Ardii Afrikaa keessatti haalaan guddaa fi ammayyaa kan ta'e agarsiisi artii magaalaa Keep Taawoonitti baname

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Hojii aarrtii lammi Kibba Afrikaa Athii-Paatraa Ruugaa duubni isaa fakki faashinii addaa adaan bareechamee.

Afriikaa keessatti isa guddichaa kan ta'e daawwachiisi aartii ammayyaa kan ardii Afrikaa fi Afriikanota biyya ambaa keessa jiraataniin qophaa'e Afriikaa Kibba magaalaa Keep Taawon keessatti baname.

Godambaan aartii Afrikaa ammayyaa Zeitz Mookaa bakka agarsiisni kun qophaa'e dha.

Gamoo godambaa kanaa dizaayinaraa manaa kan ta'e lammii biyya Ingiliiz Toomaas Helzeerwiik bifa boca hanqaaquu itti baasuun mana kutaalee hedduu qabutti jijjiire.

Namoonni daawwannaa kanaaf dhufan jalqaba irratti kan argan, diraaganii balali'u guddicha laastikii irraa artistii Kibba Afriikaa Niikoolaas Hlooboo jedhamuun hojjetame dha.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Galma guddicha godambaa kanaa siidaawwan lammii Afrikaa Kibba Nikoolaas Hlooboon hojjetamanitu baay'iinaan kessatti argamu.

Hojiileen aartii dhihaatan hedduun isaanii kan walitti qabaman, nama agarsiisi aartii kanaaf gargaarsa gudda godhe lammi Jarmanii fi hojii geeggeessa olaanaa Puumaa durii kan ta'e Joocheen Zeitz dha.

''Namoonni Afriikaa kana irratti argamuu qabu.'' ''Kun godambaa koo yookaan kan Waterfirontii utuu hinta'in - kan Afrikaati,'' jechuun dubbateera.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Saayruus Kaabiruu, nama wagga 32 lammi Keenyaa artistii kalaqaan beekama bara 2016 jedhame mogafameedha.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Gogaa loonii kan namaa fakkeessuun kan hojjetee artistii Afrikaa Kibba Naandiiphaa Matamboo ti.

Dawwatama gudda kan argate kessa tokko hojii nama lammii Gaanaa, El Anaatsuuy jedhamu kan torbee darbe badhaasa 'Premium Imperial International Arts Award' jedhamu injifateen hojjetame dha.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Kun kaartaa ardiwwan adduunyaa kan kooperii fi aluminami irraa El Anaatsuuy hojjete dha

Qeeqxonni, agarsiisni aartii kun hojii artiistota Afriikaa bebbeekamoo kan hin hirmaachisinii dha jedhu.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Keendeel Giirs bara 1993 xuuphii suphee fannisuun darara aparthaayidii kibba Afrikaa irra gahe kan ittin agarsiise.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Gadambaa (muziyeemiin) daawwanaan artii kun keessatti qophaa'e dur bara 1920 kessa gombisaa minaanii ture.

Seensi namoota paaspoortii biyyoota Afrikaa qaban hundaaf torban kessatti yeroo murtaa'ee bilisa dha.