Giiftii Elizaabet II: Jireenyashee suuraaleen

Madda suuraa, PA Media

Giiftiin Elizaabet 2ffaa jireenyishee guutuu uummata duraa kan dhokate hin turre. Daa'imummaarraa qabee hanga bara bulchiinsashee Biriteenitti dheeraa tahetti suuraaleen ilaalla.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Elizabeth Alexandra Mary Windsor Ebla 21 bara 1926, dhiyeenya Addababayii Berkeley, Landanitti argamutti dhalatte. Abbaashee Bulchaa York kan turan Albert fi haadha warraa isaanii Lady Elizabeth Bowes-Lyon'f intala jalqabaa turte.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imummaasheetti namni angoo sirnichaa qabachuun Giiftii taati jedhee yaade hin turre

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haatahu malee, ijoollummaasheetii jalqabee miira itti gaafatamummaa addaa tahe qabdi turte jedhama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Elizabeth fi obboleettiinshee 1930tti dhalatte Margaret Rose, manuma keessatti barnootasaanii hordofan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mootiin Edward 8ffaa barcumasaa fedhiisaatiin lakkisuu hordofee, abbaanshee Mootii George 6ffaa tahuun muudaman, isheenis dhaaltuu sirnichaa taate

Madda suuraa, Topical Press Agency / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita Waraana Addunyaa 2ffaa, Elizaabet fi obboleettiinshee Windsoritti akka dhatan geeffaman. Suuraa kanarratti sagantaa BBC Children's Hour irratti ergaa dabarsaa turan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Intalli mootii Elizaabet gara xumura waraanichaatti garee Auxiliary Territorial Service (ATS) jedhamutti makamuun, konkolaataa fee'umsaa oofuufi midhaassuu baratte

Madda suuraa, Bert Hardy / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 1947tti firashee fagoo kan tahe Philip Mountbatten'tti heerumte - Duke of Edinburgh jedhamuunis muudame

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imni isaanii jalqabaa suura kanarratti mul'atu Chaarlas 1948tti dhalate, ittaanees Anne 1950'tti dhalatte

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Elizabeth haadhashee wajjiin baay'ee walitti dhiyaatu ture. Asitti 1951tti cidha wayita hirmaatan mula'tu

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Fulbaan 1952, Elizabeth fi Philip abbaashee dhukkubsatan bakka bu'uun Keeniyaatti daawwannaa eegalan. Abbaanshee mootichi guyyootaan booda bakkuma rafanitti boqotan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Elizaabet oggasuu biyyatti deebite. Giiftittii haaraan umriinshee 25 qofa ture

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa owwaalcha mootichaa - Asitti haatisaa Queen Mary wayita reeffi Joorji 6ffaa Galma Westminsteritti dhufu simachaa turan. Giiftiin Elizaabet akkawoo ishee duuba dhaabbatti, haatisheemmoo gama mirgaan kan jirtudha.

Madda suuraa, Universal History Archive

Ibsa waa'ee suuraa, Achiis Waxabajjii 1953, Elizaabet Waldaa Westminster Abbey'tti muudamte

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Sirna muudaan booda Giiftii Elizaabet II fi Bulchaan Edinbiraa barandaa Masaraa Baakingihaamitti gadi bahuun, uummata harka fuudhan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biriteen ammallee rakkoo nwaraanni irraan gaheerraa bayyanachaa jirtus, namoonni tokko tokko muudamnishee milkii haarayaa taha jedhan. Asitti Giiftii Elizaabet II Galma Opera Paarisitti mul'atte

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, 1957tti Giiftittiin ergaashee guyyaa ayyaana Qillee isa jalqabaa TVn dabarsite

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Hawaasni Biritish ilaalcha maatii moototaaf qabu geeddaramaa dhufe. Duraan maatii kana ''the Monarchy" jedhee waamaa kan ture oggaa tahu, maqaa "the Royal Family" jedhuun bakka buusuu eegale.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Hojiishee irrattis otuma xiyyeeffattuu maatiisheefis yeroo kenniti turte - suuraa kanaan Giiftittiin intalashee Princess Anne wajjiin Frogmore, Masaraa Windsoritti

Madda suuraa, Mirrorpix / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 1966 istaadiyemii Wembleetti. Giiftii Elizaabet garee biyyoolessaa Ingilaand Waancaa Addunyaa mo'ateef geeba kennite.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Onkololeessa 29 bara 1966, mandara Weels Aberfan jedhamtuufi balaan sigiga lafaa bakka albuuda baasuu mudate daawwate. Balaa kanaan namoota 144 du'an keessaa, 116 daa'imman turan.

Madda suuraa, Mirrorpix / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 1969tti dokumantariin Royal Family yeroo jalqabaaf tamsa'e. Daawwattootaaf jireenya dhuunfaa fi uummataa Giftittiifi maatiishee agarsiise.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Imashee Chaarlesiif muudama Princes of Wales jedhu Masaraa Caernarfon'tti kennite. Aangoo kana umriisaa sagalitti argatus, hanga maalummaasaa hubatutti akka turfamu goote

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Bara aangooshee guutuutti suuraa kaatu keessa gosoota saree 'corgis' jedhaman wajjiin mul'atteetti. Hariiroon maatii motota kanaa fi saroota kanneenii kan eegale wayita Mootichi Joorji 6ffaa bara 1933tti ijoolleessaas saree Dookie jedhamtu wayita fidedha

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1977 biyyattiin kabaja waggaa 25ffaa bulchiinsashee kabajje. Kanaafis wayita biyyattiirra naannoftu hawaasni haalaan simate

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Kabajamtuu Giftii Elizaabet 2ffaa, torban 10 keessatti kutaa biyyaa 36 daawwatte. Bakka Avon jedhamutti yeroo ho'aa bishaan keessaa wayita bashannanan daawwatte. Kana malees kabaja kanaaf addunyaarra maayila 56,000 imalteetti

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita ishee fi abbaan warraashee dhiyeenya Barbados bidiruu Royal Yacht Britannia irra wayita turanitti xiyyaarri saffisaan beekamu Concorde gadi siquun balali'e - isaanis harka fuudhan.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Giftittiin hojiishee uummataa ittuma fufte. Suuraa kanaan abbaa warraashee wajjiin Niiw Ziilaanditti aadaa warra Maaworiin simataman.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Hagayya 1979, eessuma Prince Philip kan tahe Louis Mountbatten, wayita bidiruusaa keessa Ayerlaanditti ture boombii IRA'n ajjeefame. Maatii kanaaf fira qofa osoo hin taane, Lord Mountbatten waraana keessatti aangoo garagaraa qaba ture. Owwaalchisaas Westminster Abbey'tti raawwate.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 1981, ilmi angafaa Giiftittii Chaarles, Diyaanaa Ispeensar fuudhe. Charles fi Diana ijoollee lama godhatan - William fi Harry, achiis walhiikan. Diana balaa konkolaataa Paarisitti ishee mudateen 1997tti duute.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Haasawa 1992tti taasifteen bara 1992 "annus horribilis" jechuun ibsite. Gaa'elli ijoolleeshee sadii bara itti diigame ture, abiddis masaraa Windsoritti kahe.

Madda suuraa, David Cooper/Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Hawaasni baasii mootummaan masaraan haaromfamuu morme. Sirnichis maallaqa walitti qabuuf Masaraa Baakingihaam daawwannaaf banaa taasise.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Du'a Diyaanaa 1997n booda Giiftittiin uummata duratti dhiyaachuu hanqachuun qeeqa hedduu keessummeessite. Boodarra garuu masaraa fuulduratti gadi bahuun ergaa gaddaa uummanni fide ilaalte, biyyaafis kallattiin ergaa dabarsite.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftii Elizaabet naannoo Gilaasgow Castlemilk mana Aaddee Susan McCarron'tti argamuun shaayee dhugde. Maatiin moototaas itti dhiyeenyaan uummata argachuu eegalan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara 2000, haati Giiftittii umriishee ganna 100 kabajje - ijoolleeshee lamaan Princess Margaret fi Queen Elizabeth wajjiin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 2002tti, obboleettiin ishee Princess Margaret, fi haatishee torbanoota torba gidduutti du'aan boqotan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftii Elizaabet baruma sana keessatti wayita bulchiinsashee waggaa 50ffaa kabajju, deeggarsa guddaa argatte. Uummanni hedduu gadi bahee ishee simate.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, 2005tti, ilmi Giiftii Elizaabet angafaa yeroo lammeessoof haadha fuudhe. Ilmi mootii Chaarles fi Camilla Parker Bowles bakka Windsor Guildhall jedhamutti walfuudhan, achiis waldaa St George's Chapel kan Masaraa Windsoritti argamutti eebba fudhatan.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Elizabeth, abbaa warraashee Duke of Edinburgh, Prince of Wales fi Duchess of Cornwall wajjiin tahuun bakka Aberdeenshire jedhamutti tapha daawwachuun bashannanaa turan

