ba'uu Mojtabaa duras ta'e booda akka irratti xiyyeeffattu dhaadataa turte.

    Israa'el Mojtabaan filatamuu isaanii duras ta'e booda irratti xiyyeeffata akka ture himachaa turte.

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan Bitootessa 26 giddu gala daldalaa Tehran keessatti argamu daawwachaa turan.

    Miidiyaaleen Iraan yeroo sanatti akka gabaasanitti, pirezidaantichi waraana kana ilaalcha keessa galchuun,gatii madaalawaa fi raabsa meeshaalee sirnaan akka barbaachisuu dubbataniiru.

    Akkasumas suuraa walgahii mootummaa kaleessa gadhiifame irraatti mul'ateera.

    Af-yaa’iin paarlaamaa Mohammad Bagher Ghalibaf Bitootessa 17 TV mootummaa irratti gaaffii fi deebii dursee waraabame fakkaatuu irratti mul’ateera.

    Intarneetiin ummata waliigalaa Iraan ugguramus, toora isaa X ammallee sochiirra jira.

    Gahalibaf fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti ergaawwan afaan Faarsii fi Ingiliffaan maxxansu, akkasumas suuraawwan qoosaaf gulaalaman ni qooda.

    Miidiyaaleen Iraan kaleessa akka gabaasanitti, amma maxxansi toora X Esmaa’eel Ghaanii addaan citera. Gaaniin Humna Quds kan Korporeeshinii Warraaqsa Islaamaa hoggana .

    Barreeffamoota isaa keessaa tokko tumsa Iraan humnoota naannoo waliin qabdu jajeera. Humnoonni kunneen [Hizbullah fi Huutii] tarsiimoo Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu jeeqaa jiru jedhan.

  10. Loltoonni Israa'el afur kibba Libaanositti ajjeefaman

    Loltoonni Israa'el afur kibba Libaanositti ajjeefamuu minirteerri ittisaa biyyattii beeksise.

    Loltoonni kun humnoota Hezbollaa waliin lolaa osoo jiranuu haleellaa Hezbollaan ajjeefamuu Miinisteerri Ittisaa Israa'el fuula Telegiraamii isaarratti beeksise.

    Kanneen du'aniin alatti loltoonni lama ammoo mada'aanii hospitaala geeffamuufi isaan keessaa tokko miidhaan cimaan irra gahuu ibse.

    Israa'el Iraan waliin qofa osoo hin taane, michuu Iraan kan ta'e Hezbollaa waliinis kibba Libaanositti lola keessa jirti.

    Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu loltoonni biyyattii kibba Libaanositti bobba'uun haleellaa lafoo akka gaggeessaniifi naannoo daangaa Israa'elitti lafa waraana irraa bilisaa akka uumanis ajaje.

  11. Netaaniyaahuun waraanni Iraan yoom akka xumuramu ibsuu akka hin feene ibse

    Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu waraanni biyyattiin Iraan waliin gaggeessaa jirtu yoom akka xumuramu yeroosaa kaa'uu akka hin barbaanne ibse.

    Netaaniyaahuun turtii miidiuaa Ameerikaa Newsmax jedhamu waliin taasiseen waraanni Iraan waliin taasifamu gaafa akkanaa xumurama jedhee yeroo isaa ibsuu akka hin barbaanne dubbate.

    Haa ta'u garuu mootummaan Iraan "[mormii] keessodhaa itti ka'uun kufuun isaa akka hin oolle hime.

    Netaaniyaahuun dabaluun, kaayyoon waraana kanaa harki walakkaa ol milkaa'uu dubbachuusaa AFPn gabaase.

  12. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eeggalleera.

    Israa'el waraana Iraan waliin gaggeessaa jirtu xumuruuf ammayyuu "walakkaa oltu hafe" jette.

    Waa'ee waraana Baha Giddugalaa ijoo addunyaa ta'ee itti fuffeefi odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa isin biraan geenya.

    Karaa toora marsariitii, facebook, YouTube fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo isin biraa kenyu argachuu dandeessu.

    Tamsaasa kallattii keenyas asiin argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!