Suuraalee badhaasa bara 2020 xumuraaf gahan: 'Qurxummii kolfituufi bineensa nagaa gaafatu'

Dorgommiin suuraalee bineensotaa kolfisiisoo tahanii ittin dorgoman 'Comedy Wildlife Photography Awards' jedhamu, marsaa xumuraarra gaheera. Suuraaleen dhiyaatan hundi amaloota namaa bineensotni agarsiisan nutti muldhisu.

Madda suuraa, Arthur Telle Thiemann

Ibsa waa'ee suuraa, 'Smiley' suuraa Arthur Telle Thiemann.

Qurxummii suuraa kahuuf kolfitu, bineensa 'bear' fageenyarraa nagaa dhaamatuufi qocaa bishaan keessaa aaree mul'atu - suuraaleen dorgommiif baran dhiyaatan, koomeedii waan mul'isan fakkaatu.

Dorgommiin Comedy Wildlife Photography Awards kan eegalame ogeeyyii suuraafi kunuunsa lubbu-qabeeyyiirratti hirmaatan Paul Joynson-Hicks fi Tom Sullam jedhamaniin.

Dorgommiin haala hin eegamneen namoota bohaarsu caalatti, ergaa kunuunsa bineensotaa karaa adda taheen itti dabarsanidha. Dorgommii kanas kan deeggaru dhaabbata 'The Born Free Foundation' jedhamudha.

Mo'attoonni dorgommii kanaa sagantaa badhaasaa gama intarneetaan godhamurratti - Onkololeessa 22 kan baraman taha.

Hangasitti suuraalee marroo xumuraaf gahan kanneeniin itti koflaa, bohaaraa.

Madda suuraa, Brigitte Alcalay Marcon

Ibsa waa'ee suuraa, Saamicha suuraa - Brigitte Alcalay Marcon, Paarkii Biyyaalessaa Etoshaa, Naamiibiyaa

Madda suuraa, Eric Fisher

Ibsa waa'ee suuraa, 'Akkam jirtu?' - Eric Fisher, bineensa 'bear' Alaaskaatti

Madda suuraa, Daniele D'Ermo

Ibsa waa'ee suuraa, Alaattii meeshaa muuziqaa taphatu - Daniele D'Ermo, Filooridaa

Madda suuraa, Mark Fitzpatrick

Ibsa waa'ee suuraa, Qocaa bishaan keessaa quba harkaan nama arrabsu - Mark Fitzpatrick, Awustiraaliyaa

Madda suuraa, Petr Sochman

Ibsa waa'ee suuraa, Walirraa hiiqna maaloo! - Petr Sochman, Sirii Laankaa

Madda suuraa, Marcus Westberg

Ibsa waa'ee suuraa, Mukaa'uu - Marcus Westberg, Yugaandaa

Madda suuraa, Yarin Klein

Ibsa waa'ee suuraa, Hundi keenya hiriyaa akkasii qabna - Yarin Klein, Raashiyaa

Madda suuraa, Ayala Fishaimer

Ibsa waa'ee suuraa, Falmii cimaa - Ayala Fishaimer, Israa'el

Madda suuraa, Christina Holfelder

Ibsa waa'ee suuraa, Balaqqama peenguwiinii - Christina Holfelder, Odolawwan Falkland

Madda suuraa, Martin Grace

Ibsa waa'ee suuraa, Waan namni jedhuuf gurra hin kennu - Martin Grace, Botiswaanaa

Madda suuraa, Asaf Sereth

Ibsa waa'ee suuraa, Kolfa tasaa -Asaf Sereth, Keeniyaa

Madda suuraa, Gail Bisson

Ibsa waa'ee suuraa, Rifeensa yeroo Koovid - Gail Bisson, Filooridaa

Madda suuraa, Ken Crossan

Ibsa waa'ee suuraa, Kolfa cimaa - Ken Crossan, Iskootilaand

Madda suuraa, Sally Lloyd Jones

Ibsa waa'ee suuraa, Simbira seera cabsite - Sally Lloyd Jones, Iskootilaand

Madda suuraa, Wei Ping Peng

Ibsa waa'ee suuraa, Baay'ee hoa! - Wei Ping Peng, Jaappaan

Madda suuraa, Femke-van-Willigen

Ibsa waa'ee suuraa, Qoosaa hiriyootaa - Femke-van-Willigen, Nezerlaandis

Madda suuraa, Charlie Davidson

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroon hirriibaa ka'uu gaheera - Charlie Davidson, Varjiiniyaa

Madda suuraa, Thomas Vijayan

Ibsa waa'ee suuraa, Xiqqaafi guddaaf gammachuu - Thomas Vijayan, Indiyaa

.