Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Soodareen cufamuusaatiin birrii bil. 3 kasaarre' - Dinquu Dayyaasaa
- Barreessaa, Abreham Birru
- Gahee, Gaazexeessaa BBC
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4
Iddoon bashannanaa seena-qabeessa Soodareef waggoonni afran darban waggoota gaarii hin turre. Bakka walgeettii fi aargalfii maatii, hiriyootaa, akkasumas tuuristootaa kan ture riizoortiin Soodaree waggoota kanneen onee ture. Hojjettootni isaa dhibbaan lakkaawamanis bittinnaawanii turan.
Sababni risoortichi cufameef ammoo atakaaroo mootummaa fi dhaabbaticha jidduu tureedha.
Waggoota afurii oliif atakaraaroo kanaafi sababoota kaaniin tajaajila kan dhaabe iddoon bashannanaa Soodaree, tibbana tajaajila kennuutti deebi'uuf akka jiru BBCn odeeffateera.
Waggoota muraasaf biyyarraa fagaatanii kan turaniifi amata tokko darbeef biyyatti deebi'anii kan jiran abbaan qabeenyaa Riizortii Soodaree Obbo Dinquu Dayyaasaa, haala riizoortiin Soodareen itti jiruu fi dhimmoota kaan irratti BBC wajjin turtii taasisanii jiru.
Dhiyaadhaa!
'Akkaa abbaatiitti maaltu namaa kajeela jette sareen'
Obbo Dinquu Dayyaasaa haala itti biyyarraa bahaniifi akkamiin akka biyyatti deebi'anirratti yaada kennuurraa of qusatanii jiru.
"Biyyatti ergan deebi'ee amata [waggaa] tokko caaleera. Gaaruman jira, kanuman jedha."
Haa ta'uu malee sababa isaan biyyarraa fagaataniif dhaabbileen isaanii miidhamuu dubbatanii jiru abbaan qabeenyaa kun.
"Akkaa abbaatiitti maaltu namaa kajeela jette sareen jedhu, bakka abbaan hinjirretti biiznasiin hunduu akka abbaa ta'uu hin danda'u" jedhan.
Dameewwan barnootaa, fayyaa, hoteelaafi tuurizimiirratti bobba'anii kan argaman Obbo Dinquun dhaabbileen isaanii sadarkaa malutti socho'aa akka hin turin ibsanii jiru. Erga gara biyyaa deebi'anii garuu sochii gaarii eegaluu isaanii dubbatanii jiru.
"Biizinasoonni sadarkaa gaariirra jiru. Bakka ani hin jirretti jidduudhaan bakkan ani hin jirretti gadi nu jalaa jedhee ture, callisee ture jechuun barbaada. Amma garuu hunduu sochii jalqabe.
Nuti barnoota, fayyaa, hoteela irratti hojjenna. Wanni hojjennu hunduu akka gaariitti itti deemaa jira. Amma hunduu sadarkaa shaggaarra jiru. Bu'aa bayiin baay'een jiraatullee amma sirreesseen jira."
Riizoortiin Soodaree tajaajila eegaluufi
Riizoortiin Soodaree waggoota darbanii tajaajila dhaabee ture. Sababa Soodareen cufameef abbaa qabeenyaa, hojjettoota fi mootummaa dabalatee qaamolee hedduutu kasaare.
Qorruun tajaajila Riizoortii Soodaree yeroo weerara Koovid-19 irraa akka eegale dubbatan Obbo Dinquun. Waxabajjii 2020 kaasee immoo atakaaroo riizoortichaa fi mootummaa fi abbootii lafaa [qonnaan bultoota] gidduu ture jedhameen tajaajila dhaabe.
Gama mootummaatiin Riizoortiin Soodaree gibiraa fi taaksii irraa eegamu waggootaaf kan hin kanfalin turuu himachaa ture. Riizoortichi yeroositti garuu erga hundaa'erraa taaksii irraa eegamu kafalaa turuu dubbatachaa ture.
Yeroositti komii qonnaan bultooltaa kan ture Soodareen humnaan lafa keenyatti babal'ifateera, beenyaa gahaas nuuf hin kennine kan jedhu ture.
Rakkoon nageenyaa naannicha tures tajaajilli Soodareen kennu akka danqamu gochuu ibsameera.
Sababa Soodareen tajaajila dhaabeef birrii biliyoona sadi ol kasaarre jedhu Obbo Dinquun.
