Halaabaatti daa'imman lama lagni nyaate guyyoota sadii oliif reeffi barbaadamus hin argamne

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti Ijoollee obbolaawwanii kan ta'anii fi daa'imman umriin isaanii waggaa 11 fi 12 ta'an guyyoota sadiin dura eessumman isaanii bira deemuuf Laga Bilaattee jedhamuun beekamu wayita cehuuf yaalan lagaan nyaatamuu Pooliisiin BBCtti hime.

Ajajaa Poolisii Godina Halaabaa kan ta'an Komaandar Nuuriyyee Kadir akka jedhanitti, daa'imman kuneen lamaanuu shamarran yoo ta'an, maatii biraa bahuun eessumman isaanii laga gama jiran bira deemuuf yeroo yaalanitti laga kanaan nyaataman.

"Lagni Bilaattee kuni yeroo bonaa namootni jallisii waan ittiin hojjetaniif ni goga. Ijoolleen kuni yeroo bonaa laga kana ofumaan ce'anii maatiisaanii gama jiran bira deemu. Dheengaddas akkuma yeroo bonaa se'anii ce'uuf wayita yaalanitti lagni kuni nyaate," jedhan.

Naannichatti tibba kana bokkaan akka malee cimaa roobaa waan jiruuf lagni kuni guutee jiraachuu hima poolisiin kun.

Akkaataa ijoolleen kuni laga kanaan nyaatamuun itti barame wayita himanis, "erga maatii biraa bahanii eessuuman isaanii laga gama jiran biras osoo hin geenye waan hafaniif laga kanaan nyaatamuun isaanii shakkamee hawaasni naannoo barbaacha eegale," jedhan.

Guyyootsa sadan darbaniif hawaasni naannoo, qaamoleen nageenyaas tumsaan reeffa daa'imman kanaa barbaachi taasifame hanga oduun kuni qindaa'etti bu'aa argamsiisuu akka hin dandeenyes dubbatan Komaander Nuuriyyeen.

Barbaachi kuni humna godinichaatii ol waan ta'eef yeroo amma Abbaa Taayitaa Abiddaa fi Balaa Tasaa Magaala Finfinnee irraa deeggarsa gaafachaa jiraachuu eeran.

Godina Halaabaa Naannawa Magaala Qullittootti kan argamu Lagni Bilaattee jedhamu kuni irra deddeebiin lubbuu namootaa kan galaafatu waan ta'eef hawaasni waqtii gannaa kanatti of eeggannoo gochuu akka qabanis poolisiin dhaameera.

"Lagni kuni riqicha qaba. Bakka riqichi jiru kana deemuurra jedhaniiti daa'imman kunis ta'e namootni biroo yeroo miilaan ce'uuf yaalan kan nyaataman.

Amma waqtiin gannatti deemaa jira. Lagni kuni baayyee guuta. Hawaasni of eeggannoo gochuu qab,a " jedhan.