Suuraalee: Yeroo koronaaavayirasiitti Musliimoti Iid aal-Faxiir akkamiin kabajan?

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Muusliimoti Indooneshiyaa salaata irratti hirmaachuun dura ho'iinsi qaama isaani ilaalamaa ture.

Erga ji'a Ramadaanaa waliirraa faggaachuufi mana ooluun dabarsanii booda, Musliimooti ayyaana Iid aal-Faxiir kabajataniiru.

Ayyaana amantaa Islaamaa gurguddoo lamaan keessaa 'ayyanni sooma hiikaa' isa tokkodha. Ji'a soomaa qulqulluu Ramadaanaa dhuma irratti yeroo addeessi ba'u eegala.

Akka barametti, hawaasni hundi ba'e masjiida naannoo isaa jirutti salaata Iid irratti hirmaata.

Garuu sababa koronaavayirasiin biyyootiin yedduu sochii ugguranii waan jiraniif, bara kana namoota hedduuf Iid adda ta'ee jira.

Ayyaanni kun yeroo addeessi mul'atu irratti waan hundaa'uuf, guyyaan Iid biyyoota gidduutti adda adda.

Fakkeenyaaf, Somaaliyaafi Keeniyaatti Sanbata kabajuu eegalani. Indooneeshiyaa fi Taayilaand ammoo Dilbata eegalani.

Biyyooti tokko tokkotti ammoo Musliimooti sooma Ramadaanaa har'a Wiixata xumurani Iid aal-Faxiir kabajatu.

Suuraalee kabaja ayyaanichaa mul'isa addunyaa iddoo gara garaa walitti qabne daawwadha.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Indooneshiyaa masjiidaa Banda Akehitti namootni walitti qabamaniiru.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gaazaatti salaata Iid aal-Faxiiriif Muuslimooti maaskii uffachuufi walirraa fagaachuun argamaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dilbata, Jibuuttiitti amantoonni yeroo salaatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Roomitti, amantoonni masjiida galuun dura ho'iinsi qaama isaanii safaramaa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Paakistaan , Pashiwaaritti tatamsa'ina Covid-19 hir'isuuf jecha hojjattoonni lafa salaati Iid itti gaggefamu keemikaalaan qulqulleessa turani

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Cheechiniyaa masjiida Giroozni jiruutti tola ooltonni maaskii uuffatanii amantootaaf gilaavii kennaa turani

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Iraan, Teehranitti namootni maaskiifi gilaavii uffatanii waliirraa fagachuun ayyaanicha kabajaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyootii tokko tokkotti garuu uummanni hedduminaan walitti qabameera. Suraan kun salaata Albaaniyaatti gaggeefame agrasiisa.

Suuraaleen hunda mirga abbummaan nama gaafachiisu.