Goondaa tokko dolaara 220'tti: Daddabarsa bineensa bosonaa seeraan alaa dabalaa dhufe

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Keeniyaatti goondaan akka malee barbaadamaa jiru.

Waqtii Roobaa kanatti tuutni goondaa naannawa Gilgil naannawa sulula Qiinxamaa keessatti kan argamtu yoo ta'u, dhiheenya kana giddu-gala daldala seeraan alaa saffisaan babal'achaa jiruu taateerti.

Magaalaa ho'ituu ta'uu baattullee wiirtuu daldala seera alaa goondaa ta'aa jirti.

Waktii wal hormaataa isaaniitti kormaan goondaa kanneenii kan eegee dhedheeraa qabaachuun adda bahan gaanaaf godoo isaanii dhiisanii bahu.

Yeroo kana daldaltoonni hiree kana fayyadamuun mootii isaanii (dhalaa) qabatu.

Gabaan seeran alaa goondaa addunyaarratti dabaleera. Goondaan akka beeyladoota marartuutti qabee fuulleetti olkaawamee yoo inni hoomaa (tuuta) ijaaru daawwatama.

Goondaan guguddaan Afrikaa (Harvester) diddiimoo ta'e immoo gabaa guddaa qaba. Tokkichi isaa gabaa seeran alaatti gara dolaara 220 baasa. Gabaan tun oonlaayinii babal'ataa jira.

Mootiin ishee hormaataaf geesse hoomaa tokko uumuu fi waggoota kurnan hedduu jiraachuu dandeessi.

Salphaatti poostaadhaan ergamuu danda'u. Maashiniin sakatta'iinsaa X-ray beekuu hin danda'u.

"Jalqaba, seera-maleessa ta'uu hin barren ture," jedha namni maqaa isaa hin himanne BBC'tti yoo dubbatu. Dallaalaa ture.

Kanneen biyya alaatii goondaa barbaadani fi networkii naannoo goondaa gurguranii walitti fidaa ture.

Goondaan maqaa Messor cephalotes, jedhullee qaban kunneen Bahi Afrikaa mana isaaniiti.

Sanyii biqilootaa soorataaf soqachuun adda isaan godha. Daldaltoonnis amala kanaan adda isaan baasu.

"Hiriyaan koo lammiileen alaa goondaa bituuf maallaqa dansaa baasaa akka jiran natti hime, goondaa diddiimoo naannawa kana jiran" jedha duraan dallaalaa kan ture kun.

"Ganama barii tuullaa mana mixii ifatti agarta, ganama osoo isaan ho'ifachuuf hin yaane. Faranjiin gara dirree hin dhuftu. Isaan magaalaatti eegu. Yookiin hoteela bakka qubsuma isaaniitti, konkolaataa keessatti eegu, nuti immoo goondaawwan ujummoo ykn lilmoo isaan nutti kennatanitti funaannee geessinaaf."

Keeniyaatti daldalli seeran alaa goondaa baba'achuu bara darbe sanyii goondaawwan guguddaa mootii goondaa Harvaster jedhaman 5,000 walitti qabamanii ala bahuuf yeroo barametti.

Goondaawwan sunneen naannawa Gilgil jedhamuu walitti qabamanii magaalaa tuuristoonni itti baay'atan Naa'ivaashaa keessatti bakka bultii (Guest House) keessatti argaman.

Goondaawwan kanneen walitti qabuun kan shakkame lammiiwwan Beeljiyeem, Veetinaamii fi Keeniyaati.

Ujummoo yaallii Laaboraatorii fi lilmoowwan uffata suufii jiidhinsa qabanirraa hojjetamaniin olkaawwamu, kun goondaan ji'oota lama caaluf akka turu dandeessisa jedha Tajaajilli Bineensa Bosonaa Keeniyaa (KWS)

Karoorri isaanii gara Awurooppaa fi Eeshiyaa fudhachuun gurguruu dha.

Daldalli goondaa kun saayintiistota fi aangawoota ajaa'ibsiise.

Keeniyaan yakkoota jajjaboo bineensa bosonaan wal qabatan keesssatti raawwatamuun beekamti. Kumbii arbaa fi gaafa goljaa (rhino) barbaaduu fa'i hammata yakki kun.

Sanyiin goondaa guguddaa Afrikaa 'Harvester' jedhamuu awurooppaatti namoota hedduun barbaadama jedha UK keessa kan jiru goondaa kan gurguru R Us.

Ofiisaa sanyii goondaa kanneenii kuusaa keessaa hin qabu. Kanneen gurguran madda isaanii hin beekan.

"Anumtuu akka qorataa ilbiisotaatti (entomologist) sadarkaan daldala kanaa itti dabale, na ajaa'ibeera" jedha Baayolojistiin Keeniyaa Diinoo Maartins.

Keeniyaa keessa gosti goondaa 600 akka jiru BBC'tti himeera.

Garuu waayee sanyii goondaa Harvester kan mootiin ishee warra irraa adda bahuun tuuta biraa uumanii wal horan kan 25mm dhedheeratan kanneenii ni beeka.

Sanyiin goondaa tanaa umriishee guutuu hanqaaquu buufti.

"Sanyii goondaa dinqisiisoo dha. Tuuta guddaa uumu, amaloota ajaa'ibsiisoo qabachuuf nama rakkisan qabu. Goondaa weerartuu miti."

Waytii wal hormaataa mootiin goondaa takka kormaa hedduu waliin qunnamtii gooti.

