Suuraawwan ajaa'ibsiisoo Afriikaa: Hagayya 24-30 , 2018

Suuraawwan filatamoo Afrikaanota Afriikaa keessaa fi Afrikaan alaa kan torbee kanaa.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Masirii ganda al-Giizaa keessatti wayita mucayyoon waggaa saddeetii maangoo kutattu, Wiixata darbe....

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Qonnaan bulaan kun muduraalee mukarraa ciraman utuusaan saamsaminii gurgurtaaf hin qophaa'in bira taa'ee adda baasaatti jira.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Biriteen wayita Pirezidaantii Naayijeeriyaa dubbisan, Roobii, Hagayya 29, 218, Abujaatti.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensota jila Namiibiyaa, kan sirna haftee reeffa namoota wayita sirna kolonii Jarmanii gocha sanyii balleessuutiin dhumanii deebisuurratti argaman, Roobii, Hagayya 29,2018.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Paarlaamaa Afriikaa fuulduratti deggertoonni Paalastaayin fi kan Israa'eel bakka tokkotti hiriira nagaa ba'an.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sagantaa baqattoota Ameerkaa walitti fiderratti dubartiin Democratic Republic of Congo irraa dhufte tokko yeroo jalqabaaf garba keessa ejjette, Kibxata, Hagayya 28, 2018.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileetiin Afriikaa Kibbaa fulaa 'Port Elizabeth' jedhamutti dorgommii 'Ironman' kan ji'a dhufu dorgomamuuf shaakala gochuuf wayita qophaa'u, Kamisa, Hagayya 30, 2018.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Tuuniziyaa, Tuunis keessatti dubartoonni wayita ulfaatinasaanii of madaalan. Kamisa ,Hagayya 30, 2018.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Iddoo gataa caccabaa sibiilaa 'Aglogbloshi' jedhamu kan Gaanaa Magaalaa Akraa keessatti argamutti gurbaan kun sibiila fedhu barbaadaa jira, Wiixata, Hagayya 27, 2908.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Keebiloonni wayita gubatan meeshaalee gati qabeessa kan deebi'anii hojjiirra oolantu keessaa argamu.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Yugaandaa magaalaa Kampaalaa keessatti dargaggoonni wayita Akrobaatii hojjetan, Sanbata, Hagayya 25, 2018.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Dorgommii fiigicha re'ootaa fi fardeenii kan Yugaandaa magaalaa Kampaalaatti geggeeffame, Dilbata, Hagayya 25, 2018.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii ofee ka'aa jirtu, Yugaandaa magaalaa Kampaalaa keessatti. Sanbata , Hagayya 25,2018.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Wayita Pirezidaantiin Zimbaabwee Emmersan Mnangagwa wayita kakuu seenan dubartiin kun 'vuvuzela' afuufaa turte, Dilbata, Hagayya 26, 2018.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Daawwannaan Ministira Muummee Biriiteen Tireezaa Meeyi erga xumuramee booda Loltuun Keenyaa kun alaabaa buusaa jira, Naayiroobii, Masaraa biyyaalessaa.

Suuraaleen AFP, EPA, Getty Images, PA fi Reuters