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, 2007tti Giiftiin Elizaabet bakka Roehampton jedhamutti wayita rooba jalaa dahattu

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftiin Elizaabet wayita ganna 80ffaa ishee kabajju jecha Groucho Marx fayydamte: "Namuu ni jaara; kan sirraa eegamu yeroo dheeraa jiraachuudha,'' jette.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Umriishee gara boodaa keessatti yeroon itti gammadde keessaa tokko wayita ilmi ilmashee Prince William kaadhimaasaa Catherine Middleton 2011tti wayita fuudhu ture. Prince William fi haati warraasaa Giiftii Elizaabet fuulduratti gadi jedhanii harka wayita fuudhan

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftiin Elizaabet koofiyyaanshee bubbee cimaan fudhatamuu jalaa tasa oole. Ishee fi abbaan warraashee, Prince William asitti ramadame ilaaluuf gara RAF Valley'tti dhufan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Leicester daawwachuun kabaja bulchiinsashee waggaa 60ffaa 2012tti eegalte
Ibsa waa'ee suuraa, Achiis sagantaa baniinsaa Olimpiikii Landan irratti argamte. Kunis kan tahe akka taatoo fiilmiitti. taatoo fiilmii beekamaa James Bond tahuun taphatu Daniel Craig wajiin ture

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Fardishee dorgommii mo'atee waggaa 60n booda, fardishee biraa Estimate jedhamu dorgommii Waancaa '207th Gold Cup; mo'ate. Kanaanis guddoo qiliixamte.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Fulbaan 9 bara 2015 sa'aatii 17:30 BST'rra Elizaabet guyyoota 23,226, sa'aatii 16fi daqiiqaa 30 bulchite. Kanaanis Giiftii Viktooriyaa caalaa bulchite. Guyyaa sana Iskotilaanditti daandii baaburaa haaraa banuun dabarsite.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftittiin guyyaa dhalootashee waggaa 90ffaaf miseensota maatii moototaa kan biroo wajjiin, Waxabajjii 2016.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftii Elizaabet erga abbaans warrashee Duke of Edinburgh soorama bahe boodallee kophaas taatu hojiishee itti fufte. Suuraa kanaanis 2018 keessa, wayita isheen fardishee Sparkler jedhamu, dorgommii Royal Windsor Horse Show jedhamurra wayita dorgomu ilaalaa turte.

Madda suuraa, Chris Allerton / SussexRoyal

Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin baay'achaa adeeme, gamachuunis akkasuma. Guyyaa kanas warra Sussex wajjiin ilma isaanii Archiue baattee. Haati Meegaan, Doria Ragland's argamtee turte. Haatahu malee maatii keessa muddamni ture - hiriyummaan Prince Andrew lammii Ameerikaa miidhaa saalaan adabamee Jeffrey Epstein isa tokko wayita tahu, Prince Harry'n ammoo jireenya maatii moototaarraa fagaachaa ture.

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaan warraa Giiftittii Prince Philip, umriisaa ganna 99tti Ebla 9, 2021 du'aan boqote. Barkurnee jahaa oliif maddiishee tahuun gargaara ture. Suuraan gaafa owwaalchaa Giiftittiin kophaashee tahuun kaate kun, yeroo rakkisaa weerara keessatti namoonni hedduun kophaasaanii tahuun dabarsuuf dirqamuu isaaniin kan yaadachiise ture.

Madda suuraa, Duchess of Cambridge

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftii Elizaabet ijoollee afur, akkayyaa saddeet fi akaakilee 11 argiteetti

Suuraaleen hundi mirga abbentaa qabu.