Torbee Afriikaa suuraan: Suuraalee filataman keessaa Itoophiyaan afur gumaachiteetti

Suurawwan mimmiidhagoo guutummaa ardii Afriikaa irraa torban kanaaf filaman kanneen armaan gadiidha.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Lammileen Itoophiyaa buufata xiyyaaraa Gondaritti yeroo keessummaa simachuuf ba'anitti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Yaa'ii nagaa Gaanfa Afrikaa uumuuf gaggeessitoonni Ertiraafi SomaaliyaaIsaayyas Afa-warqiisi Mohaammed Abdulhaaii Mohaamed garee shubbistootaadhaan yeroo simatamanitti...

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedaanti Isaayyaa (bitaa) Mohaammed (mirgaan) Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimed waliin yeroo Baahir Daaritti hospitaala eebbisiisan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni baandii yeroo eebba Hospitaala Baahir Daar miidhagsuuf taa'anii hanga saatiin ga'utti yeroo eegan.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa Kamisaa garee naga eegan kan UN yeroo baha DRC Beenii jedhamtu daangaa Yugaandaa irratti argamtu caqasaa jiranitti...
Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni yeroo boo'icha nama garee warra mormitootaa Yugaandaadhaa ajjeefame irratti argamanii boo'an.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Laayibeeriyaa keessatti mormitoonni Imbaasii Ameerikaa duratti ba'anii

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Dursaan poolisii yeroo mormii Laayibeeriyaa kan Monorooviyaatti ture caqasanitti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Masir Kaayiroo keessatti qorattoonni arkiyooloojii awwaala durii keessatti fakii adurrii bifa moloksee argan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggoota garee kubbaa miilaa Al Ahly Masirii erga kilabiin isaanii garee kilaba biyya Tuniiziyaa Esperance jedhuum mo'amee miira keessa turan…

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Tuniiziyaa 3-0 qabxii ta'een Rades keessatti mo'achuun shaampliyoonaa CAF sadaffaa akka argatan taasiseera.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Giifti Dureen Firaansi (bitaan) yeroo Giifti Duree Mutaaniyaa yaadannoo Waraana Addunyaa I waggaa 100 kabajanitti...

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezedaantii Chaad Idiriis Derbii (bitaa), Gaggeessaa Maalii Ibraahim Baabubakar (gidduu) fi pirezedaantii Senedaal Maakii Saal (mirgaa) yeroo masaraa Elisee keessaa ba'aa jiranitti …

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo orkestiraan loltuu Afriikaa Kibbaa Darban keessatti yaadannaa Waraana Addunyaa I irratti agarsiisan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Zimbaabuwee Haraareetti poolisoonni eebbifaman yeroo itti hiriiraan dhaaabbatan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisoonni Zimbaabuwee Haraaree keessatti yeroo Pirezedaantiin darbutti agarsiisaatti jiru.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Miidhaginna Addunyaa Jappaanitti qophaa'erratti Zimbaabuwee bakka buutee kan hirmaatte Taaniyaa Taatendaa Aaron …

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Eebba baabura akka Afriikaatti saaffisaan tokkooffaa ta'ee Morookoon eebbisiifte yeroo eegdonni keessummoota simatan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Wixata darbe barattoonni Morookoo magaalaa Raabaatitti yeroo waa'ee murtee yeroo gannaa eegduu yeroo ta'an mormuun daandiitti ba'an.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Sirbituun beekamaa Yugaandaa Boobii Waayin Sanbata darbe erga Agayya darbe hidhamee booda yeroo jalqabaatiif waltajjii sirbaattii yeroo deebiyetti.

Suuraawwan kunneen AFP, EPA, Reuters fi Getty Images irraa kan walitti qabamanidha.