Loltuun Israa'el Libaanositti siidaa Yesuus Kiristoos burruusaan mancaase adabame

Siidaa Yesuus Kiristoos mancaafame

Madda suuraa, Reuters

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Loltuun Israa'el Libaanositti siidaa Yesuus Kiristoos burruusaan mancaasuun booda suuraan isaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'aa ture guyyaa 30f hidhaa waraanaa jala akka turu Humni Waraanaa Israa'el hime.

Loltuuwwan IDF maqaan hin eeramiin biroos ''dalagaa loltummaa irraa ni kaafamu,'' jedhe.

Loltoonni jaha yeroo taateen kuni mudatu iddoo sana turan garuu immoo homaa otoo hin godhiin hafan, dhimmi isaanii qofaatti ilaalama jedhe waraanichi.

Taateen ganda kibba Libaanos Debel jedhamutti mudate suuraan miidiyaa hawaasaa irratti erga tamsa'een booda dheekkamsaafi qeeqa kaaseera.

Ministarri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuu waan taheen ''dinqameera, gaddeera,'' jedhan.

Waraanni Israa'el ibsa gaafa Kibxataa kenneen ''naamusni loltuu kanaa ajajaafi sona IDF irraa kan maqe,'' jechuun ''taatee kanaan akkaan gaabbuu,'' hime.

Dabaluunis waraanni Israa'el ''deeggarsa hawaasa naannoo guutuun'' siidaa manca'ee ture ''miidhagsee'' iddootti deebisuun himameera.

Waraanni kuni oppireeshiniin Libaanositti geggeessu garee Hezboollaa Iraaniin deeggaramuufi shororkeessitoota biroo irratti kan qiyyaafate malee namoota nagaa Libaanos irratti miti jedhe.

Namoonni naannooo akka jedhanitti siidaan kuni ganda Debel keesstti mana maatii fuulduratti ture kan dhaabbate.

Gandi kuni haleellaa Israa'el Hezboollaa irratti raawwattuun warra irraa hafan keessaati.

Hogganaan waldaa Debel, Abbaa Faadii Filaayifeel ''fannoon mallattoo ulfoofi amantii tahe mancaafamuu guutummaan guutuutti mancaasna,'' jedhan.

''Mirga namoomaa kan faallesuufi gochaa nagaa qabu miti,'' jedhan.

Abbaan kuni waan wal-fakkaataa kanaan duras mudateera jedhan.

Israa'elitti ambaasaaddarri Ameerikaa Maayiik Hakaabii gochaa ''akkaan nama mufachiisu,'' kanaaf ''adabbiin mootumaa cimaafi hatattamaa tahe kennamuu qaba,'' jedha.

Netaaniyaahuun taatee kanaaf,''miidhaa gochaan amantoota Libaanosii fi addunyaa maratti qaqqabsiiseef gaabbii ibsaniiru.

Israa'eliifi Libaanos gidduugaltummaa Ameerikaan dhukaasa dhaabuuf waliigalaniillee loltoonni Israa'el daangaa kibba Libaanositti ammayyuu lafa qabachuu itti fufaniiru.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu waraana Israa'el fi garee Hezboollaa torbee ja'aa yeroo dhaabus gareen lamaan waliigalticha cabsuun wal himtu.

Ameerikaafi Israa'el Guraandhala 28 yeroo Iraaniin haleeluu jalqaban Hezboollaan deeggarsa Iraaniif Israa'elitti rookkeettii dhukaasuu jalqabe.

Israa'el duula waraanaa Bitootessa 2 Libaanostti banteen namoonni miiliyoona tokko yoo buqqa'an, daa'imman 177 akksumas hojjettoota fayyaa 100 dabalatee namoonni 2,290 ajjeefamuu qondaaloti Libaanos himu.

Qondaaloti Israa'el immoo loltoonni 13 fi namoonni nagaa lama haleellaa Hezboollaan ajjeefamaniiru.