Walqaayitiifi Humaraatti dhalattoonni Tigraay 'hayyama qondaalotaa malee akka hin sochoone' godhamaa jiru -HRW

Madda suuraa, hrw/getty images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Bakkeewwan Lixa Tigraay naannoon Amaaraafi Tigraay abbummaaf irratti wal-falman keessatti dhalattoota Tigraay irratti gochaan loogii gaggeeffamaa jiraachuu dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Hiyumaan Raayits Waach (HRW) ibse.

Dhalattoonni Tigraay naannoo to'annoo humnoota Amaaraa jala jiran, Humaaraafi Walqaayit keessa jiran "waraqaa eenyummaa akka hin argannee" fi "hayyama osoo hin argatin bakkaa bakkatti akka hin sochoone godhamaa" jiru jechuun gochaan loogii gaggeessuu diriirfamee jiraachuu beeksise dhabbatichi.

Bakkeewwan Lixa Tigraay jedhamuun beekaman keessaa Walqaayitiifi Humaraan fa'aa yeroo waraana kaaba Itoophiyaa humnoota Amaaraan to'atamuunsaa ni yaadatama.

Dhaabbanni idiladdunyaa mirga namoomaaf falmu HRW akka ibsetti, dhalattoonni Tigraay bakkeewwan kana keessa jiraatan gochaawwan loogiifi qoollifannaa ta'e jedhamee diriirfameef saaxilamuusaanii ibsuun, namoota siyaasaa gochaa kana raawwatan keessaa Koloneel Dammaqaa Zawuduu tokko ta'uu ibsuun "qoqqobbiin akka irra kaa'amuufis" waamicha dhiyeesse.

Qondaalonni mootummaa Itoophiyaafi michoonni isaanii [kan akka Koloneel Dammaqaa Zawuduu] dhala dhalattoota Tigraay Humaraafi Walqaayit jiran "hojmaata akka lammii lammaffaatti akka ilaalaman isaan taasise callisanii ilaaluu waan filatan fakaata" jechuun himate.

Gabaasa Hiyumaan Raayits Waach haala qabiinsa dhalattoota Tigraay Humaraafi Walqaayit keessa jiran ilaalchisee baase irratti hanga ammaa waan jedhe hin qabu.

Waraan Tigraay booda bakkeewwan Lixa Tigraay jalatti bulaa turan qaama naannoo Amaaraa godhamuun Godiina Walqaayit Xagadee Satiit Humaraa jedhamuun hundeeffame.

Ergasii booda dhalattoota Tigraay bakkeewwan kana keessa jiran irratti gochaawwan yakkaa garaa garaa raawwatamaa turan jedhe Hiyumaan Raayits Waach gabaasa Ebla 22, 2026 baaseen tarreesera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbatichi qorannoo gaggeesse jechuun gabaasa dhiyeesse kana keessatti, hojjattoota dhaabbilee gargaarsa namoomaa, dippilomaatota, ogeeyyii biroo irraa odeeffannoo sassaabuu kan ibse yoo ta'u, qondaalota mootummaafi qaamolee nageenyaan dhalattoota Tigraay irra sarbamni mirgaa garaa garaa irra gahaa jiraachuu ibs.

Qondaalonni mootummaa "dhalattoota Tigraay akka feetedhaan hidhaa" jiru jechuun "adeemsawwan mirga carraa hojii argachuufi tajaajilawwan garaa garaa argachuu dhorkan diriirsaa jiru" jechuun himate.

Hiyumaan Raayits Waach damee Afrikaatti daayireektara kan taate Latiishiyaa Baadar dhalattoota Tigraay Lixa Tigraay jiran irratti jireenyasaanii kallattii garaa garaan uggurriwwan garaa garaa irra kaa'amaa akka jiru ibsite.

Dhaabbatichi akka ibsetti dhalattoonni Tigraay naannicha jiraatan magaalota keessa jiraatan keessaa gara biraa deemuuf bulchiinsa godiinaa irraa "hayyama" argachuutu isaan irraa eegama.

Hayyama kana argachuunuu qormaata guddaa akka isaanitti ta'u kan ibse gabaasi dhaabbatichaa, qondaalonni mootummaa naannoo Amaaraa hayyama imalaa dhalattoota Tigraayif kan kennan dhimma dhukkubaan wal-qabateefi namoota umuriin dullooman qofaaf akka ta'e ibse.

Dhalattoonni Tigraay hayyama sochii hin qabne socho'uu kan danda'an "aanaa keessa jiraataniifi magaalaa Humaraa qofaa keessa" akka ta'e sanada imalaa namootaa irraa mirkaneeffachuus ibse HRW gabaasa isaa kana keessatti.

Dabaluunis dhalattoonni Tigraay ragaalee kanneen akka waraqaa eenyummaa fa'aa akka hin arganne godhamaa jiraachuus ibse.

Waraqaa eenyummaa dhorkamuusaanirraa kan ka'e maallaqa baankii qaban illee baafachuufis akka rakkatan ibse.

Waraqaa eenyummaa argachuu dhorkamuurraa kan ka'e dhalattoonni Tigraay ogummaa qabaniin qacaramanii hojjachuu akka hin dandeenyes ibsa gabaasi dhaabbata kanaa.