Dhalli namaa nama tokko qofa waliin jaalalaan jiraachuun uumamaan ta'ee? Mala sirriidhaa?
Madda suuraa, Getty Images
Bara ammaa yeroo appilikeeshinoonni jaalalleewwan haaraa walbarsiisan heddummatan kanatti, namni si'a tokkoon hariiroo jaalalaa nama tokko faana qabaachuunsaa tarii kuni waan uumamaan ta'edhaa laata kan jedhu of nama gaafachiisa.
Alinaan lammii Romaaniyaa yoo taatu, magaala London keessa jiraatti. Erga namoota hedduu waliin hariiroo jaalalaa qabaatteen booda gaaffi kana of gaafatti.
"Tibba kana nama dubartoota baayyee waliin hariiroo jaalalaa qabu tokkoon walqunnameen ture. Ergasii gaaffii "akka hawaasaatti maaliif nama tokko qofa faana ta'uuf murtaa'e kan jedhu beekuun barbaada" jetti.
Malli ijoon tokko kuni akkamiin akka itti ta'e hubachuun danda'amu hariiroo walhormaataa bineensota dhala namaatti dhihoo ta'an qorachuudha.
"Gorillaan hariiroo qunnamtii saalaa hedduu kan qabu. Dhiirri Gorillaa tokko gorilla dhalaa hedduu waliin qunnamtii saalaa godha. Kanaaf jecha gareen askeessaa dhalatu abbaa tokkorraa haadha hedduurraa dhalatu jechuudha" jedhuYunvarsiitii Biristoolitti Baayolojistii kan ta'an Dr. Kit Oppii.
Toftaan kuni garuu mala walhormaataa sirrii hin taanedha. Sababni ammoo adeemsi akkanaa du'a ilmoolee hedduu hordofsiisa jedhu Dr Ooppiin.
"Gorillaa inni dhiirri ilmoo Gorillaa dhiira ta'ee fi kansaa akka hin taane amanu ni ajjeesa. Yeroo ilmoo jalaa ajjeesu haati ilmoo sanaa qunnamtii saalaa itti aanuuf qophii akka taatuf kana godha" jedhu.
Gosoota jaldeessaa dhala namaatti dhihaatan keessumaa Chimpaanzii fi Bonoboos dubartoonni isaanii toftaa adda ta'e fayyadamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartoonni Chimpaanzii Bonoboos jedhaman dhiirota Chimpaanzii hedduu waliin qunnamtii saalaa raawwatu. Kunis dhiirota hedduu waliin qunnamtii waan raawwataniif hunduu dhala kiyya jedhanii akka yaadan gochuun ilmoo dhalan balaarraa eeguuf mala fayyadamu.
dhalli namaas akkuma bineensota kanaa dhiira hedduu waliin yookan dubartoota hedduu waliin qunnamtii saalaa raawachaa turan. Malli kuni garuu waggaa miliyoona lama dura jijjiirame.
Akka Dr. Ooppiin jedhaniitti toftaan kuni akka hafu kan godhe tokko sababa jijjiirama qilleensaatiini.
"Afrikaa sahaaraan gadi bakka bineensonni qacceen dhala namaa irraa dhufe jiraatanitti gogiinsa tureen lafti gara saavaanaatti jijjiirame. Dhalli namaa ammoo bineensota bosonaa bahan kana ofirraa ittisuuf garee hedduudhaan of gurmeessaa ture"
"sammuun dhala namaa garee gurguddoo ijaaraman kana bulchuuf jecha adeemsi waa yaaduu dabalaa dhufe. Kanaaf jecha gareelee keessa dhiironni hedduun jiraatanilleen dhala eenyuu akka ta'e walii wallaaluun hafaa dhufe" jedhu.
Kana malees dubartoonni ilmoo isaanii dhiirotni dahaniif kuni akka gargaaran barbaadaa waan deemaniif adeemsi hariiroo qunnamtii saalaa nama tokko qofa waliin qabaachuu kuni cimaa dhufe.
Madda suuraa, Getty Images
Nama tokko qofa waliin hariiroo qunnamatii saalaa qabaachuun mala dansaadhaa?
Akka Dr Ooppii jedhanitti, ce'umsi gara qunnamtii saalaa nama tokko qofa faana qabaachuu kuni 'filatamaa' osoo hin taane filannoon jiru isa qofa waan ta'eefi.
Dhala namaa sammuu guddaa qabu, guddina suuta ta'e fi guddisuun inveestimantii guddaa barbaadu guddisuun waan haadholiin qofti dhuunfaan gochuu danda'an miti.
Qorannoowwaan dhalli namaa durumarraa hariiroo qunnamtii saalaa nama tokko qofa faana qabaachaa akka hin turre akekanilleen, amma namni hariiroo akkanaa qabu hariiroo isaa sanaaf amanamaa ta'uuf dirqama.
"dhala namaatiin ala gosootni biroo hariiroo qunnamtii saalaa tokko qofa qabanii fi tasuma kan biraa irratti hin barbaannee fi amanamoo ta'an jiru. Garuu baayyee muraasa" jedhu Dr Ooppiin.
