Suuraan: Hordoftonni amantaa Ortodoksii addunyaa Ayyaana Qillee haalatti kabajaa oolan

Hordoftoonni Kiristaanaa Ortodoksii Amajjii 07, 2021 (A.L.I Mudde 29, 2014) Guyyaa Dhaloota Gooftaa Iyyasuus Kiristoos yookiin Gannaa/Gannoo addunyaa guutuutti kabajaa jiru.

Itoophiyaan alatti biyyoota addunyaa birootti kabajaman suuraan qixeessineerra. Baga geessan.

Madda suuraa, Dado Ruvic / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lubni Ortodoksii Boosniyaa Maarkoo Meels jamaa bataskaana Zeenikaa Herzagoovinaatti argamu yenna geggeessan

Madda suuraa, Mussa Issa Qawasma / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Paatriyaarkii Ortoodoksii Giriikii kan Yeruusaaleem, Tiyoofiiloos 3ffaa yeroo Ayyaana Qillee kabajuuf Beeteliheemitti argaman

Madda suuraa, Mussa Issa Qawasma / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hordoftoonni amantichaa Paatriyaarkii Girikii yeroo simatan

Madda suuraa, Dado Ruvic / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Richiitiin bataskaana Maaramii Zeenikaa Boosniyaa, Herzagoovinaatti dhukaafame.

Madda suuraa, Marko Djurica / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa guddoo Sarbiyaa Beelgireeditti jiraattonni Ayyaana gubaa Bataskaana Seent Saavaa fuulduratti taasifamu hordofan

Madda suuraa, Maxim Shemetov / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Paatriyaarkiin Raashiyaa Kiriil tajaajila Ayyaana Qillee Bataskaan Kaatedraalii Kiristoos Seeviyar Moskootti argamu geggeessan

Madda suuraa, Sputnik/Aleksey Nikolskyi/Kremlin via Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin bataskaan Seeviyar naannoo jireenya isaanii Moskoon ala jirutti dungoo wayita ibsan

Madda suuraa, Khaled Desouki / AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kiristiyaanoti Kooptiikii waggaa 2000f Masrii keessa turan. Ammas lubooti Koptikii Masrii jamaa bataskaan Mikaa'eliitti walitti qabamanif kadhannaa yeroo gaggeessan.

Madda suuraa, Louai Beshara / AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kiristiyaanoti Siiriyaa/Sooriyaa bataskaana Ortodoksii Arman Damaasqootti argamutti dungoo wayita ibsan.

Madda suuraa, Burak Kara / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hordoftoota Ortodoksii Giriikii Istaanbulitti

Madda suuraa, Aziz Karimov / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii bataskaana Kaatediraalii Baakuu, Azarbaajaanitti kadhannaa taasisaa jirtu