Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Itti gaafatamaan tika humnoota Eegdota Warraaqsa Islaamaa haleellaa US-Israa'eliin ajjeefame

Haleellaa US-Israa'el gaggeessaniin itti gaafatamaan humnoota Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Majiid Kadeemii ajjeefamuu Iraan beeksifte.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Xiyyaarri Ameerikaa kan kufe 'akka carraati'

    Waa'ee loltuu humna qilleensaa bararame yeroo dubbatu Tiraamp Iraan humna qilleensaa Ameerikaa kan kuffisuu dandeesse ''akka carraati,'' jedhe.

    Dabaluunis, ''yeroo ammaa heelikooptaroota rasaasni hin urre qabaachuu hin oollu,'' jedhe.

    Tiraamp haasaa Waayit Haawus har'aa yeroo xumuru duulli haleellaa Ameerikaafi US yeroo adeemaa jiru kanatti ''uummati Iraan yeroo haleellaan boombii dhaabbatu hin gammadan,'' jedhe.

    Irra deebi'uun Iraan meeshaa waraanaa niwkilaaraa qabaachuu hin qabdu jedhe.

    ''Isaan maraattota, maraataan immoo niwkilaara harkatti qabaachuu hin qabu,'' jedhe.

  2. Iraan muuxannoo kanaan duraa US waliin qabduun dhukaasa dhaabuu fudhachuuf akka rakkattu himti

    Iraan karoorri nagaa qophaa'u kan naanawa san guutumman tasgabbeessu akka ta'u barbaaddi. Waldhabdee baha giddu galeessatti yeroo ammaa deemaa jiru hundi, qaama furmaata kanaa akka ta’an barbaaddi

    waligaltee amansiisaa fi karaa nagaa ta’een ulaan Hormuz akka banamuuf fedhii akka qabdu miidiyaaleen kan gabaasan.

    Haa ta'u malee ifatti muuxannoo kanaan dura US waliin qabdu irratti hundaa’uun yeroodhaaf dhukaasa dhaabuu fudhachuuf akka rakkattu qondaalotni kan ibsaa jiran.

    Kanaaf waligaltee waan hunda galeessa ta'ee fi guutummaatti furmaata fidu kan barbaadan.

    Pirezidaanti Tiraamp kana akkamitti ilaaluuf jiru, kun gaaffii guddaa ka'aa jiruudha.

  3. Silaa otoo akka garaa kootii, boba'aa sanan fudhadha ture - Tiraamp

    Pireezidant Tiraamp Iraan yoo harka kennuu didde bu'uuraalee misoomaa haleeluu akka itti fufu dhaadate.

    ''Yoo harka hin kennine, riqicha hin qabaatan. Buufata annisaa hin qabaatan. Homaattiyyuu hin hafan,'' jedhe.

    Dabaluunis kanneen lamaan caalaa waan hamaan biraa jira jedhe.

    ''Silaa otoo akka garaa kootii, maalin godha beektuu? Boba'aa sanan fudhadha,'' jedhe.

    ''Sababiinsaas haa fudhatamuuf achi jira. Waan godhan tokkoyyuu hin qaban,'' jedhe.

    ''Tahus lammiileen Ameerikaa gara biyya keenyaatti akka deebinu barbaadu. Otoo akka kootii boba'aa sanan fudha, maallqa baayyeen irraa buufadha, uummta Iraanis nan kunuunsa ture,'' jedhe.

  4. Jecha arrabsoo kanin fayyadame qabxii koo ibsuufi - Tiraamp

    Tiraamp ibsa Waayit Haawusitti kennaa jiruun yeroo Ulaan Hormuuz akka banamu gaafatu maaliif jecha arrabsoo akka fayyadame gaafatamee ture.

    Deebii kenneenis ''qabxiidhuma koo ibasachuufi,'' jechuun deebise.

    ''Kanaan duras dhaggeessanittu jedheen yaada,'' jedhe.

    Ameerikaanota waraana kana mormaniin maal jettaa jechuun gaaffii gaafatameef, Tiraamp, “Isaan gowwaa dha, gowwaa jechuunin barbaada jechuun deebisaniiru.

    Itti dabaluunis "Wanti nama dhibu, ummanni Ameerikaa waraanicha dhaabnee akka deebinu arguu barbaadu. Osoo ana ta'ee boba'aa fudhanna. Boba'aa sana nan qabadha. Maallaqa hedduu itti argadha ture," jedha.

