Kanaadaan Humna Eegumsaa Warraaqsa Iraan Shororkeessummaan galmeessite
Madda suuraa, Getty Images
Kanaadaan Humna Eegdotaa Warraaqsa Islaamaa Iraan tarree shororkeessitootaa keessatti galmeessuu ibsite.
Dhiibbaa waggootaaf miseensotni paarlaamaa paartii mormituu fi diyaasporaa taasisaaniin mootummaan biyyattii humna eegdota Iraan kana tarree shororkeesitootatti galmeesse.
Ministirri Nageenya Uummataa Dominik LeBilaank, murtoon dabarsan kun ''shororkeessummaa adunyaa loluuf meeshaa murteessaadha" jedhan.
Tarkaanfii kana hordofee qondaalota Humna Warraqsa Iraan olaanoo dabalatee hoggantootni mootummaa ol aanoon biyyattii Kanaadaa akka hin galle dhorkamu.
Humni IRGC Iraan keessatti humna siyaasaa, waraanaa fi dinagdee jabaadha.
Bulchaa olaanaa biyyattii Ayatolaa Ali Kamenii waliinis hidhata jabaa qabu.
Humnootni Eegdota Warraaqsaa Iraan eenyu?
Humni Eegdota Warraaqsaa Iraan humna lafoo, humna galaanarraa fi qilleensarraa dabalatee imaammata meeshaalee waraanaa Iraan kan tiksan 190,000 tahan qaba.
Humni kun Baha Gidduugaleessaa keessatti karaa humna isaa biyya biroo keessatti oppireshinii gaggeessuu Humna Quds [Jerusaalem] jedhamuu biyyoota michoota isaanii tahaniif deeggarsa maallaqaa, meeshaalee waraanaa, teeknoloojii, leenjii, fi gorsaa mootummoota michuu Iraan tahaniif kennaa ture.
Humni Quds jedhamus kana dura mootummaa Kanaadaan tarree shororkessitoota akeessatti galmaa'eera.
Ibsi amma Kanaadaa irraa bahe ammoo humnoota IRGC hunda hammata. Ministeeri Nagaa Uummataa biyyatti ibsa miidiyaaleef kennaniin ''Kanaadaan garee shororkeessitootaa kamiyyuu dura dhaabbachuuf waan dandeessu hundaa akka fayyadamtu agarsiisa'' jedhan.
''Mootummaan abbaa irree Iraan biyya keessaa fi alatti walitti fufuun sarbama mirga namoomaa raawwachuu isaa agarsiiseera, seerota idil-adunyaa cabsuun nageenya adunyaa booresseera.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Labsii kana hordofee qondaalonni mootummaa Iraan ammaa fi duraanii Kanaadaa seenanii jiran ni qoratamu akkasumas biyyaa baafamu jedhan.
Ministerri Dhimma Alaa Kanaadaa Meelaanii Joolii, lammiileen Kanaadaa Iraan keessa jirtan hidhaaf saaxilamuu waan dandeessaniif of eeggannoo godhaa jechuun akeekkachiifteetti.
''Warra amma Iraan kessa jirtaniif ergaan koo ifaadha. Gara qe'ee keessaniitti deebi'a. Warri gara Iraan deemuuf karoora qabdan ammoo hin deemiinaa,'' jette.
Mootummaan Kanaadaa Ministira muummee Jastin Tiruudoo jalatti kana dura tarkaanfii shororkeessummaan humna IRGC galmeessuu kuffiisee ture. Dhiibbaan diyaaspooraa fi namoota maatiin isaanii haleellaa xiyyaara imaltootaa PS752 jedhamu irratti bara 2020 taasifamuun jalaa du'anii guddaa ture.
Haleellaa xiyyaara PS752 irratti bara 2020 taasifameen lammiilee Kanaadaa 55 dabalatee xiyyaaricha keessa kanneen turan 175 du'aniiru.
Iraan haleellaan misaa'elaa dogoggoraan gaggeeffamuun xiyyaaricha rukutuu himte.
Jastin Tiruudoon kana dura shororkeessummaan galmeessuun lammiilee Iraan Kanaadaa keessa jiraachaa jiranii fi kana dura humna IRGC keessa turaniif yaaddoo tahuu mala sodaa jedhu qabu ture.
Tarkaanfiin kun amma fudhatamuun imaammata dhimma alaa fi tajaajila nageenyaa biyyattii irratti mariin erga taasifamee tahuus eeraniiru.
Kanaadaan Ameerikaatti aanuun biyya lammaffaa garee kana shororkeessummaan galmeessite taateetti.
UKnis akkasuma tarkaanfii wal fakkaataa fudhachuuf jettee garuu haga ammaa hojiirra hin oolchine.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne