Suuraawwan Afriikaa ciccimoo torbee kanaa : Onkoloolessa 20-26, 2017

Filannoo suuraalee ciccimoo Afriikaa guutuu fi lammiilee Afriikaa biyyoota addunyaa biroo kessa jiraatanii.

Madda suuraa, Reuters

Nagaan ergaa namoota kabaja guyyaa goototaa Keeniyaa 'Mashujaa Day' irratti suuraa ofee ka'an kanaati. Ayyaanichi jimaata darbe Naayiroobiitti kabajame.

Madda suuraa, AFP

Istaadiyeemii Mohaammad 6ffaa Kaasaabilaankaa keessatti Sambata darbe wayita kilabiin Morookoo Wiidaa Kaasaabilaankaa, tapha chaampiyoonsi liigii Afriikaa irratti kilabii Aljer USM mo'ate, deeggartoonni akkanatti gammachuu isaanii ibsatan.

Madda suuraa, AFP

Hojiiwwan lammii Nayijeeriyaa kan ta'e Amedee, Roobii darbe torbee agarsiisa Faashinii fi Diizaayinii Leegoos irratti dhiyaatan, yaadni isaa faashinii naayijeeriyaa fi Afriikaa beeksisuu dha.

Madda suuraa, AFP

Filannoo irraa deebii Keeniyaa irratti deeggartoonni mormitootaa mormii cimaa gaggeessan. Namichi kun Roobii darbe mukukkula qabatee mormii isaa dhageessisaa ture, naannoo Kibeeraa jedhamutti.

Madda suuraa, Reuters

Namichi kun ammoo achuma Kibeeraa keessatti dawoo keessaa wal-falmii poolisootaa fi mormitootaa ilaala. Kuni gaafa filannichaa kamisa ture.

Madda suuraa, AFP

Miseensonni waldaa Leegoo Maariyaa Keeniyaa kunneen ammoo gaazii imimmaaniin miidhamanii jiru, Naayiroobii naannoo Mataaree jedhamutti.

Madda suuraa, Reuters

Godaantonni Afriikaa hojii barbaadan kunneen Liibiyaa naannoo magaalaa Misraataa daandii qarqara taa'anii hojii eeggataa jiru.

Madda suuraa, Reuters

Shamarreen Sudaan kibbaa kun kaampii baqattootaa Niguunyiyeel keessatti kibxata darbe wayita Ambaasaaddarri mootummoota gamtoomanii naannoo Gaambeellaa Itoophiyaa daawwatan kaafamte.

Madda suuraa, EPA

Haadha warraa Neelsan Maandellaa duraanii Girasha Machel fi barreessaan mootummoota gamtoomanii duraanii Kofii Aanaan, taatee 'Mandela Walk' jedhamu Landan, Weestmiinistar keessatti qophaa'e irratti argamanii turan.

Madda suuraa, Reuters

Namichi lammii Biriteen Toom Moorgaan jedhamu kun Afriikaa Kibbaatti afuuffeewwan walitti hidhaman 100 oliin kiiloomeetira 25 lafarraa samii keessa ol fagaatee yoo balali'u. Kun Jimaata darbe ture.

Madda suuraa, EPA

Kun ammoo lammiin Afriikaa Kibbaa Maayik Sheelebach, taatee bishaanirra sigigaachuu wiixata darbe magaalaa Keeptaawonitti ta'e irratti dambalii galaanaa meetira shan dheeraturra wayita imalu agarsiisa

Suuraaleen AFP, EPA, PA fi Rooyitars irraa argaman