    "Ammatti bahuu dandeenya, waan nuti jala balleessine deebisanii ijaaruufis waggoota 15 isaan fudhata,Iraan meeshaa niwukilaraa qabaachuu hin dandeessu yoo baanes ni dandeenya, garuu xumuruu barbaada," jechuun dubbatan

  5. Diraamaa oppireeshinii US paayileetotashee baraaruf goote

    Ameerikaan hojjetaa xiyyaara waraanaa F-15 Jimaata darbe Kibba Iraanitti rukutamee barbaaddee argateetti.

    Pirezidant Doonaald Tiraamp gaafa Dilbataa miidiyaa hawwaasaa irratti ''Oppireeshinii gootummaa addaa'' gaggeeffameen hojjetaan kun lubbuun argamuu himan.

  6. Namni yakka daddabarsa namaan barbaadamaa ture to'atamuu Poolisiin Federaalaa beeksise

    Sadarkaa idila addunyaatti daddabarsa namootaa seeran alaan barbaadamaa kan ture namni Yitbaarak Daawwit(Kibroom) jedhamu gareewwaan isaa waliin to’atame jedhe Poolisiin.

    Namni kunii fi gareen isaa namoota kuma 3 ol karaa seeran alaan dabbarsuun namoota 100 ol du’aaf kan saaxileefi dubartoonni 50 ol akka gudeedaman kan taasise jedha ibsi poolisii kun.

    Namicha kanaa fi kanneen isa waliin hojjatan namoota 9 waliin to’achuun qorannoo xumuree Abbaa Alangaaf erguu Poolisiin Federaalaa kan beeksise

    Qorannoon yakkaa walxaxaafi daangaa ce’uu kana Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa dhaabbata bahaa Afriikaatti daddabarsa namoota seeraan alaa ittisuuf hojjatu waliin jijjiirraa ragaa taasiseen nama barbaadamaa ture kana Naannoo Tigraayii magaalaa Shireetti to’annoo jala oolchuu ibsi poolisii kun dabalee eerera.

  7. Tarsiimoon Iraan michooma biyyoota Galoo-galaanaafi US jabeessaa jira- UAE

    UAE'n sagantaa niwkilaaraa dabalatee dhukaasa dhaabuun dhimma Galoo-galaanaa hin furre irratti akeekkachiisa kennite. ''Misaayelaafi dirooniin nuufi biyyoota kaan irratti roobaa jira,'' jette.

    Gorsaan olaanaa pireezidantii UAE Dr Anwaar Gaargaash biyyisaa waraanni kuni goolabamee arguu feeti malee tasgabbii dhabuu itti fufaa jiru arguu hin feetu jedhe.

    Waraana kanaan Iraan Ulaa Hormuuz qabdee jirti. Dooniiwwan ulaa kanaan darban isa yeroo idileerraa akkaan hir'iseera.

    Dr Anwaar tarsiimoon iraan itti deemaa jirtu biyyooti Galoo-galaanaa michooma qaban Waashingitan waliin qaban hir'isuurra jabeessaa jiru- kunimmoo Israa'el naannichatti olaantummaa akka qabaattu gochaa jira jedhe. Dabaluunis UAE'n hariiroo Ameerikaa waliin qabdu akka itti fuftu hime.

    Kanamalees ''Ulaan Hormuuz biyya tokkoon qabamuu hin danda'u,'' UAE'n humna galaanaa fayyadamuuf qophii tahuu baattullee ''tattaaffii Ameerikaa ulaa kana banuuf taasifamutti ni makamti,'' jedhan.

  8. Raashiyaan doorsisa Tiraamp Iraan irratti raawwatu irratti ibsa kennite

    Raashiyaan waraanni kun gara maritti akka deemu yoo barbaadame Tiraamp jechootaa doorsisaa Iraan irratti raawwatu kana dhaabu qaba jechuun ibsite.

    Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov kaleessaa gita isaanii Iraan Abbaas Araagchii waliin bilbilaan akka mari'atanitti Raashiyaan waldhibdeen kun mariin akka hiikkatuuf haala mijeessuu kan itti fuftu ta'u ibsan.

    Iraan gara mariitti akka deemtu haala mijeessuuf Ameerikaan dubbii doorsisaa akka dhaabdu Raashiyaan kan gaafatte.

    Ibsi Laavroov kun kan kenname Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp yoo Iraan ulaa Hormuz hin banne bu’uuraalee misoomaa Iraan murteessoo ta’an boombii akka itti darbitu doorsisuun booda ture.

    Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa kun ibsa gaazexeessitootaaf kenneen, “gama Raashiyaa tattaaffii biyyoonni hedduun waldhabdee Iraan marsee jiru salphisuuf godhan akka milkaa'u abdii qaban ibsaniiru.

    Kun kan ta'uu danda'u garuu yoo Ameerikaan afaan doorsisashee hamaa dhaabdee daandii marii sirrii ta'etti deebite haala mijeessuu danda’a” jedheera.

    Ameerikaan haleellaa sababa malee fi seeraan ala bu'uuraalee misoomaa siiviilii irratti raawwattu'' akka dhaabdu Raashiyaan gaafatteerti.

  9. Israa'el hoggansa Hezboollaa ajjeesuutti qondaala garee kana mormu ajjeeste

    Dilbata kaleessaa Israa'el hoggansa Hezboollaa Libaanos keessatti ajjeesuuf jecha hogganaa garee siyaasaa Hezboollaa akkaan mormu ajjeeste.

    Waraanni Israa'el haleellaa qiyyafannoo kaayyefate otoo hin ajjeesiin hafuu mirkaneessee ''miidhaa nama nagaarra gaheef akka gaabbu,'' hime.

    Paartiin Humnoota Libaanoos garee baay'inaan Kiristaanot of keessaa qabu yoo tahu haleellaan gamoo mana jireenyaa qondaala gameessa Piir Moowaad irratti raawwate isaafi haadha warraasaa ajjeeseera jedhe.

    Gamoon kuni magaala baay'inaan Kiristaanoti keessa jiraatan yoo tahu haleellaan kaleessaa dhiira tokkoofi dubartoota lama ajjeese jedhe ministeerri fayyaa Libaanos.

    Paartiin Humnoota Libaanos namni Piir Moowaad jedhamu ''loltuus tahe nama waraana keessaa hin turre, haleellaan dura manasaatti Faasikaa kabajaa ture,'' jedhe.

    Paartiin kuni Heezboollaa balaaleffachuun lola dhaabichi keessa jiruun haleellaan hamma ollaatti dhufaa jira jedhe.

  10. Sababa hanqina boba'aan tajaajilli geejjiba uummataa hir'ataa jira

    Hanqinni boba'aa naafxaa waan jiruuf tajaajilli geejiba uummataa gara naannolee Itoophiyaa fagoo jiranitti taasifamu hir'ataa akka jiru fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa himaa jiru.

    Federeeshiniin Bobbaasa Geejibaa Itoophiyaa gamasaan, sababa hanqina boba'aan konkolaattoonni imala qaxxaamura biyyaa taasisan harka 30-40 hir'achuu BBCtti himeera.

    Waraanni Iraan guyyaa 38ffaa qabatee jiru dhiyeessiifi gatii boba'aa irratti dhiibbaa uumeen boba'aan meetiriik toonii kuma 180 tahu Itoophiyaa otoo hin galiin hafuu mootummaan ibseera.

    Akka ministeerri daldalaa Itoophiyaa jedhutti dhiyeessiin naafxaa adii harka 60 tahu Ulaa Hormuuz Iraan cufte keessa darbee Kuweet gahurraa Itoophiyaa gala ture.

    ''Kanaanis naaftxaan guyyaatti litiroo miiliyoona 9.1 galuu malu harka walakkaan hir'isee amma miiliyoona 4.5 qofatu galaa jira,'' jechuun ministirri ministeera daldalaa Dr. Kaasaahuun Goofee torbee darbe himeera.

    Waajirri daldalaa Finfinnee odeeffannoo baaseen raabsaa boba'aa magaalattii 120 keessaa Wiixata har'aa naafxaa kan qabu 26 qofa dha. Kanneen 65 tahan ammoo beenziina qabu.

    Haalli kuni konkolaataawwaan uummataa naafxaa adii fayyadaman irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu pireezidantiin Federeeshinii Bobbaasa Geejibaa Birhaanee Zaruu BBCtti himaniiru.

    Oduu biroo kana waliin walqabatan:

  11. Sa'aatii 24 keessatti dooniiwwan 15 Ulaa Hormuz kessa darbaniiru- Iraan

    Sa'aatii 24 darban Keessatti Dooniiwwaan addunyaa 15 Iraan irraa hayyama erga argataniin booda ulaa Hormuz keessa darbuu isaanii gabaasni Ejensii Oduu Faarsi gabaase.

