Masriin bataskaana guddicha Gidduu-Gala Bahaa naannoo Kaayirootti bante

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Phaaphaasii Tewadiroos lammaffaa(haraka bitaan)fi Pireezidant Abduul Fattaah Al-siisii(harka mirgaan)

Pireezidantiin biyyattii Abduul Fattaah Al-siisiin boombii naannichatti dhuka'e guyyaa tokko booda, bataskaana Kaatedaraalaa guddicha bulchiinsa magaalaa haaraa baha Kaayirootti argamutti baname eebbisaniiru.

Bataskaanni haaraa baname kun kabaja ayyaana jala bultii dhalachuu Yasuus Kiristoos Dilbata kaleessaa eegumsa nageenyaa guddaatiin kabajeera.

Gaafa Sanbataa, magaalaa Naasiritti poolisiin meeshaa akka dhuka'uuf baaxii irratti dhoksame fashaleessuuf otoo yaalu du'e.

Hordooftoonni amantaa Ortodoksii kooptikii uummata biyyattii amantaan Musliimaa itti baay'atu keessaa harka 10 qabatu.

Namooti baayyeen mootummaan biyyattii ni looga, eegumsa gahaas hin taasisuufi jedhu.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Waaqeffattoonni gara bataskaanicha haaraa galuuf sakatta'insa meeshaa sibiilaan deeggarame sadii keessa darban.

Hordoftoota amantaa Kiristaanaa mankaraaressitoota irraa eegumsa nan taasisaaf kan jedhan Al-siisiin bataskaanichi haaraafi masjiidni Al-Fattaah Al-Aleem yeroo wal-fakkaataatti banamuun ergaa takkummaa dabarsu jedhan.

''Nuti tokko gara fuulduraas tokko taanee fufna'' ergaa jedhu Muuslimootaafi Kiristaanotaaf dabarsan.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Bataskaanni haaraa ijaarame namoota 8,000 qabata.

Madda suuraa, AFP/Getty

Phaaphaasiin Firaansiis, phaaphas Tewoodiroos lammaffaa Aleeksaandariyaa sirna amantaa halkanii batsakaanichaa gaggeessaniif nagaa dhaamaniiru.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Phaaphaasiin Tewaadiroos lammaffaa banamuu bataskaanichaaf dhugaa baatota akka tahan dubbataniiru.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Bataskaan meeshaalee faayame, bataskaanichi Kaayiroorraa karaa bahaa kiloometira 45 fagaata

Masjiidni haaraan Al-Fattaah Al-Aleem namoota dachaa bataskaanni kun qabatuu qabachuu danda'a. Bataskaanichifi Masjidichi magaalaa bulchiinsaa haaraa jala jirtutti ijaaraman.

Madda suuraa, EPA

Madda suuraa, EPA

Abbeentaan suuraa akkuma suuraa irratti eerame dha.