Dhumarra mucucaachuu Arsenaalii fi du'aa ka'uu Maanchister Siitii: Icciitii hariiroo Peep fii Arteettaa duuba...

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Barsiisaa fi barataa....amma sadarkaa olaanaatti morkattoota walii cimoo....
Ijoollummaatii jalqabanii michuu walii turan. Hiriyyummaan isaanii waggoota dheeraaf guddataa deeme.
Barootaan booda garuu tasa yeroo waliin hojjechuu irraa gara wal morkachuutti cehan hariiroon isaanii qabbanaa'aa deeme.
Inumaayyuu waggaa darbe wal dubbisaa hin turre. Ispeenii hanga Ingilizii, Baarseloonaa hanga Maanchister Siitii....Peep Gaardiyoolaa fi Mikeel Arteettaa.
Hariiroon lamaan isaanii bara 1997 jalqabe. Yeroo sana Peep Gaardiyoolaan taphataa sarara gidduu Baarselonaa jabaa ture.
Arteettaan ammo ijoollummaa isaarraa kaasee nama dinqisiifataa guddatedha. Bara 1997 yeroo Arteettaan akkaadaamii Baarseloonaatti makamu Gaardiyoolaa waliin wal arge.
Kan waliin dabarsan yeroo gabaabduudha. Garuu hariiroon isaanii jabaachaama deeme.
Arteettaan ira caalaa kan dabarse Ingiliz keessatti yoo tahu Gaardiyoolaan kubba taphachuurraa erga soorama bahee leenjisummaa isaa jalqabe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baarseloonaatii hanga Baayern Muunikitti waancaa waan hedduu mo'achuun yeroo gara Maanchister Siitii dhufu nama bor leenjisaa tahuuf dandeettii qaba jedhee itti amanu, nama haala Piriimer Liigii Ingilizii sirriitti beeku barbaade. Mikeel Arteettaa kubba taphachuu akkuma dhiiseen Peep waa'ee muuxannoo isaa osoo hin ilaaliin gargaaraa isaa godhee qacare.
Lameenuu yeroo gaarii waliin dabarsan. Waancaawwan hedduu waliin mo'atan.
Gaardiyoolaan Mikeel Arteettaa akka harka isaa mirgaatti ilaalaa ture. Inumaayyuu ana caalaa isatu leenjisa jechuun hagam akka itti amanu dubbatee ture.
Yeroo Arteettaan leenjisaa Arsenaal tahuuf murteessu hariiroon isaanii qabbanaa'e.
Kun bara 2019 gara dhumaatti yoo tahu, Gaardiyoolaan hariiroo qaban osoo hin hir'isiin yoo itti fufu Arteettaan garuu irraa of fageessuu jalqabe.
Walirraa fageenyi kun tasuma gidduu isaaniitti waan akka wal ooduu akka mudatu taasise.
Sababni isaa kana kan jedhe hin jiru. Arteettaan hirkattummaa Gaardiyoolaa malee of danda'ee leenjisummaa itti fufuu barbaade.
Bara darbe deebi'anii waliin dubbachuu jalqaban. Eenyutu akka waan kun furamuuf jalqaba barbaade garuu hin ibsamne.
Amma ammo yeroo murteessaa irratti morkii hadhooftuu gochuuf jedhu. Arsenaal qabxii jahaan osoo dursuu Itihaad irratti Maan Siitii morkata.
Tooftaa injifannoo haaraa Gaardiyoolaa
Yeroo Peep Gaardiyoolaan leenjisaa Baarseloonaa ture leenjistoonni Laaligaa fi kaan maaltu akka tahaa jiru hubachuuf rakkataa turan.
Falaasama taphaa Gaardiyoolaa ilaaluuf hunduu taa'ee eegaa ture. Liiverpuulitti dhalachuun amma Biraazil keessaa taphattoota ol adeemoo kan hordofu Andii Maanaan ''jalqaba maal akka gochaa jiru hubachuu hin dandeenye. Garuu torban torbaniin bakka qullaa ilaaluun yeroo taphattoonni gara galchiitti deemanii fi gammachuun taphatan ilaalaa turre. Ijoollee turre garuu hojii leenjisummaa isaarraa waan hedduu baranne'' jedhe.
