Konkolaataan 'Perseverance' jedhamtu Nasa'n Maarsirra qubachiise suurawwan ajaa'ibaa ergaa jirti

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech

Konkolaataan 'Perseverance' jedhamtu Nasa'n Maarsitti erge suurawwan ajaa'ibaa ergaa jirti.

Konkolaataan kun Dacheerraa kaaatee imala ji'a toorbaa booda Maarsirra Guraandhala 18, 2021 saatii 20:55 GMT irratti mikliin qubatte.

Erga Maarsirra qubattee kaastee konkolaataan kun suurraawwan hedduu nama ajaa'iban bakkeewwan irra qubatteefi naannoosheerraa ergaa jirti.

Konkolaataan kun dhooqa guddaa mudhii lafaa Pilaaneetii kanaatti kan argamu Jezero jedhamu maddii qubatte.

Konkolaataan kun ergama hojii mallattoowwan kanaan dura lubbu qabeessi Maarsirra jiraateera yoo ta'eef agarsiisan, haala qilleensaa durii qabaataa turee, ikoloojii, akkasums kattaawwan jiran amala isaanii qorachuuf. Suuraawwan konkolaataan kun ergite keessaa muraasni filamanii akka itti aanutti dhiyaataniiru.

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech/MSSS

Ibsa waa'ee suuraa, Suura jalqaba Konkolaataan 'Perseverance' kan lafa irra qubatte Maasirraa Kaameraa rizoluushinii guddaan kaafamedha. Kun kan kaafame Guraandhala 19, 2021 qubattee guyyaa tokkoon boodadha.

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech

Ibsa waa'ee suuraa, Suurri kun suura halluu qabu rizoluushiniin isaa guddaa ta'eef kaameraa garaa jalaan hidhameefiin erga qubattee kaafamee ergamedha.

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech/UArizona

Ibsa waa'ee suuraa, Erga qubattee guyyaa ja'aa booda suura ergite kanaan ammoo Perseverance ofumasheeyyu ni argamti.

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech

Ibsa waa'ee suuraa, Perseverance meeshaa ittiin odeeffannoo ikoloojii, haala qilleensaa, naankaluufi walumaagala pilaaneetichi maal akka fakkaatu sassabu fe'attee. Kaameran kana keese kun ol-dheeratee bantiirratti kan fannifamedha.

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech

Ibsa waa'ee suuraa, Nasa Perseverance maarsirratti (Guraandhala 20, 2021)

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech

Ibsa waa'ee suuraa, PIXL itti hidhameeru kaameraa suuraawwan kattaafi biyyoo dhiyeessee qulqullinaan akka fudhatu qaba.

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech/ASU/MSSS

Ibsa waa'ee suuraa, Oddoo Maars kan Dachee dabalatee Guraandhala 21, 2021 kan kaafame

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech/ASU/MSS

Ibsa waa'ee suuraa, Suura meeshaa Mastcam-Z jedhamuun kaafame

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech/ASU/MSSS

Ibsa waa'ee suuraa, Suura irraa gadi ilaaluun kaafame ammoo Wiirtuu Dhooqa Jezero kan agarsiisudha

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech/ASU

Ibsa waa'ee suuraa, Dirra Maarsi kaameraa Mastcam-Z jedhamu gama bitaan itti hidhameen kan kaafame

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech/ASU

Ibsa waa'ee suuraa, Dirra Maarsi kaameraa Mastcam-Z gama bitaan kaafameen

Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech/ASU

Ibsa waa'ee suuraa, Kutaa baqqorra dalataa dirra Maars

Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech

Ibsa waa'ee suuraa, Suura kaameraa yeroo Maarsirraa Perseverance gadi ilaaltu

Madda suuraa, Nasa/JPL-Caltech

Ibsa waa'ee suuraa, Kun ammoo paaraashuutii Konkolaataa Nasa kana waliindhukaafame yommuu ta'u akka isheen yeroo qubattu hin miidhamneef suuta jechuun akka lafa qabattu gchuuf waliin ergamte. Suurri paraashutii kun yeroo qubachuudhaaf km11 hafutti kan kaafamedha.

Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech

Ibsa waa'ee suuraa, Dirra maars kallatiidhaan kankolaataa Nasa Perseverance jalaan yeroo ka'e kan fakkaatu

Madda suuraa, NASA/JPL-Caltech

Ibsa waa'ee suuraa, Dirra maars kallatiidhaan kankolaataa Nasa Perseverance jalaan yeroo ka'e kan fakkaatu

Konkolaataan Nasa 'Perseverance' jedhamtu kun fandii yeroo hojiif barbaachisu kan waggaa Maarsii tokko qabdi. Waggaan Maarsii tokko ammoo akka kan Dacheetti waggaa lamatti tilmaamama.