Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Intalli gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa akka aangoo abbaashee dhaaltu 'maddi amanamaa' mirkaneesse
Intalli gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joonh Un aangoo abbaashee akka dhaaltu 'maddeen intelejensii amanamaarraa' mirkaneeffachuu Kooriyaan Kibbaa ibsuu Rooyitars gabaaseera.
Intalli Kiim Joong Un umuriin ishee reefuu ol adeemtuu taate abbaashee akka dhaaltu tibba kana shakkiin jiru akka qulqullaa'uuf jedhamee itti yaadamee addabaabaayitti taankii osoo ooftuu mul'achuushee eeruun seera baastonni himaa jiru.
Tajaajilli Intelejensii Biyyaalessaa (NIS) seera baastotatti akka himetti, qorannoon isaa haala jirurratti qofa kan hundaa'e osoo hin taane, "maddeen intelejensii amanamoorraa" odeeffannoo ejensichi sassaabbaterraati. Dhubbiin kun ibsa walga'ii cufaa miseensota paartii biyya bulchuufi mormituu paarlaamaa keessatti gaggeeffamerratti kennamedha.
NIS akka jedhetti, intalli Kiim Joong yeroo taankii ooftu mul'achuun ishee dadeettii/kennaa waraanaa qabdu agarsiisuuf, akkasumas bakka abbaashee akka dhaaltu shakkii jiraatu hambisuuf ta'e jedhamee kan godhamedha.
Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa KCNA ji'a darbe Kiim Joong Un fi intalli isaa yeroo taankii haaraa oofaa jiran suuraawwan maxxansee ture. Isa dura ammoo suurri intala Kiim yeroo qawweefi shuguxiin qiyyaafannoo qophaaetti dhukaastuus suuraawwan agarsisaniiru.
Mul'atni akkanaa kun jalqaba bara 2010moota keessa yeroo inni abbaa ofii bakka bu'uuf qophaa'aa turanitti Kiim ofii isaatii waraana ummata duratti mul'achuu isaatiif ''kabaja'' kennuudhaaf kan yaadame ta'uu miseensi paartii Dimookiraatotaa biyya bulchaa jiru Paarki Sun-woon himeera.
Madaalliin yeroo dhiyoo intalli Kiim umuriin ishee naannoo waggaa 13 akka ta'ee fi Maqaan ishee Ju Ae jedhamtu kun, xiinxala kanaan dura enejsii basaasaa abbaan bakka ishee buusuuf qophaa'uu hin oolu jedhee turerraa kan argamedha.
Madaalliin yeroo dhiyoo intalli Kiim umuriin ishee naannoo waggaa 13 akka ta'ee fi Maqaan ishee Ju Ae jedhamtu kun, xiinxala kanaan dura enejsii basaasaa abbaan bakka ishee buusuuf qophaa'uu hin oolu jedhee turerraa kan argamedha.
Ju Ae qophiiwwan dhimma wqraanaafi ittisa waliin walqabatanirratti irra deddeebiin argamuun ishee shakkii shamarreen kun dhuguma abbaashee bakka buutimoo maaltu ta'uuf deema jedhu qulqulleessuuf, akkasumas seeneffama walduraa duubaan ishee akka bakka buutu saffisiisuuf uumaa deemuu kan kaayyeffate ta'uu seera baastonni NIS wabeeffachuun himaniiru.
Seera baastonni kanaan dura akka jedhanitti, ejensiin kun gaheen intala Kiim Joong Un baay'ee mul'achaa dhufuun isheen duraanuu hoggansa Kaabaa keessatti nama olaantuu keessa beekumsaan sadarkaa lammaffaarra jirtutti ilaalamaa akka jirtu agarsiisa.
Miseensi paartii People Power Lee Seong-kweun akka jedhetti, NIS yaadonni obboleettiin Kiim quxisuun Kim Yo Jong xiyyeeffannoo Ju Ae irratti kennamu irratti gammaduu dhiisuu dandeessi jedhu akka hin taanetti hubatameera, sababiin isaas Kim Yo Jong aangoo walabaa waan hin qabneef.
Ekispertoonni Kooriyaa Kaabaa tokko tokko garuu suuraawwan kana akka mallattoo dhaaltuu ta'uun ishee murtaa'aa ta'etti hiikuu irratti of eeggannoo akka godhan gaafataniiru.
Xiinxalaan Inistiitiyuutii Tokkummaa Biyyaalessaa Kooriyaa kan ta'an Hoong Min, Ju Ae taankii irratti mul'achuun ishee qofti dhaaltuu Kiim ta'uun ishee mirkanaa'uu ishee xumuruuf gahaa akka hin taane ibsuun, of danda'ee osoo hin taane abbaa ishee cinaa akka mul'atte ibsaniiru, kunis Kiim Joong Un yeroo marsaa qophii isaa keessatti waraanaan kophaa isaa mul'achuu isaa irraa adda.
Waa'ee intala Kim Jong-un maal beekna?
Waa'en ishee yeroo jalqabaaf bara 2013 dhagahame
Kim Jong-un biyya icciitin ishee hin beekamne Kooriyaa kaabaa gaggeessa, waa'en jireenya dhuunfaa isaas akkasuma.
Adoolessa bara 2022 Ri Sol-ju erga Kiim Jong-un waliin mul'attee booda haadha manaa isaa ta'uun beekame.
Ergasii booda miidiyaalen Kooriyaa Kibbaa Kim haadha manaa isaa waliin ijoollee sadi qabaachuu akka hin oolle gabaasan.
Fulbaana bara 2013 taphatan kubbaa Faccoo US duraanii Deenis Rodman "dippilomasii kubbaa faccoo" jechuun daawwanna Kooriyaa Kaabatti taasise Kim intala durbaa akka qabu hime.
"Waa'ee mucaa isaanii Ju-ae dhagaheen ture, [haadha warra Kim] waliinis wal argee haasa'eera," jechuun Deenis barruu the Gurdian tti jime.
Dubbiin Deenis Rodman dhugaa ykn soba ta'uu isaa Kooriyaa Kaabaa irrra osoo hin dhagahamin yeroo dheeraa ture.
Gaafa Sadaasa 19 miidiyaan Kooriyaa Kaabaa KCNAn suurawwan Kim Jong-un fi intala isaa heddu gadi lakkisuun yeroo dheeraf waa'en ishee hasaasama kan ture Kim intala qabaachuun isaa ifatti barame.
"Intalli Kim Kong-un uummatatti mul'achuun ishee Kooriyaan Misaa'ela ardii qaxxaamuru dhukaasuu caalaa namoota waa'ee biyyattii xinxaalan qalbii hateera, jedha gaazexeessan BBC See'ul jiru Jiin Makeenzin.