Gaardiyoolaan garee milkaa'aa ijaareera. Akkasumas akkaataatti mo'atan haaraas argateera.
Peep osoo leenjisaa hin tahini dura yaad-rimee taphaa amma barame arfan; jifachuu, ittisuu,' offensive transition, defensive transition' jedhaman hin beekaman ture jedhe daarikterri duraanii Baarseloonaa Peep Seguuraa.
Gareen kamiyyuu ittisuun waan taphicha irraa argatan fudhatanii bahu ture jedhe.
Yeroo Gaardiyoolaan yaada kana Baarseloonaa keessatti babal'isu Arteettaanis ilaalaa guddate. Falaasamicha haala gaariin beeka.
Kanaaf erga leenjisaa tahee yaada Peep Gaardiyoolaa kana jala akkamiin dhaabbachuun mo'achuun danda'ama kan jedhu irratti Arteettaan cimsee hojjeteera.
Waggoota sadii yeroo sadarkaa lammaffaan xumuraa tures taphoota hedduu maan Siitiidhaan hin mo'amne.
Leenjisaa jabaa Gaardiyoolaa fi barataa isaa kan ture Arteettaan Dilbata kana yeroo wal morkatan kamtu akka mo'ataa tahe walitti agarsiisuuf jedhu.
Falaasama tapha Gaardiyoolaa v Arteettaa
Yeroo Arteettaan Gaardiyoolaa waliin hojjechaa ture warri beekan akak jedhanitti yeroo Arteettaan Gaardiyoolaa waliin dabarse waan akka leenjisummaa shaakaluu miti.
Tooftaa leenjisummaa jabaa dhiyeessuun beekama jedhu. Gaardiyoolaanis yaada inni dhiyeessu hedduu kabajaa fi fudhachaa ture. Keessumaa saffisaan jifachuu fi ittisuu irratti cimsee hojjechaa ture.
Arsenaalii fi Everteeniis taphatee kan ture Arteettaan cimina Piriimer Liigii fi falaasama taphaa barbaachisu Gaardiyoolaa caalaa cimsee beeka ture.
Tooftaa taphaa 'Offensive transition' jedhamun beekamu Gaardiyoolaan yeroo Baayern Muunik jiru hojiirra oolchuu jalqabe.
Maan Siitii keessatti ammo Arteettaa waliin hedduu guddisan. Arteettaan garuu waan itti ija banatedha.
Piriimer Liigii keessatti barbaachisummaa cimina qaamaa taphattootaa, murteessitootaa fi amala deeggartootaa Arteettaan haalaan beeka. Leenjisaa taanaan Ingiliz keessatti qabxiilee kanneen mo'achuuf dirqamta.
Gareen Gaardiyoolaa keessumaa bakkee lamatti caalmaa morkattootaa fudhachuun beekamu. Qindoomina jifachuu [Attacking] fi Ittisa cimaa qabaachuudha. Tapha kan isaan to'annoo isaanii jala oolchan ammo daqiiqaa dheeraaf kubba garee isaaniirra tursiisuunidha. Yeroo gareen faallaa kubba of harkaa baasu ykn dogogoru carraa argatn lafa hin buusan.
Gareen Arteettaa jalaba caalmaa kubba to'achuu [possession] irratti kan hundaa'e ture. Booda kana garuu sana dhiisuun tooftaa addaa hordofuu jalqabaniiru.
Leenjisaan duraanii Ispeen Roobert Moorenoo, Arteettaan falaasama mataa isaan taphachuun Awurooppaa keessatti garee cima aijaaruu danda'eera jedhe.
Ittisa cimaa fi sarara fuuldura airra ammo taphattoota qaamaan cimoo tahan akka Yookeres taphachiisuun carraa galchii argachaa jira.
