Israa'el seera haaraa Filisxeemota haleellaa raawwatan du'aan adabu raggaaste

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Paarlaamaan Israa'el seera Filisxeemota haleellaa shororkeessummaan balleessaan irratti murame ajjeechaan adabu raggaase.

Qeeqxonni seera bahe kana loogii qaba yeroo jedhan biyyooti Awurooppaa baayyee immoo ''qajeelfamoota demookiraasii gadi qaba,'' jedhan.

Seerri haaraa kuni paarlaamaa Israa'el Neeseet keessatti sagalee caalmaa 62'n Wiixata kaleessaa kan ragga'e yoo tahu, Ministarri Mummee biyyattii Beenjaamiin Netaaniyaahuu seericha deeggaruun sagalee kennanniiru.

Seerri kuni Filisxeemonni dhaddacha waraanaa Israa'el irratti ''gochaa shororkeessaan'' haleellaa namni itti du'e raawwatan guyyaa 90 keessatti fannifamuun akka adabaman kan jedhu yoo tahu, guyyaa 180f dheerachuu danda'a jedha.

Akka qajeelfamaatti lammiileen Israa'el Yihuudii tahan seera kanaan ni adabamu, tahus kuni qabatamaan isaan irratttti waan hojiirra oolu miti. Sababiinsaas haleellaan raawwatu kaayyoo ''biyya tahuu Israa'el kan faallessu tahuu qaba,'' jedha.

Seerri kuni akka ragga'u namoota siyaasaa duudhaa siyaasaa durii leellisantu dhiibbaa godhaa ture.

Ministarri Nageenya Biyyaalessaa Itaamaar Been Gibiir duula seera kana raggaasu kan hogganaa ture yoo tahu erga sagaleen kennamee, ''Seenaa dalagne, Waadaa seenne. Galmaan geenye,'' jechuun X irratti maxxanse.

Miseensi paartii nama kanaa Limoor Soon Haar Meleech jedhamtu haleellaa nama Filisxeemniin irra gaheen abbaan warraashee du'e, seerri kuin barbaachisaa akka tahe himti. Namni abbaa warraashee ajjeese kuni boodarra haleellaa Onkololeessa 7,2023 irratti hirmaachuu himti.

Yeroo paarlaamaa keessatti falmiin adeemsifamu: ''waggootaaf haleellaan shororkeessaa hamaa nurra gahaa ture, hidhaa, namni kuni gadhiifamee Yihudota irra deebiin ajjeese,'' jedhe.

Hogganaan paartii mormituu Demokiraatawaa Yaa'iir Goolaan seera kana mormuun qoqqobbii idl-addunyaa hordofsisuu mala jedhe.

''Seerri adabbii du'aa shororkeessitootaaf jedhame kuni seera hin barbaachifne nama Been Gaaviir jedhamu jaalatamummaa akka argatuuf kan tumame dha,'' jedhe. ''Nageenya Israa'eliif homaa hin fayyadu,'' jedhe.

Sagaleen kennamuun guyyaa tokko dura UK, Jarman, fi Xaaliyaaniin ''yaaddoo guddaa'' akka qaba ibsuun seerri kuni cichooma Israa'el ''qajeelfama demookiraasif qabdu gadi buusa,'' jedhan.

Abbaan Taayitaa Filisxeem kan Weest Baank bulchu seera ragga'e kana mormuun ''ajjeechaa seeraan alaa seeraan raawwachuuf kan bahe dha,'' jedhe.

Hamaas ibsa gaafa Wiixataa baaseen seerri kuni ''lubbuu warra Filisxeem mana hidhaa Israa'el keessa jiran yaaddeessa,'' jechuun hawaasni idl-addunyaa eegumsa hidhamtootaaf wabii akka kennu waamicha taasiseera.

Waldaan Mirga Siviilii Israa'el murtoo kana mormuun iyyata walitti qabaa jira.

''Seerri kuni heera-maleessa, kaayyoo loogii kan qabuufi eeyyama seeraa malee kan raawwatu dha,'' jedhe ibsa baaseen.

Manni Murii Olaanaa iyyata kana dhagahuuf murtee kennuun irra jiraata.