Daqiiqota 40 qunnamtiin astironoomeroota Artemis II warra lafaarraa isaan to'atan waliin adda cite
Madda suuraa, Nasa/Reid Wiseman
Astiroonomeroota Artemis II caalaa namni amma biyyarraa fagaatee jiru hin jiru.
Karaa foddaa isaanii yoo ilaalan ammoo lafti ija isaanii duraa baay'ee xiqqaachaa deemti.
Haa tahu malee, warra lafa Huustan, Teksaas keessa taa'anii ergamicha to'atan waliin wal qunnamaa turan.
Tasgabbiin garee Nasa irraa mul'atu astiroonomeroonni kunneen akka qunnamtii qabaatan taasiseera.
Amma astiroonomerootaa fi warra lafa taa'anii isaan to'atan waliin qunnamtiin addaan citeera.
Wiixata sa'a 23:47 irratti astiroonomeroonni kunneen addeessa ykn ji'a duuba darbu. Qunnamtin raadiyoo fi danbaliin qunnamtii xiyyaar-samii astiroonomeroota baattuu fi warra lafaa to'atan gidduutti gaggeeffamu adda cita. Kan adda kutu ammoo adeessa ykn ji'a kanadha.
Daqiiqaa 40 ta'uuf astiroonomeroonni kunneen qofaa tahu. Hunduu yaadaa fi qalbii mataa isaanii waliin tahuun turu. Dukkana hawaa kana keessa qofuma turu.
Callisa guddaatu isaanitti dhagahama.
Paayileetiin Arteemis II, Viktar Giloover addunyaan yeroo kana fayyadamuun tokko taati jedheen abdadha jedhe.
Yeroo addeessa duuba taanu, nama kamiyyuu waliin qunnamtii hin qabaannu. Waan kana akka carraa gaariitti mee haa fayyadamnu jechuun balalii isaaniin dura BBCtti himeera.
''Mee haa kadhannu, akka deebinee garee keenya wlaiin wal qunnamnu hawwii gaarii keessan nuuf ergaa,'' jedhe.
Waggaa 50 dura gareen ergama hawaa Appooloo haaluma wal fakkaataa keessa darban. Haa tahu malee akka kan Appooloo 11 sanaa mudatee hin beeku.
Bara 1969 Neel Armistiroongii fi Buuz Aldriin fula addeessaa irra tarkaanfachuun seenaa haaraa hojjetan.
Koolinsi ammoo kutaa ajajaa keessa taa'uun orbiitii ji'aatti naanna'aa qofaa isaa ture. Yeroo xiyyaar-samii isaa adeessarraa gara fagootti yeroo deemtu qunnamtiin namoota lamaan adeessarra jiran waliin qabu daqiiqaa 48 tahuuf adda citee ture.
Yaadannoo isaa bara 1974 maxxanse ''Carrying the Fire' jedhu irratti dhugumaan qofummaan akka itti dhagahamee fi waanuma lubbuu qabu hundarraa akka adda bahe hime.
Garuu akka homaa hin sodaanne ibse. Raadiyoon yeroo callise nagaa fi boqonnaa isaaf kenne hime. Ergamicha warra to'atan irraa qunnamtiif ergaa baay'een isa gahaa ture. Isarraa yeroof adda citee ture.
Madda suuraa, NASA
Waa'ee ergama Artemis II
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lafarraa warra ergamicha to'atani fi deebisanii qunnamuuf yaalaniif yeroo muddamaa guddaadha. Kibba Lixa Ingilaand, Koornweel bakka jedhamutti kan argamu Buufata Lafaa Guunhiil jedhamuu xiyyaar-samii astiroonomeroota fudhattee deemte irraa danbalii qunnamtii argachuuf yaalu.
Gara isheen itti qajeelte hunda hordofuun odeeffannoo argatan hundaa Waajjira Olaanaa NASA'f ergu.
Maat Koosbii, Guunhiilitti ofisera teeknoloojii olaanaadha. Xiyyaar-samii nama qabattee ergamarra jirtu yeroo jalqabaaf hordofuu keenyadha jedhe.
''Adeessa duubatti yeroo darban xiqqoo dhiphachaa turre. Deebinee yeroo isaan qunnamnu ammoo baay'ee gammanneerra. Sababni isaas nagaa tahuu isaanii waan beeknuuf'' jedhe.
Qunnamtiin adda cituun NASA'fis tahu kaaniif waan gaariidha. Buufata tokko addeessa irratti ijaaruuf gargaara jedhe. Kunis qorannoo bal'aa achirratti gaggeessuuf oola.
''Adeessa irra walitti fuftee turuuf qunnamtii guutuu argachuu qabda. Sa'a 24 adda cituu hin qabu. Yeroo adeessarra gara qarqara fagootti deemtuyyuu qunnamtii qabaachuu qabda. Sababni isaas achis qoratamuu waan qabuufi,'' jedhe.
Sagantaaleen akka Ejensii Qorannoo Hawaa Awurooppaa adeessa irratti neetwoorkii satalaayitii adda addaa ijaaruun qunnamtii guutuun akka jiraatu gochuuf hojjechaa jiru.
Amma Artemis II jalaa qunnamtiin isaanii adda cituun qalbii isaanii guutuu addeessa irra godhachuun akka qorataniif isaan gargaara.
Suuraa fudhachuu, ji'ooloojii adeessaa qorachuu fi waan achirratti tahu hundaa qalbiin ilaaluuf isaan gargaara.
Yeroo gaaddidduun adeessaa isaan irraa ka'u qunnamtii isaan warra lafa jiran waliin qaban waan deebi'uuf boqonnaa guddaadha. Yeroo kana waan arganiifi argatan hundaa qoodu.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne