Suuraan: Lammiileen Itoophiyaa ayyaana Cuuphaa kabajan

Madda suuraa, BBC/Amensisa Negera

Hordoftoonni amantaa Ortodoksii Itoophiyaa ayyaana Cuuphaa ykn ximqataa kabajan. Ayyaanni kuni cuuphaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoos Laga Yordaanoositti taasise yaadachuuf kabajama.

Magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneetti hordoftoonni amantichaa kuma hedduu ta'an gaafa Jimaataa, gaafa jala bultii ayyaanichaa, daandiiwwan gurguddoo magaalichaa guutanii gara Jaanmeedaa imalaa turan.

Madda suuraa, AFP

Madda suuraa, AFP

Manneen kiristaanaa tokkon tokko taabota ajajawwan kudhan irratti barreeffame lafa cuuphaati geessu.

Madda suuraa, BBC/Amensisa Negera

Kanneen meeshaa afuuraa kan aadaa, xurumbaa afuufan dura bu'u.

Kunis isa Macaafa Qulqulluu irratti yeroo taabonni bakkaa sosso'u xurumbaan afuufameera kan jedhu yaadachuufi.

Madda suuraa, BBC/Amensisa Negera

Madda suuraa, BBC/Amensisa Negera

Madda suuraa, BBC/Amensisa Negera

Hggantoonni mana amantaa, uffata amantaa uffachuun wanta tajaajila amantichaaf oolu qabatani faana bu'u.

Madda suuraa, BBC/Amensisa Negera

Madda suuraa, BBC/Amensisa Negera

Farfattoonni faarfachaa hordoftoonni amantichaas harka waliin rukutaa waliin hordofu.

Madda suuraa, BBC/Amensisa Negera

Gaafa Jimaataa galgala Jaanmeedaa bulani Sambata ganama cuuphaan hin raawwata.

Suuraaleen gaazexessaa Amansiisaa Nagaraafi kan AFP dha.