Hindiitti gudeeddiin mucaa dubaraa waggaa 8tii dheekkamsi akka babal'atu godheera

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Gudeeddiifi ajjeechaan sukaneessaa Asiif Baanoo irratti raawwate uummata dheekkamsiise

Hindiitti haala suukanneessaa ta'een namoota baay'een gudeedamuufi ajjeefamuun mucaa dubaraa waggaa 8tii dheekkamsa guddaa kaaseera.

Reeffi mucaa dubaraa Asiifaa Baanoo, warra godaantoota Muslimaa irraa dhalattu, Hindii kutaa biyyaa Kaashmiir magaalaa Kaatuwaatti Amajjii darbe bosona keessatti argame.

Gareen cichitootaa hawaasa Hinduu namoota gocha kanaan shakkamanii qabamaniif deeggaruun erga mormaniin booda, dhimmichi akka biyyaatti mataduree guddaa ta'ee tureera.

Yakki suukanneessaa akkasii waldhabdee amantaa kaasuunsaa namoota baayyee aarseera.

Qondaala mootummaa sooruma bahan, poolisoota afuriifi shakkamtoota biroo dabalatee poolisiin du'a Asiifaaniin wal qabatee namoota saddeet to'annoo jala oolcheera.

Shakkamtoonni deeggarsa argachuun isaanii dhimmicha mataduree ho'aa akka ta'u godheera. Miidiyaaleen hawaasummaas haashtaagii #justiceforAsifa - haqni Asiifaaf jechuun yeroosuma sochiitti ka'an.

Du'a Asiifaa namooti baay'een du'a mucaa dubaraa waggaa 22 kana dura Deelihiitti namoota baayyeen gudeedamtee ajjeefamte waliin walfakkeessuun Tiwiitarii isaanii irratti barreessaniiru.

Madda suuraa, Suuraa maatii Asiif irraa argame

Ibsa waa'ee suuraa, Asiif Baanoon mucaa waggaa 8tii turte

Mormii itti fufaa

Hogganaan paartii Koongireesii mormituu Raahuul Gaandii Kamisa darbe Deelihiitti sirna mormii dungoo ibsuu adeemsifame geggeessaniiru. Yakka sukanneessaa dubartoota Hindiirratti raawwatamu xiyyeeffannoo akka argatuuf jecha hiriiroonni dabalataa karoorfamaniiru.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Hindiitti Haqa Asiifaa deebisiisuuf hiriirri dabalataa karoorfameera

Hoggantuun Koomishinii dubartootaa Deelihii Siwaatii Maaliwaal, dubartootaafi ijoolleef eegumsi foyya'aan akka kennamu dhiibbaa gochuuf yeroo hin murtoofneef akka soomtu dubbatteetti.

Rogeeyyii fi dubartooti baayyeenis Deelihiitti hiriira bahuuf karoorfataniiru.