Somaaliyaan yeroo jalqabaatiif boba'aa galaana jalaa baafachuufi

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Somaaliyaan deggarsa Turkiitiin yeroo jalqbaaatiif boba'aa galaana jalaa baafachuuf qophiitti akka jirtu beeksifte.

Dooniin boba'aa qottu kan mootummaa Turkii Jimaata, Ebla 10 handaara galaanaa Somaaliyaa geessi jedhameera.

Sochiin kun kan eegalame qorannoo sosochii lafa jalaa (barbaachi boba'aa) bara darbe bidiruu Turkiitiin erga goolabame booda.

Ministeerri Peetirooliyeemii Somaaliyaa Daahir Shiree karoora kana "imala seena qabeessa" jechuun ibsan... Boqonnaa haaraan ni eegala" jedhan fuula X isaanii irratti.

Ministeerri dhimma alaa yoo qotiinsi boba'aa kun milkaaye, kuusaa boba'aa galaana jalaa qabnu faayidaarra ni oola, diinagdee biyya keenyaa damdamachiisuufis ta'uu madda anniisaa naannichaa murteessaas taana jedhan.

Dooniin Korporeeshinii oomisha peetrooliyeemii Turkii, Çağrı Bey, ergama idil-addunyaa jalqabaatiif, galaana Arabiyaarraan gara handaara bishaanii Somaaliyaa imalaa jirti.

Dooniin tun iddoowwan qorannoon lafa jalaa raawwatamuufi kuusaan haaydirookaarbonii (kuusaa boba'aa fi gaasii uumamaa) byyattii jiraachuu adda bahe bishaan jala qotti.

"Kun qophaa'ummaa Somaaliyaan qabeenya peetirooliyemii baafachuuf agarsiiftuu fi jalqabbii abdii egeree keenyaati" jedhan Shireen.

Faayidaan boba'aa uumamaa irraa argamu badhaadhina biyyoolessaa dhugoomsuufi jireenya uummataa jijjiiruuf akka ta'u biyyattii ni dhugoomsiti jedhan qondaalli kun.

Turkii fi Somaaliyaan akkaataa waliigaltee bara 2024 seenaniin oomisha boba'aa ni qooddatu.

Wixata, Ministirri Dhimma Alaa Alii Omar duulli boba'aa baasuu Turkiin itti hirmaattu kun "Turkiin michuu misoomaa yeroo dheeraa" ta'uu ishee agarsiisa jedhan.

Gara Somaaliyaa imaluuf karoora kan qaban Ministirri Inarjii Turkii Alparslan Bayraktar, Sanbat-duraa argannoon boba'aa fi gaasii diinagdee Somaaliyaatiif, Baha Afrikaa fi Turkiitiif qooda jabaa akka qabaatu ibsan.

Ankaaraan Somaaliyaa faana hariiroo jabaa waggoota kudhan caalu qabdi. Dhimmoota baay'eerrattis Somaaliyaa deeggarte.

Humna waraanaa guddaas Somaaliyaa keessaa qabdi.

Somaaliyaan kuusaa boba'aa barmeela biliyoonaan lakkaawamu qabdi, sababa walitti bu'iinsaa fi jeequmsa siyaasaa waggoota kurnan hedduuf biyyattiin tureen barbaachi boba'aa godhamuu hin danda'amne.