    Haa ta'uu malee, to'attootni daandii galaanarraa akka jedhanitti ammallee dooniwwaan harki 90 ta'an,carraa ittin ulaa kana keessa qaxxaamuran eeggataa jiru.

    Humni galaanaa Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa dooniwwaan akka darban taasifamullee keessumaa kan US fi Israa’el waliin hidhata qabaniif, “gonkumaa haala duraan tureetti hin deebi’u” jechuun ibsan.

    Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Aragechi dabalatee qondaaltonni Iraan daandiin doonii barbaachisaan kun akka hin cufamne, garuu ''biyyoota diinummaa qabaniif'' qofa akka cufame irra deddeebiin mirkaneessaniiru.

    Gama biraatiin ammoo qondaaltonni fi miseensonni mana maree Iraan dooniiwwan ulaa kana fayyadaman irratti kaffaltii geejjibaa kaa’uu akka danda’an kaasaniiru.

    Kanaan dura gargaaraan waajjira pirezidaantii Iraan tokko kaffaltiin geejjibaa gartokkoon miidhaa waraana kanaan qaqqabe hunda beenyaa kaffaluuf ta'uu eeran.

  12. Israa'el buufata peetirookemikaalaa guddicha Iraan haleeluu himte

    Ministarri ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatz buufata peetirookeemikaal Iraan haleeluu himuun, IDF bu'uuraalee misoomaa Iraan ''humna guutuun'' haleeluu itti fufeera jedhe.

    ''Waraanni keenya amma buufata peetirookeemikaala Iraan guddicha haleeleera,'' torban darbe kan biraa tokko haleeluu yaadachiiseera, jedhe Kaatz

    ''Buufataaleen haleelaman kunneen al-ergii peetirookeemikaalaa Iraan harka 85 qabatan amma hojiin ala tahaniiru,'' jedha ibsi waraana Israa'el.

    Buufatni Iraan iddoo Asaaluyeeh jedhamu keessa argamu walakkaa oomisha peetirookeemikaalaa biyyattii qabata jedhe Kaatiz.

    Maddi oduu Iraan Taasniim buufataaleen lameen kunneen haleelamuu gabaaseera.

  13. US dhukaasa edaa naannoo Waayit Haawusitti baname qorachaa jira jette

    Ministeerri Nageenya Biyya keessaa Ameerikaa dhukaasa Dilbata halkan naannoo Waayit Haawusitti dhaga’ame qorachaa jira jedhe.

    Qondaaltonni gabaasa dhukaasa Washington DC naannoo paarkii Lafayette jedhamu keessatti akka sa’aatii biyya keessaa halkan walakkaa mudate (04:00 GMT) qorachaa jiraachuu ibsan.

    Tarkaanfii deebii fi hordoffii naanaawa paarkichaan mana jireenyaa pirezidaanti Ameerikaa fi naannoo Waayit Haawus sakatta’insa taasisuu ministeerichi beeksiseera.

    Akka Ministeerri Nageenya Biyya keessaa jedhutti sakatta'iinsa kanaan shakkamtoonni tokkollee hin argamne, miidhaan qaamaas ta'ee ajjeechaan qaqqabe hin jiru.

    Qondaaltotni fi qaamoleen nageenyaa konkolaataa taatee kanaan walqabatani fi nama dhimmicha keessa jiru waliin hidhata qabaachuu danda'u barbaadaa jiru.

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp dhuma torbee kanaa Waashingitan D.C. turan. Waayit Haawus akkuma barame hojii idileesaa irra jira, garuu ''nageenyi naannawa sanaa eguun cimeera,'' jedha Ministeerri Nageenya Biyya Keessaa.

    Dubbi himaan Ministeera Odeeffannoo BBCtti akka himanitti ''qorannoon itti fufee jira'' jechuun mirkaneessaniiru.

  14. Waa'ee marii dhukaasa dhaabuu US fi Iraan maal beekna?

    Maddeen oduu Rooyitarsiifi Aksiiyas yaadni dhukaasa dhaabuu Ameerikaafi Iraaniif dhiyaachuu gabaasaniiru. Tahus odeeffannoon guutuu tahe ammallee hin baane.

