Magaala Kaayiroo piraamidoota Saqaraa keessatti awwaalchi luboota turan waggoota dheeraan booda argaman

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessitootni akka bakka abuurraa kana seenan eeyyamameefii yeroo suuraa kaasan.

Qorattootni awwaalcha dinqisiisaa lubootni gaafa du'an keessa kaa'aman waggoota 4,400'f osoo hin tuqamiin ture argatan.

Barreessaa olaanaan mana maree olaanaa hambaawwanii Masirii, Musxafaa Waazirii, argannoo adda tahe waggoota kurnan booda galmaa'e jechuun ibse.

Suuddoowwan yookaan awwaalchi kunneen piraamidoota walxaxoo Saqaaraa magaalaa Kaayiroo cina jiran keessatti kan argaman yoo tahu barreeffamoota Haayirogiloofiksii fi siidaa Fara'oon ofirraa qabu.

Suuddoowwan halluu fi suuraa garaagaraan mimmiidhakfamanii argaman kunneen abbaa qabeenyaa awwaalichaa kan tahan maqaa luba kabajamoo Waatiyee jedhamu fi haadha warraa, harmee fi firoota isaan moggaafameera.

Qorattootni hambaa Mudde 16 naannicha qotuun qorannoo gaggeessuun wantoota hin argamiin biroo kan barbaadan yoo tahu, lafee luba achitti awwaalamees argachuu danda'u jedhameera.

Wantootni qorattootni argatanis kana fakkaata.

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suudduu bakka awwalcha dhuunfaa lubootaa piraamidoota Masir gidduutti argame

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suudduun kun awwaalamee kan ture yoo tahu saamtota kanaaf miliqe fakkaata.

Madda suuraa, AFP/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Keenyan suuddoo kana barreeffama Masirootaan faayameera.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Siidaa namoota afurii keenyan siidicha irratti bocaman.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Musxafaa Abdoo dursaa qonna qorannoo kanaati. Suuddoon kun dheerina m10, bal'ina m3 fi hojjaa m3 qaba.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Uummata Masir biratti lubni bakka olaanaa qaba, waaqolii gammachiisuun hojii isaanii dursaati jedhama.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Halluun suuddoowwan kanneenii bifa hin baramneen waggoota 4,400'f osoo waa hin tahiin turaniiru.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Umuriin hambaaleen kanneenii, bara bulchiinsa Daayinastii shanaffaa bara 2,500 hanga 2,350tti bulchee irraa eegala.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa lubichaa fi maatii isaa kaafame agarsiisudha.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Qorattootni bal'inaan qorachuun hanga reeffa luba achitti awwalamee argachuutti deemuuf karoorfataniiru.

Suuraaleen hunduu mirgi isaanii kan eegamedha.