Afriikaa Kibbaa: Saamicha manneen daldalaa lammiilee biyyoota biraa irratti xiyyeefate

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lammii Somaalee abbaa suuqii Sowetootti miidhaman keessa. Afriikaan Kibbaa lammiilee biyyoota biraa hedduuf lafa jireenya turte.

Hannaa suuqiiwwan qabeenyaa lammilee biyyoota biraa irratti xiyyeefachuu Sowetootti Roobii har'aa gaggeeffameen lubbuun namoota sadii galaafatameera jedhee poliisiin.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Daldaltoonni suuqii akka mi'oota guyyaan irra darbee fi sirrii hintaane gurguru jedhuun komataniin booda hiriirri eegalamu gabaasni biyyaatti bahu mul'ise. Abbaan suuqii lammii Somaalee tokko erga mucaa mankuusaa isaa hatuuf jedhe erga dhukaasuun ajjeesseen booda jeequnsichi itti cime.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Suuqiiwwan lammiilee biyya biraa kan lammiilee Itoophiyaa dabalatee saamameera. Abbootiin qabeenyaa suuqii tokko tokkoos lafa jeequmsi itti gaggeefame irraa qabeenya danda'an baachuun baqachusaanii himaniiru.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Jeequumsaafi hanna raawatameen walqabatees hanaga ammaatti poolisiin namoota 27 to'annoo jala olchuusaa himeera. Jeequmsa walfakkaataa bara 2008tti biyyattiitti umamee tureen namoonni 62 ajjeefamuu fi isaan keessaa 41 lammiile biyya biraa yoo ta'an 21 ammoo kan biyyattii turan.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaaltoonni aleellaan ajjeechaa attamiin akka raawwatame wayita qoratanitti. Namoonni hedduun akka hidhaman eegama.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Security has been stepped up following the protests and violence and shopkeepers were told to temporarily close their businesses.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Abboottiin qabeenyaa suuqii kana boodas jeequumsi akka hinjiraannee sodaachaa jiru. "Asi mootummaan hinjiru. Osoo motummaan jiraatee tya'ee, dhimmoota kanneen ni to'atu ture,'' jiraataan tokko.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Jeequmsii isa bara 2008 fakkaatu sun umamuu danda'a soodaan jedhu jiraachuu gabaasaan achitti argamu himeera.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Aangawwoonni naannichaas suuqoonni mi'oota yeroon itti darbe gurguru jedhuu akka qoratu himeera.