Masrii: 'Dooniin aduu' Fara'oon umrii 4,500 qabu muziyemii haaraatti dabarfame

Dooniin durii Masrii keessaa haalaan ajaa'ibsiisaa taheefi kan warra Fara'oonotaa tahe gara manasaa haaraa Muuziyemii Guddicha Masrii Gizaatti argamutti geeffame. Godambaan dhiyeenya Piraamidotaatti argamu kun barana akka banamu eegama.

Madda suuraa, Egyptian Ministry of Tourism and Antiquity

Ibsa waa'ee suuraa, Dooniin Guddichi Kuufuu umrii ganna 4,500 ol lakkoofsise kun, bara 1954 keessa akkuma jirutti argame

Madda suuraa, Egyptian Ministry of Tourism and Antiquity

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaattonni haalaan gurguddoo tahan doonii mukarraa midhaaffame kana gara mana isa haaraatti geessaniiru

Madda suuraa, Egyptian Ministry of Tourism and Antiquity

Ibsa waa'ee suuraa, Yaadni jiru tokko - dooniin 'solar boat' ykn 'doonii aduu' jedhamu kun, fara'oonichi erga du'e booda waaqa keessa akka itti imaluuf akka tolfame amanama

Madda suuraa, Egyptian Ministry of Tourism and Antiquity

Ibsa waa'ee suuraa, Piraamidii Gizaatti argamu keessaa qotanii baasan - Piraamidiin kunis Mooticha Khufu'n kan ijaaramedha

Madda suuraa, Egyptian Ministry of Tourism and Antiquity

Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaa kana angawoonni Ijiipt, waan mukarraa hojjetame isa ''guddichaafi umurii dheeraa'' seenaa dhala namaa keessatti hojjetame jechuun ibsu

Madda suuraa, Egyptian Ministry of Tourism and Antiquity

Ibsa waa'ee suuraa, Mootichi Khufu - DhKD 2,589-2,566 kan bulche oggaa tahu, Giriikota warra durii biratti 'Cheops' jedhamuun beekama

Suuraaleen hundi mirga abbumaa qabu.