Itoophiyaatti dubartii waggoota hedduuf dhukkubsataa turte keessaa cirrachi hadhooftuu 500 ol bahe

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

"Baattuun hadhooftuushee guutummaatti cirrachaan kan guutame ture," jedhu ogeessa baqaqsanii yaaluu

Waldhaansi baqaqsanii yaaluu Hospitaala Waliigalaa Ispeeshaalaayizii Waldiyaatti taasifame dubartii waggoota sagaliif cirracha hadhooftuun rakkaachaa turteef haara galfii uumera.

Hospitaalichatti Ispeeshaalistii baqaqsanii yaaluu kan ta'an Dr. Simaachaw Asras, waldhaansa baqaqsanii yaaluu ALI Ebla 12, 2018 dubartii waggaa 34 irratti taasifameen cirrachi hadhooftuu 534 baattuu hadhooftuushee keessaa bahu BBCtti himaniiru.

Dubartiin tun waggoota sagal darbaniif dhukkuba garaachaati jedhamanii rakkachaa turuus himan.

"Kanaan dura yeroo baay'ee dhaabbilee fayyaa deemaa turan. Yeroo baay'ee 'dhibee garaachaati' jedhamaa yaalii fudhachaa turan, garuu jijjiirama hinqabu ture" jedhan.

Haa ta'u malee "qorannoon altiraasaawundii (ultrasound) yemmuu taasifamutti baattuun hadhooftuushee guutummaatti cirrachaan kan guutame ture" jedhan.

Dubartiin yaaliin godhameef yeroo ammaatti haala fayyaa gaariirratti akka argamtu kan himan ogessichi, "Cirrachi bahe baay'ee waan tureef isheenillee yeroo ofbeektu baay'ee raajeffatte" jedhan.

Gama biraatiin "Waggoota sagal guutuu hanguma ayyaanni dhufu isaan dhukkuba, nyaata cooma qabu hinsooratan akkasumas ol isaan deebisa ture" kan jedhan Dr. Simaachaw, kanaan booda dhibeen kun itti deebi'uu akka hin dandeenye himaniiru.

Ka'umsafi gosoota cirracha hadhooftuu

Cirrachi hadhooftuu gosoota garagaraa akka qabu ogeeyyiin fayyaa himu.

"Gosti cirracha hadhooftuu yeroo baay'ee uumamu immoo cirracha kolestirooliiti" kan jedhan Dr. Simaachaw, gosa cirrachaa kanaaf sababni ijoon furdina akka ta'e himaniiru.

Kana malees dubartoonni dhiirota caalaa saaxilamummaa akka qabanis himu. Haaluma kanaan "dubartootarratti dhiirota caalaa hanga dachaa kudhaniitti uumama" jedhan.

Sababni dubartootarratti baay'inaan uumamus hormonoota yeroo dahumsaafi harma hoosisuu uumamaniin walqabatee hammi kolestiroolii qaamasaanii keessaa waan dabaluuf akka ta'e eeran.

"Keessattuu haadholii dahanirratti yeroo baay'ee mul'ata" jedhan.

Dabalataan haalli omisha seelii dhiigaa diimaa yemmuu miidhamu akkasumas baattuufi ujummoo hadhooftuurratti infeekshiniin yeroo umamus cirrachi hadhooftuu uumamuu akka danda'u himaniiru.

Mallattooleefi ofeeggannoo

Baattuun hadhooftuufi garaachi qaama namaa keessa naannoo tokkotti akka argamanfi mallattoon dhukkuboota lamaaniis walfakkaataa akka ta'e Dr. Simaachaw himu.

"Mallattoosaa yoo ilaalle naannoo garaachaa gara oliitti miirri dhukkubbii ni dhagahama. Dhukkubni kun nyaata erga sooratanii boodas ni hammaata" jedhan.

Dhukkubni garaachaas mallattoo walfakkaataa akka qabu kan himan ogeessichi, 'dubartiin kun dhukkuba garaachaati jettee yaalamaa kan turtes kanumaafi' jedhu.

Dabalataan dhukkubichi darbee darbee ol nama deebisuu akka danda'ufi yoo infeekshiniin uumameera ta'emmoo ho'i qaamaa dabaluu akka danda'us himu.

Namoonni mallattoolee eeraman ofirratti argan gara mana yaalaa deemuun qorannoo taasisuufi yaalii argachuu akka qabanis gorsu.

"Yeroo tokko tokko osoo hinbeekamin turuun ujummootti rakkachuun akkasumas infeekshinii hamaa fiduun miidhaa hanga lubbuu dabarsuu gahu fiduu danda'a" jedhan.

Kanaafis namoonni furdina qaban hamma koleestiroolii isaanii yeroo yeroon sakatta'uu akkasumas sochii qaamaa taasisuun akka barbaachisu himaniiru.