"Soodareen dhaabbachuun ana qofa miti kan miidhe. Birrii biliyoona afurii olin irratti invest godhe. Gaara muree, maal godhee maal godhee. Osoo tajaajila dhaabuu baate biliyoona 3 anaafis mootummaafis bu'aa fida ture. Mootummaanis anis uummannis ni miidhame. Nama 4000 oltu hojiin ala ta'e,"
"Adaamaa kaatee hanga Soodaree gahu suuqiin saamunaa gurguru qofti dhibba tokko hin ta'uu? Uummanni sun hundi nyaatee kan bulu bar. Hojjetaa Soodaree 4000 dhiisitii. Amma garuu hojjetaan Soodareen kan eegumsaa fi qulqullinaa dabalatee hojjetaan 300 hin caalu."
Rakkoowwan kanaan dura riizortii kanarratti ka'an hunduu furamanii amma bifa haaraan tajaajila kennuuf akka jiran Obbo Dinquun dubbatanii jiru.
"Soodareen amma karaa qabatee jira, mootummaan naannoo Oromiyaatiis akka dafee hojiitti galu qarqaarsa guddaa gochaa jira" jedhan.
Obbo Dinquun bara 2003 Soodaree bitachuun dura qabeenya mootummaa ture. Sagantaa piraayiveetaayishiniitiin qophaayee riizoortii kana bitatanii babal'isan.
Gama piraayiveetaayizeeshiniinis rakkoon akka hin jirre ibsanii jiru.
"Piraayiveetaayizeeshiniin nuu heyyame xalayaa nuu barreesseera. Kan biraatis akkanumatti sadarkaa sadarkaan itti deemaa jirra. Kan duriirra ho'isnee hojii itti fufna. Wanti nu gufachiisu hin jiru. Wanti duubatti nu deebisus hin jiru"
Gama mootummaa naannoo Oromiyaa tumsi godhamaafii jiru akkuma jirutti ta'ee kaartaan Soodaree harka isaanii akka hin geenye ibsaniiru. Kanas 'yeroo dhiyootti' kennuufi mootummaan waadaa galuufii eeranii jiru.
Soodareen bifa haaraan 'torban kana' tajaajila akka eegalu dubbatanii jiran.
Tajaajila riizoortii Soodaree sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta'een gahuuf akka fedhanis turtii BBC waliin tolchan kanaan himanii jiru Obbo Dinquun.
Hariiroo Obbo Dinquu fi mootummaa
Obbo Dinquun biyyarraa bahuun, cufamuun Soodaree fi dhimma dhaabbilee isaaniirratti qabiyyeewwan miidiyaalee mootummaatiin tamsafamaa turan isaanii fi mootummaa gidduu rakkoon akka turetti kanneen hubatan hedduu dha.
Dhimma kanarrattti BBC'n Obbo Dinquu dubbiseera.
Hariiroon mootummaa waliin qaban yeroo ammaa sadarkaa gaariirra akka jiru himu. Ministira muummee, Pireezdaantii Oromiyaa dabalatee wal dubbachuu fi gama mootummaatiin tajaajilli barbaadan akka itti hir'atee hin jirre himanii jiru.
"Mootummaan akkuma invastara tokkootitti haqaan kan gaafadhuuf deebii naa kennaa jira. Wanti mootummaa wajjin walitti nu buusus tokko hin jiru.
Ministira muummee argadhee dubbiseera, pireezdaantii naannoo keenyaa waliinis haasofne, kantiibaa magaalaa Adaamaa waliin quba wal qabna.
Ani nama invastara malee nama siyaasaa tii miti. Kaleessa shanee maal maal ololli jedhu kan sammuu nama tokko tokkoo keessaa hin baane jira. Sun yaada abbaati."
Dhaabbilee haaraa hundeessaan jira
Obbo Dinquun dhaabbilee isaanii tanaan dura daddaaqaman cimsuun cinatti dhaabbilee haarawa hundeessaa akka jiran himaniiru.
Mana barnoota bultii addaa tokko 'kan yeroo dhiyootti tajaajila eegalu' magalaa Sandaafaatti ijaarsisaa xumurarra gahaa jiraachuu ibsanii jiran.
Kana malees, mana barnootaa intarnaashinaalii ta'e tokko biyya keessatti banuuf hojii eegaluu himanii jiru.
Wiirtuuwwan konkolaachiftoota elektrikii itti chaarjeffaman magaalota hedduu keessatti banuuf qaama maashinarii kanaa Kanaadaa irraa galchuus dubbatan.
Warshaalee garaagaraas hundeessuuf akeekan qaba jedhanii jiru.