Iraan ogeessa meeshaa waraanaa xayyaara kufee qabachuuf xiqqootu hafee ture- Tiraamp
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp waa'ee ogeessa meeshaa waraanaa Iraan keessaa baraaramee odeeffannoo dabalataa kenne.
Loltuun Ameerikaa kun miidhaan qaamaa cimaan irra gahus oppireeshinii gaggeeffameen baraaramuu ibsuun, "Iraan qabachuudhaaf itti dhiyaattee turte" jedhe.
Ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth irratti barreesseen: "Xayyaara F-15 keessa kan ture miseensa/loltuu goota, gaarren Iraan keessaa baraarree jirra. Waraanni Iraan lakkoofsan guddaa ta'e itti dhimmee barbaadaa ture. [Iddoo inni jiru gahuuf] baay'ee itti dhiyaatanii ture," jechuun loltuun baraarame nama gulantaa Koloneelii qabuufi kabajamaa ta'uusaa ibse.
Oppireeshiiniin akkanaa baay'ee balaafamaafi namaafi meeshaa waraanarran miidhaa kan gahu ta'uusaan yeroo heddu kan hin taasifamne ta'uu himuun, "sa'aatii torbaaf daangaa Iraan keessa turree baraarre" jechuun akkaataa itti loltuun lammaffaan baraarame ibse.
"Hundinuu gootummaafi dandeettii ajaa'ibaa agarsiisan! Biiroo Ovaalitti humna waraanaa waliin ta'uun ibsa gaazexeessitootaaf nan kenna. Loltoota keenya gootota ta'an Waaqayyo haa eebbisu," jechuun barreesse Tiraamp.