Amb. Reedwaan Huseen maaltu mudatee ture?

Ambaasadar Reedwaan Huseen; Daariktera Tika Biyyaalessaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa

Ibsa waa'ee suuraa, Ambaasadar Reedwaan Huseen; Daariktera Tika Biyyaalessaa Itoophiyaa
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Suurri Daarektara Olaanaa Tajaajila Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen miidiyaa hawaasarra naannawaa ture dubbii ijoo ta'ee ture.

Suurri kun walgahii Koree Biyyaalessaa COP32 waajjira Ministira Muummeetti taa'ame booda miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa ture.

Ambaasaaddar Reedwaan suura dhiyeeffamee fuulduraa mul'atuun rifeensi isaanii guutuun haadamee mataan isaaniirraa irraan gadee addasaanii hanga nyaara ija gahutti baqaqee yaalamuu agarsiisa.

Ambaasaaddar Reedwaan dubbii ijoo dhimma isaaniin wal qabatu kanaaf deebii kennaniiru.

"Dhimmoonni dhuunfaa gadda fi gammachuu, kolfaa fi booyichi, ykn dhibee fi fayyinni addababaayii bahuu qabu jedhee takkaa yaadee hin beeku.

Haa ta'uu malee namoota gaafatamummaa uumataarratti bobba'aniif yaada uummataaf banaa ta'uun dirqama ta'a" jedhan.

Odeeffannoo namoota garaarraa wanni na mudate isaan yaaddesse hiriyoota, maatii fi lammiilee Itoophiyaaf qooduun barbaade jedhu Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.

Akkanumallee, kanneen hawwii badaa ofii qaban odeessanii fi odeessa dogoggorsaa facaasaniif deebii kennuufi dhugaa jirtu beeksisuuf yaada akka kennan ibsan.

Wanta isaan mudates akkanaan ibsan:

"Torban lama dura, waltajjii dhimma biyyaalessaa tokkorra osoo jirru, sa'aatii laaqanaatti mukni bubbee dayeessuuf dhaabbate (a wooden partition wall) madaala dhabee narratti kufee mataa koo keessaa fi xiqqoo gara keessaa seenee na dhahe.

Baqaqaan mataa kootii waan hodhamuu qabuu hakiimonni gariin rifeensa narraa haadan. Animmoo guutummaa isaa wayya jedheen nan haade.

Akka ijoollummaa kootiitti faaxuu ta'uu kootti hin jibbine. Hiriyoonni koos shaggaadha naan jedhan. Yaadni namootaa na jajjabeessinaan ittin fufe. Kan ta'es kanuma"

Ambaasaaddar Reedwaan waldhaansa kanaaf biyya alaa akka hin deemin eeran maxxansa isaaniin.

"Kanan yaalame Hospitaala Amiinitti. Yaalaaf mitii, hojiidhafuu biyya alaa hin baane. Kanan homaa hin jennes wanti haaraan homtuu waan hin turreefi."

Kanneen dhimma isaaniin wal qabatee yaadda'anis galateeffatan.

Ambaasaaddar Reedwaan Koree Biyyaalessaa COP32 irratti

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Ambaasaaddar Reedwaan Koree Biyyaalessaa COP32 irratti

Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Eenyu?

Ambaasaaddar Reedwaan Huseen yeroo amma Daarektara Olaanaa Tajaajila Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaati.

Gaafatamummaa kanatti dhufuun dura Gorsaa dhimma nageenyaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimad turan.

Deetaa minsitira dhimma alaas ta'anii hojjetanii jiru. Bara 2018-2019tti Eeritiriyaatti ambaasaaddar Itoophiyaa turan.

Ambaaddar Reedwaan Naannoo Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itoophiyaa duraanii fi mootummaa federaalaa keessatti sadarkaawwan garaagaraatti gaafatamummaa garaagaraarras turanii jiru.

Mudde 2022 jila mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun waliigaltee dhukaasa dhaabuu Piriitooriyaa TPLF waliin nama mallatteessani.

Marii WBO Oromoo waliin Taanzaaniyaatti godhamerratti gita mootummaa Itoophiyaa nama bakka bu'an keessaa tokko turan.