Suuraalee gaddisiisoo Indiyaatti reeffa namoota Covid-19'n du'anii gubatu mul'isan

Suuraaleen nama gaddisiisan Indiyaa keessatti tibba kana argamaa jiran biyyattiin weerara koronaavaayirasii marroo lammaffaan akkamiin akka miidhamteefi wal'aansoorra akka jirtu mul'isu. Haga ammaattis namoonni 200,000 ol sababa kanaan lubbuu dhabaniiru.

Akeekkachiisa: Odeessi kun suuraalee qalbii isin jeequu malan ofkeessaa qaba.

Madda suuraa, Danish Siddiqui / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Deelhiitti namoota maatii isaanii Covid'n lubbuu dhaban reeffasaanii itti guban

Indiyaan biyyoota addunyaa kamuu caalaa guyyoota torba dabran keessa, lakkoofsa namoota Covidn qabamanii olaanaa galmeessiteetti.

Namoonni siree hospitaalaa eeggachaa lubbuu dhabu - hanqinni Oksijinii hamaan biyyattii mudate hospitaalota muddaa jira.

Kana hordofees iddoowwan reeffi itti gubatu bakka dhabuun rakkachaa jiru. Kaan walitti fufinsaan hojjetu, hojjettoonnis boqonnaa malee hojjechaa akka jiran himu.

Amantaa Hinduuyizim keessatti, reeffa gubuun sirna awwaalchaa keessaa isa olaanaa dha. Hinduuwwan qaamni namaa fi lubbuun gargar akka bahuuf reeffi gubachuu qaba jedhanii amanu.

Magaalaa guddittii Deelhii keessa qoraan bobeessan dhabamee, aanga'oonni paarkiiwwan keessaa muka muraa jiraachuun gabaafameera.

Hanqina iddoo gubuurraa kan ka'es maatiin namni jalaa du'ee, sirnicha raawwachuuf sa'aatiiwwan dheeraa eeguuf dirqamaniiru. Kaan reeffa nama kaanii gubuufillee qoraan akka tuulaniifi sirna gaggeessuun akka qarqaaran gaafatamaa jiru.

Suuraaleen armaan gadii Delhii keessatti hojjettootaafi maatiin yeroo sirna gubuu reeffaa irratti hirmaatan agarsiisa.

Madda suuraa, Naveen Sharma/SOPA Images/Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensa maatii meeshaalee ofeeggannoo (PPE) godhachuun qoraan reeffa gubuuf gargaaru baate

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hojjetaan fayyaa reeffa gubachuuf qophaa'an bira wayita dabru

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota reefa bakka tokkotti gubuuf qoraan tuuluun mijeessaa jiran (suuraalee kanaafi kanaa gadi)

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Madda suuraa, Amarjeet Kumar Singh / Shutterstock

Madda suuraa, Danish Siddiqui / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka tokko tokkotti abiddi reeffa itti guban osoo hin dhaamin boba'aa tura

Madda suuraa, Danish Siddiqui / Reuters

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Hojjettoonni sirna awwaalchaas boqonnaa malee walitti aansuun hojjechaa jiru

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo dhiyoon asitti duuti garmalee daballaan iddoowwan reeffa gubuus hojiin garmalee itti baay'ateera.

Madda suuraa, Danish Siddiqui / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan diroonii gubbaarraa kaafame kun Delhitti sirna guubuu heddumminaan mandara tokko cinaa gaggeeffamu agarsiisa

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imni abbaan jalaa du'e kun gaddasaa imimmaaniin ibsata

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kanneen PPE uffatan kun Delhitti kanneen maatiin jalaa du'ee bo'aa jiranidha

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kaan ammoo walii waliisaanii jajjabeessu

Madda suuraa, Adnan Abidi / Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin kanneen jalaa du'an gubuuf sa'aatii dheeraa eeguuf dirqamaniiru

Suuraaleen hundi mirgi abbummaa isaanii kan eegamedha.