"Bineensi akka dhala namaatti hariiroo qunnamtii saalaa tokko faana qabu tokko Giboon kan jedhamani. Garuu Giboononni cimdii kaan irraa adda adda bahanii jiraatu. Bosona Roobaa keessa jiraatan keessatti kamtu kami kan jedhu adda baasanii beeku"
"garuu akka dhala namaa kanatti bakka dhiirotni hedduun, dubartooni hedduun bakka tokko jiraatanitti hariiroo kana too'achuun cimaadha. Dhirsi yookan niitiinkee hariiroo nama biraa waliin qabaachuu fi dhiisuu beekuun ulfaataadha".
Madda suuraa, Getty Images
Dubartoota abbaa warraa hedduu qaban
Amala hariiroo qunnamtii saalaa nama tokko faana qabaachuu tirannaan dhufe Kanaan alatti aadaan hawaasaas hariiroo qunnamtii saalaa kana keessatti qooda guddaa qaba.
US Yunvarsiitii chikaagootti antirooolojistii kan ta'an Dr Kati Istaarkwezer, biyyoota akka Neepaal, Tibeet fi Afrikaa fi Ameerikaa tokko tokko keessaa dubartoota 50 abbaa warraa hedduu qaban irratti qorannoo taasisan.
akka isaan jedhanitti dubartoota dhirsa hedduu qaban caalaa dhiirota niitii hedduu qabantu lakkoofsaan heddummata.
"Dubartoonni abbaa warraa hedduu qabaachuun dinagdeedhaan fayidaa argachuuf isaan gargaara. Yoo abbaan warraake duraa du'e yookan yeroo dheeraaf bade dhirsa biraa baafachuu itti yaaduun barbaachisa" jedhu.
Yeroo tokko tokko ammoo hariiroo qunnamtii saalaa tokkoon ala qabaachuun qacee hormaataa irrattis faayidaa qabaachuu mala.
"Naanoo namni dhukkubsatuu fi sababa dhukkubaan du'u keessatti ijoollee qacee dhalootaa adda addaa irraa ta'an hedduu qabaachuun faayidaa qaba. Ijoolleen akkanaa Naannoo akkasii keessatti hamma ta'e fooyya'iinsa kan qaban ta'uu malu" jedhu Istarkwezer.
Garuu hariiroo qunnamtii saalaa nama hedduu waliin qabaachuun waan salphaa miti. Hariiroo hedduu kana yeroo kennanii kunuunsanii tiksuu nama gaafata.
"Dhiiralleen yoo ta'e dubartii, hariiroo nama tokkoo olii jabeessanii qabachuun ulfaataadha. Xinsammuudhaaniis, dinagdeedhaanis ulfaataadha. Sababni ijoon namni hariiroo tokko qofa akka qabaatu ta'eef tokko kana jedheen yaada" jedhu ogeettiin kun.
Madda suuraa, Getty Images
Alinaadhaaf hariiroon jaalalaa nama tokko qofaa amma dura keessa turte baayyee ishee hin gammachiisne. Amma yeroo hariiroo dhiirota tokkoo olii jalqabde kanatti ammoo miira hedduu keessa daakaa jirti.
"Inaaffaan waan ulfaataadha. Akka ani yaadutti dhiirotni nafaana ta'an kuni anaaf amanamoodha jedhee hin yaadu.inaaffaan kan najalqabu gaafan isaan anaaf amanamoodha jedhee yaaduu jalqabudha" jetti.
namoota muraasaaf hariiroo nama tokko qofa faana qabaachuun xiinsammuu fi dinagdeedhaan bilisummaa akka qabaataniif isaan gargaara.
Hiriyaa ishee keessaa tokko akkas jedha "anaaf inaaffaan waan guddhaadha jedhee hin yaadu. Kan ulfaatu hariiroo hedduu kunuunsitee eegdee tursiisuun waan ulfaatu ta'ee natti mul'ata"
Akk Alinaan jettutti hariiroo qunnamtii saalaa dhiira tokkoo olii keessa gaafa jiraattu seera ittiin bulmaataa kana jedhamu wanti dursitee keessuu hin jiru. Hariiroon akkasii kana cimaa kan godhu kana jetti.
Gaaffii 'dhalli namaa hariiroo nama tokko qofa faana qabaachuun uumamaanii ? jedhuuf deebiin "Eeyyee" yookan "Lakkii" nitaha.
Adeemsa aadaa fi seenaa keessa dhufaniin hawaasni gosoota hariiroo akkaataa hawaasummaa, dinagdee fi naannoo isaanii bu'uureffate adda addaa qabaatu.
Namoota kaaniif hariiroo nama tokko qofa faana qabaachuun jireenya salphaa fi jaalala qabu jiraachuuf gaariidha jedhu. Kaan ammo hariiroo nama tokkoo olii qabaachuun bilisummaa miiraa fi dinagdee namaaf kenna kan jedhan jiru.
akka Ketii Istarkwezer jedhanitti, dhalli namaa akkaataa hariiroo fi fuudhaaf heerumaa irratti adeemsa adda addaa qaba. "Pilaaneetii kanarra bakka adda addaa jiraanna. Bakki jiraannu kuni ammoo haalaa fi amala hariiroo keenyaa murteessa" jedhu.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne