Balaa Xayyaaraa: Xiyyaara fe'isaa dhiyeenya magaalaa Teehraanitti kufee namoonni 15 du'an

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarri kun dallaa manneen jireenyaa fi buufata xiyyaara adda baasu cinaatti cabe

Xiyyaara fe'isaa dhiyeenya magaalaa Teehraanitti kufeen namoonni 15 du'an

Haala qilleensaa rakkisaa ta'e keessatti xiyyaarri fe'isaa Booyiing 707 balali'aa ture buufata xiyyaaraa Faazitti qubachuuf osoo jedhu kufee caccabe jedhameera.

Injinara balal'iinsaa xiyyaaricha lubbuun oolee gara hospitaalaatti geeffame tokkoon alatti kan hafan 15 du'uu humni waraanaa Iraan beeksiseera.

Xiyyaara qabeenyummaan isaa kan Iraan ta'e kana keessa namoonni turan hunduu lammiilee Iraan ta'uun beekameera.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Injinarri balal'iinsaa xiyyaaricha lubbuun oolee gara hospitaalaatti ergameera

Xiyyaarri kun magaalaa guddoo Kirgistaan irraa foon fe'atee imalaa ture. Caccabaan Xiyaarra kanaa dhiyeenya magaalaa Tehraanitti manneen gidduutti argameera.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lubbuu baraartotni bakka caccabaa xiyyaarichaatti argamu