Kaan ammo Arteettaa waan adda godhu taphichi garam akka deemaa jiru dursee ykn dafee hubachuu isaati jedhu. Kubba dhaabbatetti fayyadamuun galchii lakkoofsisuu fi ittisuu, Kubba dheeraa darbatamutti fayyadamuu fi ittisuu fa'aatu amma qabxii taphaa hedduu murteessaa jira. Kana ammo Arteettaa caalaa leenjisaan hubatu akka hin jirre warri isa beekan himu.
Gareen hedduun taphaan dura mekaanizimii taphaa shaakalan hojiirra oolchuuf qofa dirree keessa galu. Yoo haaluma jedhameen hojiirra oolchan mo'achuu malu. Yoo tasa waan duraan irratti waliigalan jalaa fashalaa'e garuu furmaata biraa barbaaduuf rakkatu. Gaardiyoolaa kan adda godhu waan kanadha. Garee isaa keessaa falaasamni duraan waliigalan yoo hojjechuu dide ykn galchiin irratti lakkaa'ame kanneen haala taphichaa dubbisanii tapha jijjiiran ykn furmaata Fidan qabaachuudha.
Garee kamiyyuu leenjise keessatti Gaardiyoolaan Kanaan beekama. Arteettaan garuu haala tapha isaa dafee jijjiiruu sodaata.
Yeroo galchiin irratti lakkaa'amu irra caalaa haaluma taphaa wal fakkaataa taphachuun beekama.
Taphattoonni isaanii sochii fi tapha addaa taphachuun furmaata barbaaduu irra hojiima isaanirraa eegamu bahachuun beekamu.
Gaardiyoolaan falaasama isaati yaadota haaraa dabalaa deema. Kun ammo gareen faallaa haala tapha isaa hubachaa deeme akka dursee hin tilmaamne taasisa.
Ittisa irraa ka'uun jifachuu irratti hedduu hojjete. Arteettaan taphattoota qaamaan gurguddoo tahan fayyadamuu barbaada. Cimina qaaamaa. Gaardiyoolaan taphattoota teeknika gahaa qaban filata. Arteettaan ammo cimina qaamaa, saffisa guddaa kan qaban filata.
Lameenuu kan wal fakkeessu ammo Piriimer Liigii keessatti barbaachisaa waan taheef taphattoota qaamaanis ciccimoo sarara duraa irraa qabaachuu isaaniiti.
Erliingi Haalaandii fi Viiktar Yookores.
Leenjisaa kamiyyuu kan cimina isaa ibsu haala rakkisaa fi muddamaa keessatti qabxii argamsiisuu danda'udha. Arteetaan amma haala akkasii keessa jira. Garee cimaa ijaareera. Piriimer Liigii sadarkaa tokkoffaan yeroo dheeraa durseera.
Maan Siitii garuu jala gaheera. Booda kana Arsenaal injifachuuf rakkataa jira. Dorgommichi xumuramuuf deema. Maan Siitiidhaan yoo mo'e Arsenaal waancaa harka galfachuun isaa waan oolu miti. Yoo Maan Siitiin mo'e garuu yaaddoo guddaa keessa galu. Dhumarratti leenjisaan kamiyyuu kan madaalamu waancaa mo'ateeni.
Yeroo muddamaatti Gaardiyoolaan hin dhiphatu. Fala barbaaduus hin dhiisu. Arteettaan garuu yeroo mo'amuyyuu kun qaama adeemsichaati jedhee amana.
Gaardiyoolaan leenjisaa ofii guddiseen amma caalamee waancaa harkaa fudhachuuf falmii jabaatti jira.
Arteettaan yoo milkaa'e Arsenaal waggaa 22 booda waancaa mo'ata. Yoo hin taane garuu deeggartoonni kilebichaa ammas gadda guddaa keessa galuu isaaniiti.















