Lola kana keessatti, sa'aatiin warra Iraan dheeraa dha jedhe dippilomaatiin US duraanii
Itti bahi waraana US fi Iraan ''sa'aatii eenyutitu ariifata'', kan jedhurratti hundaaya jedha dippilomaatiin duraanii US fi gorsaa pirezdant Baayiden kan ture Daavid Saatarfiild.
"Akka hubannaa kiyyaatti sa'aatiin Iraan dheeraa dha", jedhe dippilomaatichi turtii BBC Radio 4 waliin tolcheen.
"Dandeettiin miidhaa diinagdee isaanii kan US fi Prezdaant Tiraamp caala irra wayya," jedhe.
Dippilomaatichi balaa maraammartoo muddamaa keessa akka hin seenne akeekkachiise.
"Yoo US Iraan waliin muddama lafarraatti hammeessite, dandeettiin Iraan biyyoota Galoo galaanaa haaloo bahuu "miidhaan isaan mudatu kan US Iraanirraan dhaqqabsiiftu caalaa hammaata"