Sababa waraana Iraan gatiin kondomii dabale, dhiheessiin hir'ate
Madda suuraa, Reuters
Dhiibbaan waraana Iraan mana uummata addunyaa hunda seenuuf jedha. Sababa cufamuu Ulaa Hormuuziin gatiin kondomii dabaluuf jedha. Gatiin dabaluu qofa osoo hin taane dhiheessiinis hir'achuuf.
Kubbaaniyyaan guddichi addunyaarratti kondomii oomishuun beekamu Karex jedhamu Rooyitarsitti akka himetti, sababa dhiheessii fi raabsaan kondomii gufateef gatiin dhibbeentaa 20 hanga 30n dabaluuf jedha.
Kubbaaniyyaan biyya Maleeshiyaa kun goolama naannoo Ulaa Hormuuz jiruun daran miidhamuu fi hojiinsaa gufachuu ibse.
Gatiin geejjibaa dabaluu fi imalli gufachuun maamiloonni akka kondomii hin arganne godheera jedha hoogganaa olaanaan kubbaaniyyaa kanaa Goh Miah Kiat.
''Haalli jiru baayyee daddaaqamaadha, wanti dhaabbii qabu hin jiru. Gatiin baayyee dabaleera. Ammatti wanti gochuu dandeenyu gatii kana maamiloonni akka qooddatan gochuudha. Filannoon qabnu kana,'' jedha Goh.
Karex waggaatti kondomii biiliyoona shan caalaa oomisha.
Erga oomishee booda kubbaaniyyaawwan gurguddoo biraandii kondomii ta'uun addunyaarratti beekaman kanneen akka Durex fi Trojan jedhamaniif jumlaan dhiheessa.
Akkasumas jaarmiyaa fayyaa biyyootaa kanneen akka Biriteen (NHS) fi sagantaa deeggarsa addunyaa UN fi kaaniifis dhiheessa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Iraan waraana kanaan dantaa ishee kabachiifachuuf jecha meeshaan isheen harkaa qabdu inni ijoon Ulaa Hormuuz.
Kanaaf dooniiwwan boba'aa fe'an karaa ulaa kanaa akka hin dabarre ugguraa jirti.
Kun ammoo kubbaaniyyaawwan meeshaalee wal'aansa fayyaa oomishan guddoo danqe.
Karex kubbaaniyyaawwan meeshaalee wal'aansa fayyaa oomishan kanneen rakkoo Ulaa Hormuuz irratti mudateen gufatan keessaa tokko ta'eera.
Kubbaaniyyaawwan tajaajilli isaanii fayyaan walqabatu kunneen meeshaalee dheedhii heddumminaan karaa ulaa kanaa geejjibsiisu.
Karex erga waraanni Iraan eegalee hanqinni meeshaalee kan pilaastiki (qaamni kondomii) irraa hojjetamuu akkaan isa mudachuu ibse Goh.
Akkasumas dibati kondomii fi meeshaaleen ittiin kondomii saamsanii gabaaf dhiheessan argamaa akka hin jirre ibse.
Akkanni jedhutti Karex ji'oota muraasaaf oomisha isaa haala ga'aa ta'een dhiheessuu danda'a.
Isa booda garuu oomisha isaa guddisuun fedhii dabalaa jiruun walsimsiisuu akka qabu ibse.
Kubbaaniyyichi sababa waraana Iraan qofa osoo hin taane, deeggarsi Ameerikaan biyyoota addunyaaf, keessattuu fayyaarratti taasistu, adda cituudhaanis miidhameera.
Keessattuu bara darberraa eegalee baayyee gufate.
Bara kana fedhiin kondomii dhibbeentaa 30n dabaleera. Kanarratti imalli dooniiwwan gufachuun fedhii fi dhiheessiin akka wal hin simne godheera.
Yeroo ammaa Karex oomisha isaa Awurooppaa fi Ameerikaan ga'uuf ji'a lama itti fudhata.
Duraan ji'a tokkotti qaqqaba ture.
''Ammatti kondomiin oomishne hedduun erga fe'amanii booda dooniiwwan keessa turaa jiru. Yeroo barbaadametti maamiloota (biyyoota) bira ga'aa hin jiran,'' jedhe Goh.
Biyyoonni guddataa jiran ammoo gama kanaan baayyee miidhamu. Kondomiin isaan kuusaa keessaa qaban jalaa dhumaa jira.
Ammoo oomishi haaraan isaan qaqqabaa hin jiru jechuun yaaddoo qabu ibse Karex.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne