Suuralee Afrikaa torban kanaa: Caffee keessaa daakuu fi nyaata Rolex

Suuraalee babbareedoo Afrikaa keessa filataman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Sudaan Kibbaa - intalli xiqqoon tokko caffee keessa gaafa Dilbataa taphachaa turte. Maatiin intala kanaa waraansa waliinii baqatanii iddoo kana jiraachaa jiru.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Masrii, Kaayiroo - Ayyaana Iid al-Adihaa duratti ilmi abbaansaa gaala gurguru, gabaa gaalaa keessatti kolfee taphata.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Maalii, Baamaakoo - Jala bultii ayyaana Iidaa irratti, dubartiin hiinnaa harkaan faayamte akkasiin agarsiisaa turte.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Ibaafoo, Naayijeeriyaa - gaafa ayyaana Iid al-Adihaa intalti abbaashee waliin wayita salaatan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Moqaadishuu, Somaaliyaa - gaafuma ayyaanaa, gurbaan qawwee taphaa (sobaa) wayita taphatu. Maatiin ijoollee isaaniif gaafa ayyana kanaa yeroo baayyee qawwee sobaa akka kennaatti bituuf.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ceuta, Spain - godaantonni Afriikaa keessaa wayita wiirtuu godaantotaa hgahan akkasitti gammachuusaanii ibsatan
Ibsa waa'ee suuraa, Maqalee, Itoophiyaa - Dubartoonni Ayyaanni Ashandaa kabajamuusaatiin dura gara gabaa bahuun faayaa fi meeshaalee isaan barbaachisu bitatu.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Naayijeeriyaa, Osun Sacre Grove - Malkaa kabajamu fi safeeffamu kanatti namoonni bishaan kun dhukkubarraa akka fayyisuu fi warra dhala dhabaniif furmaata akka tahu amanu.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Ugaandaa - miseensi paarlaamaa mormituu fi weellisaa kan tahe Boobii Waayin, gocha biyya kaaduun himatame.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kaampaalaa, Ugaandaa - namichi kunammoo nyaata chaappaatii jedhamu wayita tolchaa turetti. 'Rolex' lammiilee Ugaandaan hedduu jaalatama. Innis kuduraan garagaraa chaappaatiin maramee dhiyaata.

Mirgi suuraalee kan AFP, BBC, EPA fi Reuters