Suuraalee Afrikaa dadansaa torban kanaa: Mudde 1 -7 2017

Filannoo suuraalee babbareedoo Afriikaa fi lammiilee Afriikaa ardiiwwan biroo keessaa dabalatee, kan torban kanaa

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kan jalqabnu ofee (selfie) magaalaa guddoo Naayijeeriyaa, Abujaatti ka'aa jiruuni. Dubartoonni gaafa Kibxataa dubartoota aangeessuun itti caale ha cimu jechuun hirira bahan.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaa itti aanu, lammiin Koongoo-Biraazaaviil Fiifii Lukuulaan, Meeksikootti chaampiyoonaa Addunyaa ulfaatina kaasuu qaama miidhamtootaa irratti dorgomte.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartiin Kaameroon Vanessa Djiepmou Medibe Chaampiyoonaa Kubbaa Harkaa Dubartootaa Addunyaa Jarmanitti qophaa'e irratti, wayita taphattoota Nezarlaandis waliin morkattu.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Shubbistuun biyya Seneegaal gaafa Kamisaa, baniinsa dirree xayyaaraa idiladdunyaa Daakaaritti irratti wayita taphattu.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Muuziqaa aadaa Buubuu jedhamuun beekame kan weellisu, artistiin Siyeraa Liwon Jaankaa Naabaay, Festivaala Magaalaa Faransaay, Reneetti,suuraa kahuuf qophaa'e- kunis Roobii ture.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaadhuma kana lammiileen Aljeeriyaa, Magaalaa Aljiyers keessa jiraatan, pireezidaantii Faransaay daawwachuuf foddaa irraa gadi ilaalaa turan...

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Imaanu'el Maakroonif daawwannaa isa jalqabaati. Aljeeriyaan koloneessituu Faransaay irraa bilisummaa argachuuf waraana hadheessaa gaggeessite.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa Kamisaa ammoo, Tuuniziyaatti Pireezidaantii Ameerikaa Donaald Traamp mormuun, alaabaa US guban. Sababni isaas pireezidaantichi Yerusaalem magaalaa guddoo Israa'el erga jedhaniin booda.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa Sambataa ammoo godaantonni paarlaamaa Giriik fuuldura, Ateensitti argamutti - baqattoonni Afriikaa Liibiyaatti gurguramuu morman...

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kibxata - Haati gara Awuroppaa cehuuf yaalii taasiftee Liibiyaatti hafte, gara biyyashee Naayijeeriyaatti erga deebitee suuraa kana kaate.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyuma sana, ijoolleen mooraa UN magaalaa guddoo, Jubaatti argaman, fakkii Pireezidantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir wayita kaasan.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan qomaa ol Emersan Mnaangaagwaa Masaraa Biyyaalessaa Zimbaabwetti fannifame. Kunis kan ta'e pireezidaantii haaraa biyyattii ta'uun kakuu erga raawwatanii guyyoota 10'niin booda.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imni tokko wayita masaraa dulloome hoogganaa duraanii Zaayer, biyya wayita ammaa Rippabliika Deemokraatawaa Koongoo jedhamtu - Mobuutuu Sesee Seekoo keessa wayita deemtu - Dilbata.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyuma kan, addeessi guddichi (supermoon) Tulluu Teebil Maawunteen jedhamu gubbaatti mullatte. Tulluun kunis Keepp Taawon, Afriikaa Kibbaatti argama.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Qopheessituun waltajjii Torban Faashinaa Siwaahilii, magaalaa guddoo Taanzaaniyaa, Daar es Salaamitti wayita bilbilashee ilaaltu - Sambata Duraa...

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Waltajjiin kunis waggaa waggaan kan qophaa'u wayita ta'u, faashina biyyoota Afaan Siwaahilii haasa'anii Bahaa fi Giddugala Afriikaaa kan beeksisudha.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Modeelonni dhiiraa kunneen, kalaqa kanneen akka amartii funyaan irra kaa'amu godhatanii dhufaniiru. Dizaayinni kun lammii Zaanzibaar, Faaruq Abdallaa jedhamun kan dhihaatedha.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftiin Ingiliiz Elsaabet, UKtti ambaasaadara Naayijeeriyaa Joorj Adesolaa Oguntaadee fi haadha warraa isaanii nagaa fuudhan. Kunis kan ta'e, guyyaa Roobii Masaraa Baakingahaamitti.

Suuraalee kanneef galannisaa AFP, EPA fi Reuters