Gaardiyoolaan haala itti taphattoonni Siitii erga Arsenaal mo'anii booda gammachuu ibsatanirratti yaada kenne

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maanchistar Siitiin bara dorgommii baranaa guyyoota jaha qofaaf liigicha dursan
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa haala taphattoonni isaanii Arsenaal erga injifatan booda gammachuu isaanii ibsan irratti qeeqa dhihaateef deebii kennan.

Taphattoonni Maanchistar Siitii ''akka barbaadan gammachuu isaanii ibsachuu danda'u'' jechuun himan.

Morkiin Pirimeer Liigii Ingilaand yeroo cime kanatti Maanchistar Siitiin dursaa liigichaa Arsenaaliin 2fi 1'n mo'ateera.

Osoo tapha tokko qabanii garaagartee Arsenaal waliin qaban gara qabxii sadiitti xiqqeessaniiru.

Tapha Barnileey waliin gaafa Roobii qaban yoo injifatan immoo carraa Pirimeer Liigicha dursuu qabu.

Sababa kanaaf tapha Dilbataa booda gammachuun isaanii guddaa ture. Ta'us, xinxaltoonni kubbaa miilaa tokko tokko qeeqaa turan.

Dursaan taphattoota duraanii Ingilaand Waaynee Ruunii jarjarani jechuun yoo dubbatu utubaan duraanii Pirimeer Liigii Daan Marfiimmoo ''baay'ate'' jedheera.

Taphattoonni Siitii yeroo gammachuu isaanii ibsan waan waancaa injifatan fakkaatu ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arsenaal mo'uf ''dafqinee, cimnee taphanneerra,'' jechuun gammaduun isaanii sirrii akka ta'e dubbate Peep.

''Isaan garee guddaadha, Chaampiyeens Liigiif garee morkataa jiruufi Pirimeer Liigii dursaa jiru.

''Sarararra dhaabadhee akkatti Arsenaal taphatu yoon ilaalu kabajaa guddaa kennaaf,'' jechuun himan.

Taphattoonni Arsenaal mo'amuu isaaniin yoo mufatan, taphattoonni Siitii immoo deeggartoota isaanii waliin qabxii sadii argatan kabajataa turan.

Karri eegaa Siitii Jiyaanluji Donaarumaa utaalee deeggartoota biraa yoo deemu jifataan isaanii Erliing Halaand immoo uffata isaa ofirraa baasee isaanitti makame.

Dirree Etihaad keessatti barjaan 'daandii Landan irratti yaaddootu mul'ata' jedhuus jira.

''Akkan yaadutti xiqqoo waan baay'ate natti fakkaata,'' jedhe Ruuniin.

''Siitiin taphni jaha isa hafa,'' kan jedhe Ruuniin wanti dursanii itti gammadan booda itti qaana'u malu yaada jedhu ibse.

Daani Marfiin gama isaan ''Osoo deeggaraa yookiin taphataa Arsenaal taate, gammachuun kuni akkaan waan guddate fakkaata, akka waan waancicha mo'atan wayiitti.

''Gammachuun kuni waancichi harka isaanii akka jiru ibsachuuf waan yaadamedha. Morkataa isaanii injifachuun isin faana jirra jechuun akeekkachiisa dabarsan.''

Gareen Mikeel Arteettaa guyyoota 200 oliif liigii Pirimeer Liigichaa dursaa ture, Siitiin garuu jalqaba liigichaa Woolvis yeroo 4fi 0'n mo'atan qofa guyyoota jaha qofaaf liigicha dursan.

Maanchistar Siitiin Arsenaal irratti olaantummaa xiinsammuu qaba.

Sababni isaa gaafa Dilbataa isaan injifateera, Waancaa Kaaraabaawoo irrattis Wembileeyitti isaan mo'ee ture.

Gaafa Roobii immoo Barnileey kan bara dorgommii baranaa tapha afur qofa mo'ateefi gara Shaampiyoon Shippiitti gad bu'u waliin walitti dhufu.

Gaardiyoolaan ''Yeroo gammachuu ibsatan namoonni gammachuu keessa waan dubbatan qabu, kan gammadan cimina morkataa isaanii waan beekaniifi.

''Yoo mo'uu baanne 'nagaatti' akka jennu ni beeku ture,'' jedhe.

''Mo'anne, akkamiin gammachuu hin ibsataniree? Hamma morkataa keetiifi deeggartoota isaanii kabajan, akka feeteen gammachuukee ibsadhu.

''Gammachuukee ibsuuf hanga xumura bara dorgommiitti eeguu qabdaa? Ijoo, dhiisaa malee,'' jechuun himan.

Peep Gaardiyoolaan tapha mo'an irratti gara deeggartootaa deemaa waliin kabajadhaa nan jedhaan jechuun taphattoota isaaniitti dubbachuu himan.

Osoo morkataan isaan injifatan kilaba biraa ta'e akka hammana gammachuu akka hin ibsine dubbachuu hin dhoksine.

''Hunduu tapha sana beeka. Tapha waancaati, keessumaa nuuf. Isaaniif ta'u dhiisuu danda'a garuu unuuf tapha waancaa waan ta'ef gammachuu keenya itti ibsuu qabna.''