Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidantiin Keeniyaa Ingiliffa Naajeeriyaanotaatti qoosuun dheekkamsa kaase
Pirezidantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo akkaataa Naajeeriyaanonni itti afaan Ingilizii dubbatan ykn loqodni Ingliffaa isaanii hubachuuf waan nama rakkisuuf hiikuu barbaachisa jechuun ifatti dubbate.
Yaada pirezidantichaa hordofee miidiyaa hawaasaarratti qeeqniifi dheekkamsi dhaga'ameera.
Wixata lammilee Keeniyaa Xaaliyaan jiraatan waliin haasaa wayita taasisetti Ruutoon, "yoo Ingiliffa Naajeeriyaanonni dubbatan dhaggeeffattan, maal akka isaan jedhan dhaga'uu hin dandeessan - nama afaan hiiku isin barbaachisa," jechuun gama kaaniin ammoo Keeniyaanonni "addunyaarratti Ingiliffa isa filatamaa ta'e" dubbatu jechuun of jajeera.
Dubbiin Pirezidant Wiliyaam Ruutoo kun Naajeeriyaanotaafi Afrikaanota biroo irraa toora interneetiirratti mormii cimaa kaaseera.
"Afaan Ingiliffaa afaan kolonii [sirna gita bittaati] malee safartuu qaroomuu, dandeettii ykn guddina biyyaalessaa miti," jechuun gaazexeessaan Zimbaabuwee Hopewel Chin'onoo.
Lachuu biyyoota kolonii Biriitish kan turan, Keeniyaa fi Naajeeriyaan Ingiliffa afaan hojii goachuurratti imaammata wal fakkatu qabu. Haata'u malee, caas-luuga gara garaa fayyadamuun tokkoon tokkoo isaanii akkaataa itti dubbatan garaa gara ta'e gabbifataniiru.
Garaa garummaan kunneen dhiibbaa afaanota biyya keessaa calaqqisiisu - Naajeeriyaa afaanota 500 ol kan akkaataa Ingiliffa itti dubbatan irratti dhiibbaa qabaachuu danda'u kan qabdu yoo ta'u, Keeniya akeessatti ammoo Baantuu, Naayilootikiifi Kushetik makachuun loqoda Ingiliffaa biyyattii keessatti dubbatamurratti dhiibbaa qaba.
Wiliyaam Ruutoo hawaasa diyaasporaa Xaaliyaan walitti qabee haasaa taasiseen, sirni barnootaa Keeniyaa afaan Ingliffaa bareedaafi jabaa ta'e uumeera jechuun diqisiifatee, kan yeroo Naajeeriyaanonni Ingiliffa dubbatan hubachuun garuu rakkisaadha jedhe.
"Barnootni keenya gaariidha. Ingiliffi keenya gaariidha. Addunyaa irratti afaan Ingiliffaa hunda keessaa filatamaa ta'e dubbanna. Yoo yeroo Naajeeriyaanonni dubbatan dhaggeeffattan, maal akka isaan jechaa jiran hin beektan.''
''Yeroo isaan Ingiliffa dubbatan nama afaan hiiku isin barbaachisa," jechuun namoota galma keessa turan kofalchiise.
"Addunyaarrattis nuti humna nama baratee baayyisee filatamaa ta'e qabna. Kana leenjii dabalataatiin caalaa itti cimsuu qabna," jedhe Ruutoon.
Dubbiin Wiliyaam Ruutoo kun ammoo miidiyaa hawaasaarratti komii bal'aa kan kaase yoo ta'u, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa gaggeessaa Keniyaa kana, "miira gadi aantummaa haala koloneeffatamuurraa dhufe" calaqqisiisuu isaatiin jabduu qeeqaniiru.
"Ruutoon Ingiliffa biyya badhaasa Noobeelii ogbarruu mo'attetti qoosaa jira. Biyya [Chuunaa] Achebee, Chimaamaandaa," jechuun senaatarri duraanii Naajeeriyaa Shehuu Sanii biyya tokkottii barreessitoota baayyee beekamoo kanneen akka Chuunaa Acheebee, Chimamaandaa Nigoozii Adiichee fa'a warra badhaasa Noobeelii biyyattii qofa mo'atan ta'uu eeruun X irratti maxxanseera.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa biroo Ruutoon dhimmoota jajjaboo kaasuun haasaa lammileen isaa Xaaliyaan keessa jiraniif taasise keessatti qalbii gara biraatti haqaauurra rakkoo qaala'insa jireenyaafi hoji-dhabdummaa osoo kaasee wayya jechuun gaafataniiru.
Keeniyaa fi Naajeeriyaa gidduutti wal harkisoon toora interneetiirratti yeroo baayyee kan mul'atu yoo ta'u,baayyinaan waltajjiiwwan miidyaa hawaasaa akka X irratti waraana saayibarii cimaa, qoosaa fi yeroo tokko tokko ammoo yaadawwan siyaasaati.
Afaan keessa wal ba'uun kun akkaataa idileetti wal bira qabamee ilaalamuu dinagdee, aadaa fi ispoortii , muuziqaa pooiin ta'ee, yeroo dhiyoo asitti ammoo yaada siyaasaa irratti kan fuulleffate ta'aa dhufeera.
Jalqaba ji'a kanaarra, Pirezidantiin Naajeeriyaa Bolaa Tinubuu Keeniyaanotarraa mormiin karaa toora interneetii isa mudatee ture. Kun ammoo yaada pirezidantichi , ammam gatiin boba'aa biyya keessaa ol ka'ullee Naajeeriyaanonni, "lammilee Keeniyaafi kan biyyoota Afrikaa biroorra baayyee foyyee qabu" jechuun yaada kennuu isaa hordofeeti.
Ruutoon yaada adda baasee kallattiin eeruun dubbachuu baatullee, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa akka gara garaatti hiikkatanillee, dubbiin isaa kun deebii Pirezidantii Naajeeriyaa Tinubuuf kan kennamedha jechaa jiru.
Mootummaa Ruutoo irraa deebiin ifatti kenname hin jiru, garuu Keeniyaanonni tokko tokko karaa toora interneetiitiin isa cinaa dhababataniiru. Akka deeggartoonni Ruutoo jedhanitti, dubbiin isaa haala keessatti dubbatame keessaa ala ta'ee akka hin taanetti hiikkaan itti kennameera jecha ajiru.