Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US fi Iraan hojjetaa jeettii rukutame keessaa achi buuten dhabame argachuuf dorgommiitti jiru

Humnoonni US fi Iraan hojjetaa jeettii waraanaa US achi buuteen dhabame barbaacha dorgommiitti jiru. Akka miidiyaan US gabaasetti, hojjetaan kuni jeettii Iraan lafaan dhahe keessa tokko keessa ture.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hanga yoonaa loltoonni US waraana Iraaniin miidhaman hangami?

    The death toll remains at 13, according to the figures.

    Ministeerr Ittisaa US akka beeksisetti, erga waraanni eegalee walumaagala loltoonni US 365 madaa'aniiru.

    Kunneenis:

    • Waraana keessaa 247
    • Humna galaanaa keessaa 63
    • Humna galaanaa leenjii addaa qaban 19 akkasumas
    • Humna qilleensaa 36

    Loltoonni hanga ammaa du'animmoo 13 ta'u ibseera.

  2. Daawwadhaa! Sochii US kibba Iraanitti hojjetaa ishee achi buuteen dhabame argachuuf taasisaa jirtu

    Sochii waraanni US hojjetaa achi buuteen dhabame baraaruuf bobba'e mul'isu.

    BBC'n viidiyoo kanarratti xiyyaara waraanaa bira helokoftarri lamas ni mul'atu.

    Viidiyoon kuni bulchiinsa Kuzestaan jedhamutti waraabamuu BBC'n mirkanesseera. Daawwadhaa!

  3. WBO'n Obbo Shimallisiif deebii kenne

    Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Oromiyaa keessatti nagaa waaraa buusuuf Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mari'achuuf qophii ta'uu dhihoo dubbataniiru.

    Walitti bu'iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota parlaamaan tarree shororkeessaa jala kaa'e gidduu adeemaa jiruun miidhaan guddaa dhaqqabeera.

  4. US fi Iraan qondaala jeettii waraanaa US achi buuteen dhabame barbaadaa jiru

    Hojjetaa jeettii waraanaa US achi buuteen dhabame argachuuf barbaachi cimeera.

    Guyyaa Jimaataa erga jeettiin Ameerikaa F-15 jedhamu rukutame booda barbaachi itti fufeera.

    Dhimma kanaan walqabatee wantoonni haaraa jiran kanneeni:

    • Balaliisaan xiyyaararra ture tokko baraarameera.
    • Qondaalonni Iraan nama achi buuteen dhabame bakka jiru hime dolaara 66,100 akka badhaasan himuu miidiyaan mootummaa biyyattii gabaaseera.
    • Xiyyaara Ameerikaa biraa A-10 Warthog jedhamuufi xiyyaara kufe keessa warra jiran baraaruf bobba'ee Iraan lafaan dhahe jette.
    • Balaliisaan xiyyaara A-10 Galoo Galaanaa Galfitti of baraaruufi eegasi baraaramuu US'tti michuun BBC, CBS gabaaseera.
    • Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp xiyyaarota waraanaa lama rukutamanii caccaban jedhamee gabaafameerratti ammatti ifatti wanti jedhan hin jiru.
    • Waa'ee xiyyaarota kanneen garuu pirezidantiin akka beeku taasifamuu masaraan isaanii Waayit Haawus gabaaseera.
    • Gama kaaniin, US erga waraanni eegale loltoonni 365 madaa'uu beeksisteetti.
  5. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Waraana Giddugala Bahaatti cimee itti fufeefi dhimmoota Itoophiyaafi kaanirraa arganne jala jalaan isin biraan geenya.

    Isinis karaa WhatsApp, Facebook, YouTube fi marsaritii keenyarratti nu hordofaa.

    Lafa nagaa oolaa!