Magawa: Hantuutni boombii lafa jala awwaalame foolii fuudhuun gootummaan beekamu waggaa saddeetiin boqate

Magawa, hantuutni bakka meeshaaleen dhohan jiru foolii fuudhuun adda baasuun gootummaa agarsiisee medaaliyaa warqee badhaafame umurii ganna saddetiitti du'e.

Bara hojii waggoota shanii keessatti hantuutni kun meeshaalee dhohan lafa jala dhokfaman 100 ol tahan Kamboodiyaa keessatti foolii fuudhuun akka qulqullaa'an gargaareera.

Magawaan hantuuta dhaabbata tola ooltummaa Beeljiyeem Apopo jedhamuun leenji'ee hojii isaa karaa milkaa'aa taheen hojjetaa turedha.

Hantuutni kun foolii fuudhee bakka boombii ykn meeshaaleen dhohan jiran adda baasuun akka isaan osoo namarra miidhaa hin geesisiin bahan gargaaredha.

Dhaabbatni tola aaltummaa kun torban kanarra hantuutni Afrikaa guddichi foolii fuudhuun beekamu, ''nagumaan boqateera,'' jedhe.

Magawaan fayyaa gaarii irratti argama ture. ''Irra caalaa torban darbee kana tapha isaa jaalatu taphachaa ture.'' Garuu torban irra '' suuta suutaan dadhabaafi mugaa dhufe. Guyyoota xumuraa isaa irra ammoo nyaata irrattis fedha dhabaa dhufe.''

Tanzaaniyaatti Bired jedhamuun kan beekamu Magawaan leenjii irra turuun hojii boombii lafa jala awwaalameeru foolii akka fuudhuuf gara Kaamboodiyaa geeffame. Kaamboodiyaa keessa albuudotni ykn bombiin dhohuun balaa geessisu malu miliyoona jahaa ol jira jedhamee amanama.

Hantuutni kun keemikaalota dhohan bakkeewan meeshaaleen dhohan jiru jedhame shakkamu keessaa akka foolii fuudhuu danda'utti leenji'e. Haala kanaanis lafa iskuweer Meetirii 141,000 yookaan dirree kubba miilaa 20n qixa kan tahu akka qulqullaa'u gargaareera.

Hantuutni kun ulfaatinni isaa Kiiloo giraamii 1.2 yoo tahu, dheerinni isaa ammoo seenti meetira 70 taha. Magawaan hantuuta kaan irra caalaa guddaa tahus, garuu yeroo sakatta'insa taasisee albuudota ykn meeshaalee dhohan foolii fuudhu garuu meeshaalee kannen irratti ulfaachuun akka balaa fidan hin godhu ture.

Daqiiqaa 20 keessatti lafa hamma dirree teenesii gahu sakatta'uu danda'a. Kun osoo dhalli namaa meeshaalee adda baasaniin sakatta'an guyyaa tokkoo hanga guyyoota afurii fudhachuu akka danda'u Dhaabbatni Apopo hima.

Bara 2020, Magawaan medaaliyaa warqee PDSA jedhamuun kennamu badhaafame. Seenaa tajaajila tola ooltummaa dhaabbatichaa waggoota 77 keessatti hantuuta yeroo jalqabaaf badhaasa akkasii argate tahe.

Hantuutni kun Waxabajji darbe soorama bahe, kunis umuriin isaa gara dullomaatti waan deemeef dadhabbiin waan irraa mul'ataa tureefi.

''Hundi keenyayyuu Apopo keessa kan jiruu Magawa dhabuu keenyaatti gaddineerra. Hojii dinqisiisaa inni hojjechaa turetti ni boonna,'' jedhe dhaabbatichi ibsa baaseen.

''Dandeettii inni foolii fuudhuuf qabu, hawwaasni Kaamboodiyaa sodaa lubbuukoo dhaba jedhu malee nagaan akka jiraatu, hojjetatuu fi taphatu gargaareera,'' jedhe.

Dhaabbatni Apopo erga bara 1990 as bineeldota isaa 'HeroRats' jedhu akka isaan boombii lafa jalaa foolii fuudhuu danda'anitti leenjisee guddisaa ture.