    Waan beeknu

    • Qajeeltoon dhukaasa dhaabuu Ameerikaafi US dhiyaachuu Rooyitars gabaaseera.
    • Gabaasoti bahan lamaan akka jedhanitti tokko, dhukaasa dhaabuu hatattamaa gochuun booda waliigalteen hunda-galeessa boodarra akka hordofuu lama, mariisiftoonni dhukaasa dhaabuu guyyaa 45 raawwachuu
    • Waliigaltee nagaa kana keessatti Paakistaan, Masriifi Turkiin akka hirmaatan Aksiiyas gabaaseera. Hogganaan waraanaa Paakistaan Asiim Muniir Pireezidantii Ittaanaa JD Vaans waliin ''halkan guutuu'' mariiyachuu Rooyitars gabaaseera.
    • Qondaalli gameessi Iraan Ulaan Hormuuz dhukaasa dhaabuu yeroo jecha Ulaan Hormuuz akka hin banamne himaniiru.
    • Donaaldi Tiraamp Iraan ulaa kana akka bantu daangaa yeroo hamma gaafa Kibxataatti kenneeraafi.

    Waan hin beekne

    • Qondaaloti Ameerikaa fi Iraan qajeeltoo dhukaasa dhaabu dhiyaate irratti hamma yoonaa yaada kennuu.
    • Qabxiileen marii: Ulaa Hormuuz, haleellaa, gabbisa niwkilaaraa fa'i maalirra akka jiran.
    • Qajeeltoon waliigaltee kuni qabxiilee marii kanaan duraa hin milkaa'ina hafan waliin akka wal fakkaatan- fakkeenyaaf qabxii waliigaltee abbaa qabxii 15
    • Biyyooti Galoo-galaanaa haleellaa waraana kanaan dhiibbaan irra gahe marii kana keessatti iddoon isaanii maal akka tahu
    • Qaamoti wal lolan deebii kennuudhaaf daangaan yeroo kennamuun
  15. Nama tokko qofa waliin hariiroo qunnamatii saalaa qabaachuun waan gaariidhaa?

    Alinaan waatu ishee mudate. Dhihoo dhiira dubartoota baay'ee hiriyyaa godhate agarte. Eegasii waa sammuusheetti dhufe.

    ''..maaliif nama tokko qofa faana ta'uuf murtaa'e kan jedhu beekuun barbaada" jetti.

  16. Osoo kaan gumbii uranii hantuunni akka gootaatti siidaan ijaarameef kuni eenyu?

    Hantuunni beekamaa fanjii lafa jalaa owwaalame saaxiluufi gootummaa isaa kanaaf medaaliyaa warqii badhaafame siidaan ijaarameef.

    Seenaa addunyaa keessatti hantuuta fanjii owwaalame suufuuf siidaan yoo ijaaramu kuni kan duraati.

  17. Daqiiqaa 40 qunnamtiin astironoomerootaa yeroo adda cite

    Astiroonomeroota Artemis II caalaa namni amma biyyarraa fagaatee jiru hin jiru.

    Karaa foddaa isaanii yoo ilaalan ammoo lafti ija isaanii duraa baay'ee xiqqaachaa deemti.

    Garuu, hariiroon isaaniifi warra lafa jiran gidduu cite.

  18. Itti aanaan pirezidaantii Iraan dubbii Tiraampiif deebii kennan

    Itti aanaan pirezidaantii Iraan haleellaan Yuunvarsiitii Teeknoloojii Shariif irratti gaggeeffame ''mallattoo maraatummaa fi maal na dhibdee'' Tiraampidha jedhe.

    Haleellichi gar-tokkee yuunvarsiitichaa kan mancaase yoo tahu, gidduugalli teeknooloojii fi masjiidni yuunvarsiiticha keessaa manca'eera.

    Haleellaan kun dhiyeessii gaazii Teraan keessaa adda kuteera.

    Dr Mohaammad Reezaa Reef pirezidaant Tiraamp ''beekumsi Iraan dhagaa ykn ijaarsa boombiin barbadeessan keessa akka hin taane hubachuu dadhabe'' jedhe.

    ''Mishigiin beekumsa keenyaa inni guddaan sammuu fi fedha pirofeeserootaa fi beektota keenyaa keessadha'' jedhe.

    ''Mishigiin kun ammoo gonkumaa kan cabu miti.''

    Erga waraanni kun jalqabee yuunvarsiitonni Iraan keessaa hedduun haleelamaniiru. Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teeknoloojii Teeraanii fi Shaahid Beheshtii Yuunvarsiitii dabalatee kaanis haleelamaniiru.

  19. Daawwadhaa: Israa'el, Binii Biraak, misaa'elii Iraaniin yeroo haleelamu