Torbee Afriikaa suuraawwaniin: Onkololeessa 6-12, 2017

Suurawwan filatamoo torban kanaa Afriikaa keessaa fi kan Afriikaawwani addunyaa irraa filataman.

Madda suuraa, AFP

Ijoolleen dhiiraa Soomaalii magaalaa Moqaadishuu naannoo Hamaarweynee fuuldura gamoo dulloomaa jijjigetti guyyaa Jimaataa yeroo taphatanii fi daakan.

Madda suuraa, AFP

Lammii Afriikaa Kibbaa magaalaa Kep Taawoonitti tapha raagbii Ispiringboksii fi kan Niw Ziilaand All Blacks jedhamu dura gaafa Sambataa yeroo uffata aadaan faayame agarsiisu

Madda suuraa, AFP

Balaa ibiddaa gaafa Sambataa magaalaa guddoo Gaanaa Akiraa keessatti konkolaataan boba'aa qabate erga boba'ee booda.

Madda suuraa, EPA

Dizaayinara Ayivoori Koost Miss Zaahuuyi agarsiisa dizaayinii gaafa Sambataa Abijaanitti agarsiifame irraatti.

Madda suuraa, EPA

Ardii biraa, agarsiisa biraa. Diizaayinariin Angoolaa Naadir Taati gaafa Dilbataa torban faashinii Liizbanitti adeemsa adurreen miidhagde.

Madda suuraa, Reuters

Taphni gulaallii waancaa addunyaa A.L.A bara 2018'f Gibxii fi Kongoo Biraazaavil gidduutti gaafa Dilbataa taasifame deeggartoota hedduu dirree kubbaa miilaa Borg El Arab Aleksaandiriyaatti argamu hawwate ture.

Madda suuraa, EPA

Gareen Gibxii 2fi 1'n injifate jechuun waggoota kurnan lamaan gidduutti yeroo duraaf waancaa addunyaaf darban jechuu dha.

Madda suuraa, AFP

Atleetonni muraasa xumura torban darbe gammoojjii Tuuniziyaa 100km dheeratu keessa imalaniiru. Lammiin Morookoo Mohaammad eL-Moraabitii kan mo'e yoo ta'u waan dafqa isaa bakka buufatu kennameeraaf.

Madda suuraa, EPA

Filannoon gaafa Kibxataa Laayibeeriyaatti erga taasifame guyyaa tokko booda deeggarttoonni dhaaba Joorj Wiihaa (Coalition for Democratic Change jedhamu) deeggaran eenyu akka filatame baruuf raadiyoo yeroo caqasan.

Madda suuraa, Reuters

Poolisoonni gaafa Roobii mormii deeggartoota dhaaba siyaasaa mormituu Keenyaa, NASA, to'achuuf yeroo dhaabbatan...

Madda suuraa, Reuters

... seeraa fi nageenya kabachiisuun deeggarttoota pirezidaantii Uhuuruu Keenyaataas ilaallata.

Madda suuraa, EPA

Hojii aartii guddaa Johaanisbargitti artistii 'Falko'n akka tasaa gaafa Roobii hojjetame. Hojiin kuni namoota naannoo magaalaa imalanii fi nama kana hojjate agarsiisa.

Madda suuraa, EPA

Shubbistoonni Afriikaa Kiibbaa Johaanisbargitti gaafa Kamisaa shaakala xumuraaf aartii ' Snow White-The Ballet' jedhamuuf wal tajjIi seenuuf yeroo qophaa'an.

Suurawwan AFP, EPA, PA and Reuters