Koronaavaayiras: Musliimonni sochii dhorkame keessatti Ramadaanatti jiru
Madda suuraa, AFP
Musliimonni guutuu addunyaarra jira Ramadaana bara kanaa haala adda ta'een dabarsaa jiru. Biyyoonni tatamsa'inna koronaavaayiras hir'isuuf masjiidonni cufamaniiru, namoonni baay'innaa akka walitti hin qabamne dhoorkamaniiru.
Kunis Musliimonni biiliyoona 1.8 ta'an yeroo aduun baatuu hanga seentutti nyaatarraa, dhugaatiirraa, xuuxuurraa, akkasumas saal-qunnamtiirraa of qusataniidha.
Yeroo baay'ee maatiifi hirriyyoonni sooma hiikuufi salaataaf jecha walitti qabamu.
Bara kana garuu ji'a qulqulluu kana manasaaniitti dabarsaa jiru.
Ramaadaanni kalaandarii Islaamaa keessatti ji'a sagalaffaa yoo ta'u, gaafa Kamisaa jalqabe. Biyyoota koronaavaayiras haalan miidhe keessatti miira gaddaatiin kan Ramadaana kana dabarsaa jiran.
Masjidni Iyyaruusalaam keessatti argamu Al-Aqsaan walakkaa ji'a Bitootessaa kaasee cufamaadha, akkasumas ji'a Ramadaanattis hin banamu.
Magaalaan qulqullu Islaamaa Makkaanis weerara kanaan miidhamtee jirti.
Madda suuraa, AFP
Madda suuraa, Reuters
Madda suuraa, AFP
Madda suuraa, Reuters
Madda suuraa, Reuters
Madda suuraa, Reuters
Madda suuraa, AFP
Madda suuraa, Reuters
All images subject to copyright.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne