Atileetota Olimpiikii Gannaa irratti Afriikaa bakka bu'aniin wal-baraa

Madda suuraa, Loic Venance/AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen 'Bobsleigh' Naayijeeriyaa yeroo jalqabaaf Afriikaa bakka bu'uun ispoortii kanarratti hirmaata.

Afriikaanonni Olimpiikii Gannaa Piyoongichaang 2018 irratti hirmaatan eenyufaadha?

Olimpiikii Gannaa Piyoongichaang, Kooriyaa Kibbaatti Guraandhala 9, 2018 irraa kaasee taasifamu irratti biyyoonni Afriikaa saddeet ni hirmaatu.

Afriikaan ardiilee ho'i guddaan keessatti argamu keessaa tokko waan taateef, haala qilleensaa gosoota dorgommii Olimpiikii Gannaa kan akka sigigoo cabbiif ta'u hin qabdu.

Ta'us garuu, dorgomtoonni biyyoota Naayijeeriyaa, Eertiraa, Gaanaa, Keeniyaa, Maadagaaskaar, Afriikaa Kibbaa, Morookoo fi Toogoo biyya isaanii bakka bu'uun Olimpiikii Piyoongichaang 2018 irratti hirmaatu.

Biyyoota Naayijeeriyaa fi Eertiraaf ammoo kun hirmaannaasaanii jalqabaa waan ta'eef, seenaa haaraadha.

Odeeffannoon waa'ee dorgomtoota Piyoongichaangitti Afriikaa bakka bu'anii kunooti.