Roobni bubbee makate badii geessise suuraan

Roobni bubbee makate daangaa Mozaampik, Maalaawii, fi Zimbaabuwe rukuteera. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani (UN) akka jedhutti balaa qilleensaan hemisfeera Kibbaa rukute keessaa isa badaa ta'u mala.

Ummanni miiliyoona hedduu ta'u kallattii roobni bubbee makate jiru jiraatu. Kanneen keessaa magaalaan buufata doonii qarqara galaanaa Mozaampik argamtu Beyiraa jedhamtu haalaan miidhamte.

Madda suuraa, Reuters

Hanga ammaa balaa kanaan namoonni 200 Mozaampikitti du'anis pirezidantiin biyyattii Filippee Niyusii garuu kana caaluu danda'a jedhu. Magaalaa Beyiraa (gubbaa ul'atu) irraa namoonni 100,000 ta'an baraarfamu qabu jedha mootummaan Mozaampik.

Madda suuraa, Getty Images

Ammallee dhibba kan ta'an waan achi buuteen isaanii dhabameef, ummanni jijjigaa gidduu maatii isaa barbaadaa jira.

Madda suuraa, Getty Images

Zimbaabuweetti (jala kan mul'atu) kanneen miidhaman sanduuqa reeffaa keessa yeroo baataman.

Madda suuraa, Getty Images

Maatiin dhihoo owwaalcha erga takkaa raawwatuf bakka yeroo qixeessan:

Madda suuraa, Getty Images

Riqichi laga umvumvuu guyyaa muraasa dura ture amma akkanatti baduu isaa namoonni bakkas jiraatan waan amanan hin fakkaatu.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Getty Images

Keenyaan manneen waan jigeefi baaxiin waan qilleensaan fudhatameef jireenyaaf rakkisaa ta'eera.

Madda suuraa, ADRIEN BARBIER

Daandiin waan caccabef gargaarsa geessuun rakkisaa ta'ee jira.

Madda suuraa, Getty Images

Barattoonni mana barumsaa Zimbaabuwe Seent Chaarlis Luwaangaa jedhamu keessaa waraanaan baraaramaniiru. Karaan mana barumsaati itti deebi'an waan cufamef kara biraa dhoqqee keessa miila qullaa adeemaa turan.

Madda suuraa, Getty Images

Ummanni balaa kanaan waan qabu hunda dhabe gargaarsa eegaa jira.

Suuraan asin gadi ka'e akka mul'isutti lolaan badii guddaa geessiseera. Midhaan, manneeniifi jireenya hawaasichaa baleesseera.

Madda suuraa, AFP

Suuraaleen hunduu mirga abbentaa qabu.