Sudaanitti sigigoon lafaa namoota fixe
Sudaan naannoo tabba Daarfuuritti sigigoo lafaa mudateen yoo xiqqaate namoonnii 50 du'uun mirkanaa'e.
Naannoo baadiyyaa Jebel Mara jedhamutti bokkaa cimaa roobeen tabbii sigigaatee mananneen jireenyaa naannicharratti garagaluuni balaan kun qaqqabe.
Aangawaan naannichaa Amiin Muhammad Osmaan BBC' tti akka himanitti namoota du'an keessaa baayyoliinidaa'immani.
''Bakki balaan kun qaqqabe fagoo waan ta'ef bilbilli moobaayilaallee hin hojjetu. jiraattootni naannichaa km 7 deemanii bilbila argatu. Nuti ammaa deeggarsa walitti qabuuf yaalaa jirra''
Balaan kun Jimaata darbe qaqqabe.
Isin hin darbiin
Maaltu haasa'ama?
Baay'ee kan jaalatame
Qabiyyeen kun hin argamne
{{rankTranslation}}