"Kormaawwaniif hojiin isaanii kanuma. Hedduun isaanii ni nyaatamu ykn ni dhumu," jedha.

Waabee fi waardiyyaawwan ishee immoo, godoo eegu, hundi isaanii dhalaadha kuma dhibba faas ta'uu danda'u.

"Godoon waggaa 50 caalaa turuu danda'a. Hanga waggaa 70 turuu danda'a. Godoo naannawa Naayiroobii kan waggoota 40 ture nan beeka jedha Maartin.

Kana jechuun mootiin goondaa waggoota dheeraa jiraachuu dandeessin jechuu dha-maaliif jennaan, akka isheen duuteen hoomaan sun ni barbaada'a. Waabeewwan hafan jiraachuuf homaa biraa barbaaddatu.

Lammiileen Keeniyaa goondan ooyruu ykn mana isaanii jalaa weeraru kana sirriitti beeku. Hoomaa goondaa balleessuuf mootii ishee tuullaa ishee jalaa adda baafachuun akkamiin akka dhabamsiisan ni beeku. Nama erganii tuullaa ishee kana jala gadi qotuun mootii baasu.

Dallaalaan duraanii goondaa salphumatti mana (tuullaa biyyoo) irratti diiguun yoo facaatu walitti qabanii horsiisuun ni danda'ama jedha.

"Guyyuma namoota hojii kana hojjetan to'atan oduu jedhu dhagahun hojii kana dhaabe," jedha.

Kanneen to'ataman yakka lubbu-qabeeyyii daddabarsuu (biopiracy) jedhuun himatamanii adabbii fi hidhaan ji'oota 12 itti murtaayeera.

Lammiileen alaa kunneen dolaara $7,700 adabamanii biyya akka gadhiisan murtaaye.

Torban lama dura, lammiin Chaayinaa networkii kana hoggana jedhame paaspoortii biraatiin dheessee bahuf ture Buufata Xiyyaaraa Joomoo Keeniyaataatti mootii goondaa 2,000 ujummoo yaallii fi sooftiin walitti qabate waliin to'atame.

Shiigyaang Waangidhaaf garee qorattootaa gabaasa daldala goondaa bara 2023 maxxansan keessaati. Kuni ammoo yaaddeessaafi dhimma sirnakkoo naannichaa waliin walitti bu'u dha.

''Jalqaba namoonni goondaa madaqsuu isaaniif gammadoo turre,'' jedha Yunivarsiitii Sisuwanitti piroofeesarri gargaaraa Waang.

''Hoomaan goondaa saanduuqa daawwitii keessa kaa'ama. Warri goondaa kana madaqasan yeroo isaan hojii hojjtean, yeroo daandii qootan, nyaata guuraniifi giiftii isaanii eegan daawwatuuni.Kuni namatti tola, namoonni waa'ee ilbisaa akka baratanis karaa gaarii dha.

''Garuu boodarra sanyii kana manatti horsisuun balaa hin qabaatuu waan jedhu hubanne,''

Goondaa biyya biraatti ceesisuun seeraan ala tahus baatii jaha darbe keessatti Chaayinaatti homaan goondaa 58,000 gurgurame keessaa tokko sadaffaan kan biyya biraatii dabarfame dha.

''Yoo gurgurtaan hoomaa goondaa kuni yoo guddachaa adeeme, yeroo eegu malee gariin isaanii sanduuqa isaanii keessaa miliqanii bosona seenuun hin hafu,'' jedhe

Qorannoo kanaan dura maxxanseen yoo gosti goondaa kuni ysaanduuqa keessaa bahee qonna kibba-baha Chaayinaa seenee wal-hore rakkoo tahuu danda'a jedheera.

Keeniyaatti ammoo eegumsa naannoo irratti dhiibbaa fiduu danda'a.

''Hoomaan goondaa kuni injinaroota sirnakkoof bu'uura tahani dha. Sanyii biqilaa tokko iddoo tokkoo fuudhanii iddoo biraa dhaqatu haala kanaa sanyii iddoo garaagaraatti facaasu. Haala kanaan lafa margaa fayyaalessa tahu uume,'' jedhe Maartin.

Mukonyi Wataayi saayintistii Institiyuutii Qorannoo bineensaafi biqiloota bosonaati.

''Goondaa mootii adamsuun hoomaan goondaa kuni akka badu waan godhuuf eegumsa naannoof rakkoo tahuu danda'a,'' jedhan.

Keeniyaa keessatti hoomaa goondaa kana sassaabanii madaqsuun ni danda'am garuu seera hawaasa naannoo fayyadu guutuun kan raawwatamu dha.

Gaazexeessaa Chaarlas Onyaangoo Obbo Keeniyaan galii gurgurtaa goondaa irraa argachuu dandeessu hubataa hin jrtu jedha.

''Goondaan akka warqii waan dhumu miti. Goondaan horsiifamuufi danda'a. Guyyaatti baayyina isaani kumaan dabaluu dandeessa. Garuu Keeniyaan akka meeshaa hambaa hatame tokkotti ilala jirti,'' jedha.

Inumaayyuu kaabineen Keeniyaa daldala goondaa dabalatee diingadee qabeenya bosonaa guddisuuf qajeelfama baaseera.

''Qajeelfamni kuni daldala haaromfamu fayyadamuun carraa hojii uumuu dandeenye,'' jedha Wataayi.

Tahus falmiin hoomaa goondaa bashannanaaf gara biyyoota garagaraa erguu furamuu qaba jedha.