Pirezidantiin Yeroo Tigraay MM Abiy Ahimadiif maal dhiheessan?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hojiin Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay L/Janaraal Taaddasaa Warradaa waggaa tokko keessatti dalagan bakka Ministirri Muummee Abiy argamanitti gamaggamame.

Gamaggammiin isaanii kuni yeroon waggaa tokkoof akka tajaajilan muudaman yeroo xumuramaa jirutti mudate.

Waajjirri Ministira Muummee Abiy Ahimad akka beeksisetti, L/J Taaddasaan waajjira isaaniitti argamun waan dalagan gabaasa dhiheessaniiru.

''Ministirri Muummee Abiy Ahimad har'a ganama raawwii hojii waggaa tokko Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay L/Janaraal Taaddasaa gabaasni dhihaateef gamaaggamniifi mariin taasifameera,'' jedheera waajjirri isaanii.

Kanaan ala wanti waa'ee marii kanaa ifatti ibsame hin jiru.

MM Abiy waliin Ajajaan Olaanaa waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Ministira Dhimma Alaa Dr Gediyoon Ximootiwoos fa'i argamaniiru.

Akkasumas, Pirezidantiin duraanii bulchiinsa yeroo Tigraayiifi yeroo ammaa gorsaan dhimmoota Baha Afrikaa MM Abiy, Obbo Getaachoo Raddaa turan.

Gama mootummaa federaalaa Dr Abirahaam Balaay dabalatee aangawoonni kaanis argamaniis gama Tigraayii L/Janaraal Taaddasaa qofatu mul'ata.

Mariirratti wanta ka'e, gaaffii dhihaateefi wanti Pirezidantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay wanti dhiheessan ifa hin taane yookiin hin beekamu.

Yeroo waraana Tigraay ajajoota humnoota Tigraay keessaa tokko kan ta'an Janaraal Taaddasaan, waggaa dura yoona kana ture Naannoo Tigraay muddama keessa turte akka bulchan kan muudaman.

Osoo bulchaa ta'un hin muudamiin dura Pirezidantii I/Aanaa bulchiinsa yeroofi hogganaa dhimma nagaafi tasgabbii naannichaa turan.

Obbo Getaachaw Raddaa bakka bu'uuni Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay ta'uun kan muudaman.

Aangawaan kuni gartuu TPLF kan Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el fi Obbo Getaachaw Raddaa gidduu hammaatetti aangootti dhufan.

Yeroos MM Abiy yeroo isaan muudan aadaa siyaasaa haaraa lafa qabsiisuuf kan taasifame akka ta'e dubbatanii turan.

Wixiineen labsii bara aangoo bulchiinsota yeroo naannooleetti hundeeffamanii ala lamaaf hanga waggaa lamaatti akka dheeratuu dandeessisu mana maree bakka bu'oota ummataatti dhiyaatee erga raggaasifamee muudaman.

Wixineen labsii kunis aangoo mana maree federeshinii kanaan dura murtee yeroo aangoo bulchiinsa yeroo naannoo dheereessuu af-yaa'ii mana mareetiif kenna.

Parlaamaan walgahii Ebla 1, 2025 gaggeessee irratti dhiyaachuun kan raggaasifame labsiin kun, bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraay kan barri aangoosaa yeroos xumuramaa jirutti qophaa'e.

Waadaan isaan seenan maali?

L/Janaraal Taaddasaan yeroo muudaman dirqamoota ijoo saddeet raawwachuuf waliigalaniiru.

Yeroo isaan muudamanitti dhimmoota mootummaan federaalaa yaaddoo natti uuman jedhe keessaa tokko TPLF Ertiraa waliin hariiroo tolfatte kan jedhu tokkodha.

Kanarraa ka'uunis, L/Janaraal Taaddasaan ''hariiroo heeraafi birmadummaa biyyaarraa maqan akka dhaabbatan gochuuf'' dirqamni irra ka'ameera.

Mootummaan federaalaa TPLF fi Ertiraan michummaa 'tsimdoo' jedhamu tolfachuu irra deddeebiin ibseera.

Haa ta'u malee, TPLF hariiroo kana ni waakkata. Yeroo kaanimmoo hariiroo ummataa cimsuu malee akeeka biraa hin qabu jedhaniis turan.

Gama kaaniin, hidhattoonni duraanii naannichaa ''meeshaa hikkachiisuu'' fi ''deebisanii ijaaru...atattamaan akka raawwatamu'' gochuuf itti gaafatamni bulchiinsa isaaniif kennamee ture.

Lammiileen qe'eerraa buqqa'an akka qe'eetti deebi'an gochuunis dirqama isaanii kenname kan biraadha.

Xinxaltoonni bara bulchiinsa isaanii waan raawwatame laafaa ta'u ibsuun qeequ.

Gamaggama irratti garuu waan ka'u ifaa miti. Bulchiinsi L/J Taaddasaa rakkoo maallaqaa, boba'aafi kaan eeruun komii ibsataa ture.

Yeroo Obbo Taaddasaan muudamanitti, Obbo Getaachoon Jeneraal Taddasaan rakkoo wal-xaxaa isa eeggatu furuuf 'maajikii' hojjachuutu isaan gaafata jedhanii turan.

Rakkoolee wal-xaxoo naannichaa Jeneraal Taaddasaanuu akka harka keessaa qaban akeekan furuuf waan addaa ykn 'maajikii' hojjachuu akka gafaatus dubbatan.

"Rakkoo paartichaa furuuf ulee 'maajikii' hojjatan qabatee dhufuu qaba," jechuun dheebuun TPLF aangoof qabu qormaata guddaa akka itti ta'u himan.

"Qormaatawwan isa mudatan keessaa tokko dheebuu aangoo dhuma hin qabneefi fedhii aangoo to'achuuf TPLF qabuudha.

''Kana furuuf dandeettiifi gahuumsa qabaachuuf dhiisuusaa waan teenyee ilaallu ta'a," jedhan Obbo Getaachoon.

Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay kan hundeeffame dambii ALI bara 2015tti bahe irratti bu'ureeffamuun ture.