Ispoortii Addunyaa: Suuraalee torbee kana jaalataman 10

Suurota Ispoortii torbee kan addunyaarratti kaafaman keessaa adda ta'uun filataman

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wichiitaa, Amerikaa, Sadaasa 17: Garee kubbaa kaachoo Kolleejjii Michigaan wayita galchii abbaa qabxii 3 Joordaan Puule'n galcheen morkattoota isaanii galchii 64-63 injifatan miira gammachuu ture mul'isa.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Piyoongichaan Kooriyaa Kibbaa, Sadaasa 18: Sangantaa cufiinsa Olompiikaa Gannaa Kooriyaa Kibbaa Istaadiyoomii Piyoongichaangitti, suuraa wayita Faajjii baattotni biyyoota addunyaa faajjii biyya isaanii qabatanii deeman.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Anistaad Noorwaay, Sadaasa 11: Lammiin biyya Indiyaa Leelaa Kirishnaan Geengoo Arkitik keessatti shaakala cabbiirra sigaagaachuu erga xumuree booda wayita cabbii dinqisiifatu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Leesester, Inglaand Sadaasa 18: Peedroon tapha Cheelsii waliin taphatan irratti erga goolii galcheen booda gammachuusaa faajjii Koornaa dhiituun wayita ibsu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Areesh Bufoor, Fraans Sadaasa 14: Dorgommii Tuur de fraans cabbiirra sigigaachuu Piyeera Mentaa naannoo bufoor.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yunaatid Isteets, Kaalifoorniyaa, Sadaasa 18: Hu'aan Maartiin del Potroo Rogeer Federeriin yoo injifatu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yunaaytid Arab Emireet, Dubaay Sadaasa 16: Namoonni lama waldhaansoo tapha aadaa paakistaan irratti yoo hirmaatan suura agarsiisu. Taphni kun Dangal ykn Kushtii jedhamuun beekama.Taphni kun tapha daqiiqaa 15 ti.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jaapaan, Fijii Sadaasa 15: Waldorgommii cillimfoo lixuu addunyaa kan meetira 10 irraa suura fudhatame.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Cheltenhaam Ingilaand Sadaasa 16: Dorgommii guluffii Fardeenii namoonni 262,637 ta'an daawwatanirraa suura fudhatame.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dubaay Yunaaytiid Arab Emireet Sadaasa 16: Hasan Hamaada utaalcha dheeraa waldorgommii dubaayitti qophaayerratti wayita utaalu suura fudhatame.